Open main menu

Wikipedia β

Oromiyaa
Flag of the Oromia Region.svg
Ethiopia-Oromia.png
Biyya: Itoophiyaa
Magaalaa Guddaa: Finfinnee
Afaan Hojii: Afaan Oromoo
Ballina: 284,538 km²
Baayyina ummataa: 27 158 471 (2007)
Tuuta'insa ummataa: 95/km²

Oromiyaa (kan Ingiliffa keessatti Oromia jedhame barreeffamu, kan garuu barreeffama Afaan Oromoo keessatti Oromiyaa jedhamee beekamu) kunizzin kutaalee Itoophiyaa saglan keessaa tokko taate dha. Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa bara 2002 tilmamee hanga miliyoona digdamii-afurii qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii keessa qabduu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinnee dha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Booranaa, Naqamtee, Shaashamannee fi Walisoo dha.

Farm mechanization in Oromia.jpg

Jaarraa digdamii tokkoffaan duraatti, magaalaan guddittii Oromiyaa Finfinnee turte, kunis maqaa biraa Addis Ababaa jedhamunis beekamti (maqaan kun Afaan Oromoo miti). Magaalaan guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti jijjiiramuun ishee mormii hedduu fideen ture. Morkitoonni akka jedhanitti bulchaan Itoophiyaa Finfinneen Oromiyaa keessatti argamuu ishee hin barbaadne jedhaniiru.<ref>Hameso, Seyoum and Tilahun Ayanou Nebo, Ethiopia: A New Start?</ref><ref>Mosisa, Abraham T. Letter to U.N. Secretary-General</ref> Karaa biraammoo, Finfinneen afaan, aadaa fi seenaa Oromoo guddisudhaaf mijaata miti jechudhaan mootumman ni dubbata. "<ref>Nazareth Selected as Oromiya's Capital</ref> Waxabajjii 10, 2005 keessatti Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo(DhDUO)<nowiki/>n, kan kutaa bulchaa Adda Demookraatwaa Warraaqsa Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) ta'ee, magaalaa guddoo Oromiyaa akka Finfinneetti deebisu ifa godheera. Oromiyaan naannoo Tigraay irraa kan hafe naannoolee hundaan wal daangessiti. Kun immoo yeroo tokko tokko walitti bu'insa uuma. Fakkkeenyaaf naannoo Sumaalee keessatti.

Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman Arsii, Baalee, Boorana, Harargee Bahaa, Harargee Dhihaa, Iluu Abbaa Booraa, Jimma, Shawaa Bahaa, Shawaa Dhihaa, Shawaa Kaabaa, Wallagga Bahaa, fi Wallagga Dhihaa ti.

Contents

SeenaaEdit

Jaarraa baayyedhaaf, naannoo Oromiyaa keessa gosoota/ummattoota adda addaatu jraachaa ture. Ummanni jalqaba kaaba Oromiyaa keessa ture Guraagee amntiin muuslima turan yoo ta'u isaanis kibba Aabisiiniyaarraa kan dhufan turan jedhamee yaaddama. Sulxaanni Shawaa, Guraagota naannoo Shawaa qubataniin bulaa ture; kunis Yifaat kan afaan Sumaalee dubbatu naannoo sana odoo hin qabatin jaarraa baayyee dura ture. Garuu yaadni kan biraa ammoo mootummaan Aaksuum/Aabisiiniyaa Shawaa fi Baale jaarraa baayyedhaaf odoo Sumaaltichi Imaam Ahimad hin dhufin dura bulchaa ture jedhus ni jira. 1500 keessa, ummanni Afaan Oromoo dubbatu, kan amantii mataasa qabuu fi waaqa tokkotti amanu - Waaqeffannaa - naannoo amma Oromiyaa jedhamu kanatti godaanuun qabate. Ummanni Oromoo baayyenis amantii Islaamaa fi Kiristaana Ortodoksii fudhate achumaan fudhate.

AfaanotaEdit

Afaan Oromoo (Oromiffa), kan yeroo ammaa qubee Laatiniitin barreeffamu, afaan bal'inaan dubbatamu yoo ta'u kunis afaan Oromiyaa keessatti dubbatamu keessaa 83.5% ta'a. Afaanonni kan biraa kan baayyinaan dubbataman Amaariffa (11%) (keessaahuu Wallagga Bahaa fi Shawaa Kaabaa keessatti), afaan Guraagee (Sabat beet Guraagee, Sooddoo fi Silxee), Hadiyyaffaa, afaan Gede'oo (0.98%) (keessumaayyuu Shawaa Dhihaa fi Bahaa keessatti), Tigiriffa (0.25%). Afaanonni Oomotiik ummata muraasaan naannoo Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Lixaa keessatti ni dubbatama; afaanonnii Naayiloo-Sahaaraa (Koomoo, Majangi, Gumuzii fi Bartaa) ummattoota dhihaa keessa faffaca'anii jiraniin ni dubbatama.

DiinagdeeEdit

Akka AII (Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa) gabaasetti, bara 2004-2005tti Oromiyaa keessatti buna toonii 115,083 oomishame; kunis galmee Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa argame. Lakkoofsi kun oomisha bunaa Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 50.7% ta'a. Qonnaan bultoonnii naannoo Oromiyaa loon 17,214,540 qabu (kunis loon Itoophiyaa keessaa 44.4% ta'a), hoolota 6,905,370 (39.6), re'oota 4,849,060 (37.4%), fardeen 959,710 (63.25%), gaangota 63,460 (43.1%), harree 278,440 (11.1%), gaala 139,830 (30.6%), lukkuu 11,637,070 (37.7%), fi kaanniisa gaagura 2,513,790 (57.73%) qabu.

Akka maxxansaa Baankii Addunyaa Bitootessa 2003tti, abbaan warraa baadiyaa lafa heektaara 1.14 qaba, kunis qabeenya lafaa kan biyyatti kan heektaara 1.01 ta'e ni caala. Namoonni 24% hojii qonnaan alaarratti kan bobba'ani(kan biyyatti ammoo 25%).

ReferencesEdit