Finfinnee

Magaalaa Oromiyaa
Finfinnee
Shaggar
Biyya: Itoophiyaa
Naannoo: Oromiyaa
Godina: Shawaa Kaabaa
Aanaa: [[]]
Ganda:
Ol ka'iinsa:
Baayyina ummataa: 3 352 000 (2016)
Tuuta'insa ummataa: 5.165,1/km²

Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaa fi akkasuma barcuma Gamtaa Afrikaati.

Seenaa ganamaa fi moggaasaEdit

Maqaan Finfinnee jedhu jecha Fin fi Finnee jedhurraa kan dhufe yommuu tahu maqaa bishaan danfaa Hora handhuura magaalittii keessatti argamuun kan moggaafamteedha. Finfinneen maqaa seeraan beekamti argatee fi maqaa seenaan durii jalqabee itti waamamtuudha. Maqaan ishee kan biroo Shaggar yoo tahu, jaalalaa magaala kana irra qabani fi bareedina isii irraa ka'uun kan moggaafameedha.

Finfinneen qubsuma gosa Oromoo damee Booranaa ilmaan Tuulamaa kan qe'ee tufaa Munaati. Tuulama keessaa gosti guddoo fi Hangafaa kan taate Galaantu irra jiraachaa ture. Qarqara kibba tulluu Cuqqaalaa irraa ka’ee Hawaas (Hawaash) cehuun hanga walakkaa Finfinneetti tamsa’ee jira. Gosti kun balbala baayyee of jalatti kan qabu yoo ta’u hanga Wallootti diriiree jira.

Inni Lammaffaan Oboo Tuulamaa immoo Galaan irraa gara kaabattii Caffee Doonsaa irraa kaasee hanga Qarree-Gowwaa jedhamuttii diriiree kan jiru yoo ta’u, naannoo Finfinnee kan qubatee, ilma hangafaa Oboo kan ta’e gosa Gumbichuu yoo ta’u hanga kaabaa Finfinnee naannoo Caancotti jira. Oboon gosa gurguddaa 7 qaba. Yeroo ammaas Torban Oboo jedhamuun yaamamu.Ilmaan Oboo Finfinnee keessa warra jiran lamaan keessaa Gullallee Oboo fi Gullallee Beeroodha. Gullallee Oboo Finfinnee irraa kaasee gara kaabaa fi kaabaa dhihaatti diriiree hanga baha laga Mogoritti yoo ta’u gara kibbaatti immoo Galaan keessa gadi seenee jira.

Inni sadeessoon immoo Eekkaa Oboo kan jedhamu Galaan irraa gara Kaabaa fi Gullallee irraa gara bahaatti laga Qabbanaawaa (Qabbannaa) irraa kaasee Finfinnee gara bahaa dhuunfatee hanga daangaa Gumbichuutti deema. Ilmaan sadii qaba.

Lafti Finfinnee jedhamu kun bara Minilik keessa itti godaanuun qubsuma waraana fi maatii nafxanyootaa erga taate booda gara magaala guddiitti Empaayerittitti jijjiramee. Oromoonis bakka kana irraa buqqifamee gara kutaa adda addaatti faca’uuf fi gosoota naannoo sana jiranitti makamee ture.

Ittii aanee Empaayerittii kan qabatees, bara Hayila Sillaasee, Shaggar babal’achaa deemuun, Oromoota buqqisee godaansisuu itti fufe. Fakkeenyaf bakki Gootaraa jedhamuu fii Fabrikaan Simmintoo ture sun bosaana dukkanaawaa fii Leenci keessaa baroodaa akka ture jaarsoleen dubbataa turan. Baruma bittaa H/Sillaasee kana naannoon Finfinnee kun “mannaggashaa Awuraajjaa” jedhama. Finfinneen kantiiban haa bultu malee, Awuraajjaa kana jala turte, awuraajjichis akkuma qaamaa Finfinneetti ilaalama ture.

