GORSA[1]Edit

Arsii
300px
Godinaalee Oromiyaa
Biyya: Itoophiyaa
Naannoo: Oromiyaa
Magaalaa Guddaa: [[]]
Baayyina ummataa:
Tuuta'insa ummataa:

Arsiin ummata Oromoo keessaa isa tokko yoo ta'an naannoo Baalee fi Arsii keessa jiraatu.

Dangaa Godina Arsi Kibbaan - Baale
Kibba Dhihaan - Sabaa, Sablammoota fi Ummattoota Kibbaa
Kaaba Dhihaan - Shawaa Bahaa
Kaaban - Mootummaa Naannoo Affaar
Bahaan - Hararge Dhihaa

Bakki dheeraan Arsii kessatti argamu Gaara Cilaalooti. Gaaronni biraa Arsii keessatti argaman Gaara Kakkaa fi Gaara Gugguuti.

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa akka gabaasetti bunni tonii 2198 ta'u gara dhumaa bara 2005 akka aanaa kanatti oomishama. Kunis gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irraa fudhatame. Kuni immo basii 1.9% Arsi yoo ta'u, Itoophiyaafi immo basii 0.97% ta'a. Magaalaa guddoon Arsii Asalla yoo ta'u, lafonni biraa Arsii kessatti argaman kan akka Abomsa fi Asasa jedhamani ni jiru.

DimoograafiiEdit

Bayyina ummata 3,135,686 - dhiraa 1,557,984 fi dubartotta 1,577,702. Parsentiin 12.3% (386,707) kan ta'an magaalaatti galu. CSA 2005

Ballina - 23,724.44 square kilometers

Kuffama Ummata - 132.17 people per square kilometer

Akka gabassa Caamsaa - 24, 2004 Memorandamii Baankii Addunyaatti ummatta kessa parsentiin 4 elektiriikii fayyadama.

Kuffama kara konkolatta - 45.0 kilometers per 1000 square kilometers

Nami badiyya tokko avireejjii heektaara lafa 1.2 yoo qabaatu fi horii hanga 1.1

Parsentiin 84 ijoolle fudhatamte mana barumsa sadarka tokkoffa barrattan yoo ta'an, percentiin 22% immo mana barumsa sadarka lammaffa kessatti argamu

Parsentiin 17% lafa Arsi busaa qabamaniru, garu tokkollen tisiisa Tsetse fly jedhamtuun hin qabamne.

AanaaEdit


Aanolee Arsii
Amiinyaa | Aseko | Maagallaa Asalla | Baale Gasgaar | Collee | Digaluu fi Xijjoo | Diiksis | Doddota | Enkelloo Waabee | Gololchaa | Gunaa | Hexoosa | Jajjuu | Limmuu fi Bilbiloo | Loddee Hexoosaa | Martii | Muneessa | Roobee | Seeruu | Siree | Shirka | Sude | Tena | Xiyyoo | Zuwaay Dugdaa


Godinaalee Oromiyaa
Naannawaa Adaamaa | Arsii | Baale | Boorana | Shawaa Kibba Lixaa | Gujii | Horroo Guduruu | Iluu Abbaa Booraa | Naannawaa Jimmaa | godina Jimmaa | Qeellam Wallagaa | Arsii Dhihaa | Harargee Dhihaa | Shawaa Dhihaa | Harargee Bahaa | Shawaa Bahaa | Wallaga Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Kaabaa | Wallagga Dhihaa
  1. WAA SADI, WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN.. • Dubbachuun beekkumsa, • Obsuun wallaalummaa • Nama kabajuun sodaa sittin fakkaatin WAA SADI, WAA SADI HIN SE’IN • Nama beektu hunda fira kee, • Kan siin lolu hunda diina kee, • Badiirraa si dhoorkuu hammeenya hin se’in. WAA SADI HIN HAWWIN. • Bokokni quufaa mitii, • Abaarsi eeybaa mitii • Summiin qorichaa mitii hin hawwin. NAMA SADI, WAA SADI JETTEE HIN TILMAAMIN. • Nama koflu hunda gammadaa, • Nama dureessa hunda arjaa, • Nama dhabaa hunda doqna jattee hin tilmaamin. WAA SADI WAA SADIIF JAALADHU • Aadaan kee eenyummaa keeti, • Afaan kee mallattoo keetii • Sabni kee dhiiga keeti jaaladhu. WAA SADI HUBATTU MALEE HIN SEENIN o Dubbii keessa hin beekne, o Bishaan gad fageenya isaan beekne, o Imala daandii isaa hin beekne hubattu malee hin seenin. Yaada Qabdan Kennaa