Babal’ifannaan mootota habashaa bara Dargiis itti fufuun sirumaa hanga Km 125(kiiloo meetira) ta’a jedhamee odeeffamaa ture, Oromoota buqqiisuun bara dargiisi itti fufee ture. Dabalataanis Shaggar karaa kibba Dhihaatin jahan(6n) Bachootin daangeffama. Kan jechuun warra Finfinnee/Shaggar keessaa gadi dhiibamanii, naannoo Sabbataa fi naannoo Furii turan dabalatee jechaadha. Jahan Bachoo jechuun ilmaan jahan Bachoo-Tuulamaa hore jechaadha. Fakkeenya Meetta fi Subba sadeen (3n) fi kkf.

Amma Bara wayyaanee buqqifamuun Oromoo itti hammaatee, Sababni isaa misooma maqaa jedhuun gurgurtaa lafaa irraa argamu maallaqa waan barbaadaniif, warra qabeenya qabanitti lafa maqaa liizii jedhuu hanga waggaa 99ti kontiraata gurguruuf waan ta’eef. Karoora Wayyaanee “Ammisti Amata Pilaan” jedhuu inni jalqabaa ganda qonnaan bulaa Oromoo naannoo Shaggar 27 Finfinneetti dabalee karoorfatee ture. Karoora waggaa shanii inni lammaaffaan immoo, gara Onaatti (waraadaaletti) cehee karoorfate. Karoorri waggaa shanii inni 3ffaa fi amma keessa jirruu fii dhumaa jiru kun immoo gara Zoonitti cehee, gara Onaa (waradaalee) jahaa Finfinneetti dabaalee ture. Amma lafti zoonii kana keessaa guguramee, Oromoon buqqa’ee dhumee jennaan, Maqaa “Zoonii addaa” jedhuu irraa haqanii qaama Finfinnee taasisuun, karoora waggaa shanii isa itti aanu qopheefachuuf ture. Kanaaf Karoorri waggaa shanii wayyaanee inni ittii aanuu kan karoorfamu “Zoonii Addaa” irraa gara “Kutaa addaa” jedhamaa.


Qe'ee FinfinneeEdit

  • Caffeen Tuulamaa kan bulaa turte gooticha Oromoo Tufaa Munaan ta`uu
  • Birbirsa fi Manni Gullallee kan bulchaa ture Qajeelaa Dooyyo
  • Teechoo kan bulchaa ture Guddataa Araddoo
  • Boolee Kan bulchaa ture Shubu Ejersaa
  • Boolee Bulbulaa kan bulchaa ture Soraa Lomee
  • Kolfee kan bulchaa ture Axale Jatanii
  • Qaraniyoo/Dalattii kan bulchaa ture Jamo Dabalee
  • Jarsaye kan bulchaa ture Galatee Ashate
  • Yakkaa kan bulchaa ture Abeebee Tufa

Karra Shanan FinfinneeEdit

  1. Karra Qirxi – karra gara kaaba geessu
  2. Karra Qoree – karaa Jimmatti geessu
  3. Karra Allo- Karaa Walloo/Daseetti nama geessu
  4. Karra Qaallu/Qaallitti- karaa Bsiooftuutti nama geessu
  5. Karra Gafarsaa- Gara dhiyaatti nu geessu

Ona bulchiinsa FinfinneeEdit

  • Ona Caffee Tumaa
Finfinnee – Hora saawwan gullallee fi galaan araabaa turan amma bakka Filwuha jedhamu ssana.
Hurufa Boombii- Bakka maqaan ammaa jaanmedsaa, Embasii Egypt, Hospitaala minilik, bakka qubtuma waraanaa isaanii godhatan dha.
Dirree Caffee Araaraa- Bakka amma Yuniversity kilo jaha/sidist kilo/, Hospitaala Yakkaatiti 12 jedhamu dabalatee fi naannoo isaa jiru dha.
Dhummuggaa – bakka amma Ginfillee jedhamu irra ture.
Keelloo Masqalaa- Bakka amma kilo yuniversity kiiloo Afur jiruu, parlaamaa, Bataskaana qiddist Maramii, fi qiddist Sillasee, bakka amma baasha waldeechilot jedhamu, fi bakka amma xiyyit beet jedhamu.
Tulluu Heexoo Diimtuu – bakka amma masaraan mootummoota habashaa jiru, taboti gabrelii jiruu, buufata polisaa 6eessa fi bakka baahitaa jidhamu.
Dhaka Araara – Bakka amma fit berr, bakka police garaj jedhamu, bakka amma hooteelli sharaatan jiru, bakka etege mask jedhamu, fi bakka amma hoteelli hilton jiru.
Qarsaa- kun ammoo bakka amma kasanchis jedhamu irraa kaasee haga xizzit bet jedhamutti ammata
Awwaaroo- bakkuma amma awwaaroo jedhamu dha
Hulluuqo kormaa- bakka amma bataskaanni esxifanos jedhamu jiru, bakka amma masqal addababay jedhamu, fi bakka amma raas birru safar jedhamu ammata.
Hora finfinnee- bakka amma filwuha jedhamee beekamu, bakka mana masaraa mootummaa isa lammaffaa fi awwaaree dabalata.
Dolloo Biddeena – bakka amma baqlo beet,gotaraa fi walloo safar jedhamu
Dabaso – bakka amma lagahar mashulakiyaa jedhamu.
Haada Amma – bakka amma teelee Garaje, bataskaana carqos jedhamu jiru kana turan.
  • Ona birbirsa yaa´i goroo
Waddeessa – bakka amma pizassaa, charchar godanaa, fi araadaa giyorgis jedhamu kana
Maarama Birbirsa – bakka amma bataskaanni gorgis jiru
  • Ona qarsaa
Hurufa Raaree – bakka amma buufati konkolaataa dhaabbatu, bakka amma raas ganamee safar jedhamu fi addisuu mikaêl dabalatu dha.
Sokorru – Bakka amma hospitaala Amanu´el jiru, bakka amma dhaabbii midhanii(ehil baranda), masalamizaa, fi kuas meedaa jedhamu ammata.
Sulula garbii – Bakka amma taklahymanot fi cid tara jedhamee beekamu ture,
Garbi – bakka amma sangaa tara fi ambaxxa makkalakayaa jiru sana dha,
Qarsaa – bakka amma markaatoo jedhamu, amerikaan gibbii, fi masgiida Anuwaar isa gudda fi naannoo isaa dabalata.
Baro Kormaa – bakka amma gollaa mika´el, ras tasamma safar, hospitaala xiqur ambassaa, fi bakka waajirrii dhimma daangaa cehuu (imegrashin) jedhamu ammata.
Dache Golbaa – bakka amma addis katamaa jedhamu kana
  • Ona gullallee ykn mana Gullallee
Adaamii- bakka amma bataskaanni rufaa´el jedhamu jiru, sameen mazagajaa, fi sameen total jedhamn fi naannoo ishee ammata
Didiimtu – bakka amma shogolee jedhamee beekamu ammata.
Qaallee – Bakka amma askoo jedhamu
Fiichee – Bakka amma dahannoo xaliyaani ykn xaliyaan mishig jedhamu.
Kattaa – ammas kattaa jedhaama
Burayyuu – Bakka amma burrayyuu, fi gafarsaa jiru dha,
Harbuu Irreechaa – bakka amma raas hayiluu safar jedhamu
  • Ona Abbichu
Burqaa Ejeree – Bakka amma enxooxxoo kidana mirat jedhamu, fi bakka amma Imbasiin faransaay irra qubatee fi naannoo isaa.
Baddaa Ejersaa – Bakka amma Iyyasuus ras kaasaa safar jedhamu
Huruma – Bakka amma Imbaasiin Faransaz, Xalizaani fi bataskaanni Aabboo jedhamu jiru ammata
Ona xiixaa (enxooxxoo)
Haxxee laalii – bakka amma shiroo meedaa fi enxooxxoo maramiin jiran fi naannoo isaa ammata
Muujjaa – bakka amma shiroo meedaa jiru keessatu itti waamama.
Waayyuu – bakka amma qacanee madanalam jedhamu ture
Karaa Qorxii – bakka amma balay yallaqaa mangad jedhamuu fi samen bar jedhamu ammata.
  • Ona ekkaa
Burqaa Qorichaa – Bakka amma yakkaa mika´el xabal, laga qabbana, fi lga daadhii jiran dabalata
Karaa alloo riqicha – Bakka amma Imbasiin engiliz, Imbasiin Jarmany, fi Imbasiin Raashaa jiran dabalata.
Harbuu – bakka amma gurd shoolaa jedhamu dha
Kotabee – Ammas kotabee jedhama
Doqaa Booraa – Bakka amma haya hulat mazoriyaa jedhamu dabalata
  • Ona Boolee
Garjii – Ammas garjii dhumaan beekama
Bulbulaa – Ammas Bulbulaa dhan beekama
Warra ganuu – Ammas warra ganuun beekama
  • Ona Teechoo
Golboo – bakka amma Marqos, warshaa qadaaddi (qorkii), qaallitti, qeeraa, gofaa jedhaman ammata.
Lumee – bakka amma bataskaana yooseef jiru kana dabalata
Laaftoo Tumtuu – bakka amma bunnaa bord jedhamu ammata
Jaajaa – bakka amma biheere tsigee jedhamu ammata
Tulluu ejersaa – bakka amma hannaa marizaam jedhamu ammata
Tulluu dheertuu – bakka amma gofaa beetamangist jedhamu ammata
Baaboo – bakka amma addisuu qeeraa jedhamu dabalata
Sammuu Gullallee – bakka amma meettaa darichaa jedhamu ammata
  • Ona Caffee Annanii
Caffee muudaa – Bakka amma manni murtii ol aanaa jiru (lidataa) ammata
Harbuu – Bakka amma meksikoo, mana barnoota tagbaara id jiru, mana adabaa finfinnee, bakka saar bet jedhamu, bakka geejjaa safar jedhamu, mana barnootaa dajjaa baalchaa, bakka oomisha dhugaatii wazin xajji, bakka oomisha kokaa kollaa dabalata,
Harawaa – bakka amma oomishini haadaa jiru ( qaacaa fabrika) jedhamu dabalata.
  • Ona Jaarsayu
calcali – bakka amma sar bet jedhamu dabalata
Mardee – bakka amma arogee awropilan marefiza, midir xor, ganda tolasaa, fi raphii jedhaman ammata
Bakkanniisa – bakka amma makkaanisaa jedhamee waamamu dha.
  • Ona Kolfee
Daalattii – bakka amma qaraniyoo jedhamee waamamu,
Labu – bakka amma siga meeda, taxaq xor safar jedhamu ammata
Xaro – bakka amma axanaa taraa fi faxino darash jedhamu

Weerara FinfinneeEdit

Hawaasin warra Amaaraa Manze jalqaba jaarraa 18ffaa tti babal'achuu jalqabee, bara Sahle Sellassie, jechuun akaakayyu Menelik mootummaa dhaabbate. Sahle Sillaseen Motomaa Manzee ykn Shawaa bara 1813 amma 1847tti waggaa 34 bitee. Waggaa-waggaatti si'a lama ykn sadii Oromoota ollaa isaa turan weeraraa kan ture Sahle Sellaaseen, akkuma bare bara 1843 keessa Finfinne weerare.

Namtichi Major W. C. Harris jedhamu, mootummaa Inglizii irra Sahlee Sillaaseetti ergamee, baatii 18fi Sahle Sillaasie wajjiin yeroo turetti weerara Sahle Sellaaseen Oromoo irratti geggeessaa ture dukaa deeme argee, hubatee, macaafa "The Highlands of Aethiopia (1844)", jedhamu barreesse. Harris kitaaba isaa keessatti kutaa Bobbaa boojii fi Saaminsaa (saamichaa) jedhu jalatti wa’ee Finfinne yeroo gabaasu "tikeen saanii, balaa itti dhufaa jiru hin beekne; hidhatani hin baane; nagaan loonsaani tiksata jiru; inni kaani maasi-isaa keessaa hoji-isaa hojjetataa jira; maatiin isaanii weeddisaa mana bira dalagatu; aduu dhihuuf deemti, laafaf mukni ifaa shee gammaachuu gudaan waan calaqsani fakkaata. Garuu osoo aduun hin seenin, badii guddaan biyya kanairra diriisuuf, warri akka bineesaa nama nyaatani kumaataman itti dhangala’a jiru" jedhun ture. Sahle Sillaaseen Nafis abbaa iisaatiin yeroo gabaabaaf erga mar'atee booda, gara waraanasa isaatti galagalee, "Waaqin abbootii keenya, nu ha jabeessu!" jedhee ibidda fi meesha waraanaan akka Oromo irratti bobba'an ajaje.

Warranni Amaaraa, otoo Oromoon hinbekini akka galaanaa ganda Oromoo irra dhangala'e. Oromoota lubbusaanii baasuuf baqatan ari'aa, midhaan ga'ee ala jiru barbadeessaa, loon ala dheedaa jiru ooffachaa biyyaa Oromoo balleessuu eegalan. Ibiddi isaan mana fi qabeenya naannoo weeraran kanatti qabsiisanii fagoo mul'ata ture. Aarri manaaf midhaan gubatu gama-gamatti lafaaf waaqa kan dukkaneesse ture.

Yeroo gabaabaaf erga boqotanii booda biyya Ekkaa [Yakkaa] Oromoo, kan duraan barbadeessanii dabran keessa, bobbaasaanii itti fufan. Sa'aa 14 farda fi gaangoon gara maaylii 50 erga deemanii booda waraanichi boqotuuf dachaa Yakkaa keessa buufate. Fardi fi gaangoon hiikaman midhaan ga'ee ala dhaabbatu keessa gad-dhiifaman. Loon kuma hedduun lakkaawwamu, karaa dheeraa oofamee kan dhufe walitti qabanii erga iddoo tokkotti itisani booda, Sahle Silaaseen gammachuu guddaan halkan sanaf bakkaa bulu qabate.

Wae’ee lafa bulti waraana Amaraa yaggu katabu Harris akkana jedha: Sagaleen lafa bultii isaaniti halkan gutu dhaga’amu waan raajitti: Karaa tokko sagalee loon Oromoo goolamee, iyyaaf booyicha durbaa fi dubartii Oromoo booji’aan itti roorrisaa jiruu yaggu ta’u; kara gara biraa moo kanatti makamee kan gurraa nama dhuuchu, abidda marsee, fooni dheedhi hoori saame nyaachaa 'fukkaraa' fi 'qarartoo' waraani Amaaraa godhaa bulee dha. Sagalee kanatti dabalame hirriba kan nama dhorgu, abidda gamaaf gamatti mandaroota Oromootti gubaa jiru halkan gutuu biyya akka gucaa ibsaa bulusaati jedha.

Waggaa 40 caalaa Saahile Sillaaseen Oromoo sama turee bara 1847 keessa ni du'e. Achii booda kan ilma isaa kan Hayilee Melekot tu itti aane. Innis Oromoo hadamsee samuu itti fufe..Garuu bara dheera hin jiraanne. Bara 1855 ni du’e. Waggaa kudhan booddee ilmi isaa Minilik nugusa shawwaa ta'e. Saahile Sillaaseen deebi'e deddeebi'e Ormoo ha wareeru malee, biyya Oromoo qabachuus ta'e keessa turuu hin dandeenye. Qawwee Oromoon hinqabane haa qabatuu malee, Oromoo mo’ee of jallatti bulchuu hindandenyee. Eega kan Saahile Sillaaseen dadhabe Miniliki raawwachuu danda'e. Oromoo weraree saamuu qofaa utuu hinta'in, biyya Oromoo koloneefachuu danda'e.

Oromiyaatti mootumaa isa babaldhisaa, Minilik jalqaba bara 1881 dhufee qarree Inxooxxoo irratti teessoo ijaarate. Achi qubachuunsaa lammii Oromoo kan humna Amaraan hin cabin naannoo sana waan jiraniif loltuu isaanirraa of eeguuf ture. Hata'u malee gargaarsa ganntuu lammi kan akka Goobanaa qabatee wagga yartu booda Oromota nannoo Finfinne mo’u danda’e.

Egaa kana booda, Minilik Inxooxxoo dha gad bu’e magaalaa isaa Finfinne irratti ijaarachuu kan danda'e. Lafa Oromoo balabatoota Habashaa fi loltuu isaaf hiree, bara baraan magaalaan babal'achaa dhuffe. Ilmaan Oromoo kan kumaatamaan lakkaawaman qe'ee isaaniiti akka buqa'an godhaman. Lammiin Oromooo qe'ee isaaniitii buqa'an hedduun gara kibba deeman. Kaan gara lixaatti godaanan.

Wa’ee Finfinnen Menelikiin qabamuu, Oromoo tokko 'Inxooxxoo dhaabatani' jedhee kan aarii isaa geerarsaan dhageessise dhaloota dhalootatti darbee jira. Geerarsisaa akkas jedha:

Inxooxxo dhaabatanii 
Caffee gadi ilaaluun hafe 
Finifinnee loon geesaani 
Hora obaasuun hafe 
Tulluu Daalattii irraatti 
Yaaiin Gullallee hafe 
Gafarsattii darbanii 
Qoraan cabsachuun hafe 
Hurufa Boombii irraatti 
Jabbiilee yaasuun hafe 
Bara jarrii dhufani 
Loon keenyas indhumani 
Eddaa Mashashaan dhufee 
Birmadummaanis hafe!

Teessuma lafaaEdit

Finfinnee kan argamtu lafa olka'aa 2200 m fi naannoo magariisatti argamti.[1] Gara gajjallaa Mount Entoto fi laga Awash argama. Gara gadi aanaan ammoo kan jiru naannoo Bole International Airportiti. Finfinneen Kibbaan qixa galaanaatiin 2326m fi 3000m gara Entoto Mountains Kaabaatiin kan olka'u.

Qoqqoodama bulchiinsa magaalaa FinfinneeEdit

Bulchiinsi magaalaa Finfinne kutaalee bulchiinsa Magaalaa 10tti qoqqoodamtee bulaa kan jirtuudha. Kutaa Magaalaa 10 fi Aanaale 106 qabdi.[2][3]

Kutaa maagaalaaEdit

Kutaalee magaagalittii 10 armaan gadii tarreefamaniiru.

Kaaba Kutaa Magaalaa Baldhina (km²) Baayi'ina Ummataa Quubsuma Kaartaa
1
Kutaa Magaalaa Dache Golbaa(Aaddis Katamaa)[4]
7.41
271,644
36,659.1
2
Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii[5]
118.08
195,273
1,653.7
3
Arada[6]
9.91
225,999
23,000
4
Boolee[7]
122.08
328,900
2,694.1
5
Gullallee[8]
30.18
284,865
9,438.9
6
Carqoos[9]
14.62
235,441
16,104
7
Kolfee[10]
61.25
546,219
7,448.5
8
Lideta[11]
9.18
214,769
23,000
9
Laaftoo Tumtuu[12]
68.30
335,740
4,915.7
10
Eekkaa[13]
85.46
337,575
3950.1

WabiiEdit

Geessitu alaaEdit

Qoqooddama Itoophiyaa  
Naannoo
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee | Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay
Magaalota Of Bulchan
Finfinnee | Dirre Dhawaa
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa | Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo


Godinaalee Oromiyaa[14][15]

Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa
  1. "NGA: Country Files". Earth-info.nga.mil. Archived from the original on 4 May 2012. Retrieved 5 May 2012. 
  2. "Finfinnee city website (site map, see the list in "Sub Cities" section)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 July 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  3. "Article at unhabitat.org (map of Finfinne, page 9)" (PDF). Archived from the original on 24 April 2011. Retrieved 11 December 2013. 
  4. "Addis Ketema page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 14 December 2012. Retrieved 11 December 2013. 
  5. "Akaky Kaliti page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 16 October 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  6. "Arada page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 11 January 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  7. "Bole page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 25 November 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  8. "Gullele page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 5 November 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  9. "Kirkos page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  10. "Kolfe Keranio page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  11. "Lideta page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  12. "Nifas Silk-Lafto page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 4 January 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  13. "Yeka page (Finfinne website)". Addisababacity.gov.et. Archived from the original on 3 December 2013. Retrieved 11 December 2013. 
  14. "Oromia zone". oromiyaa.gov.et. 
  15. "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).