Itoophiyaa

odui f odefanno

Rippabliikii Federaalawaa
Dimookraatawaa Itiyoophiyaa
Magaalaa Guddaa Finfinnee
Mootummaa Rippaabiliika
Ballina lafa 1104300 km²

= Bishaan (%) 0.7

Baayyina ummataa 102374044 (2017)

= 117,876,227 (2021) tilmaamaan = 73,750,932 lakkoofsa (2007)

Tuuta'insa ummataa {{{Tuuta'insa ummataa}}}
Faaruu Faaruu Itoophiyaa

= Faaruu Oromiyaa

Koodii lakkoofsa bilbilaa +251

Rippaabilika Federaalawaa Dimookraatawaa Itiyoophiyaa jedhamuudhaan kan beekamtu biyya Gaanfa Afrikaatti argamtu yoo taatu, erga Eertiraan irraa bara 1993 G.C. cittee booda biyya lafa qofaan marfamte taatee jirti. Itoophiyaan Kaabaan Eertiraan, Dhihaan Sudaanin, Kibbaan Keeniyaan, Kaaba-bahaan Jibuutiin fi Bahaan immoo Somaaliyaan daangeffamtee argamti.

Itoophiyaa

Itiyoophiyaan biyyoota umrii dheeraa qaban (biyyoota qarooma durii qaban)jalatti yoo ramadamtu, Afrikaa keessaa baay'ina ummataan Naayijeeriyaatti aantee sadarkaa lammaffaa irratti argamti. Barbaadina dhufaatii ilma namaa irratti ga'e guddaa kan qabdu biyyittiin tun, maqaa cradle of mankind (bakka dhaloota sanyii namaa) jedhamuufi filatamuu dandeessee jirti. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa keessaa biyya koloniin hin qabamin keessaa ishee tokko. Laayibeeriyaan koloniin qabamu baatullee, biyyittiin Laayibeeriyaa kan itti dhaabatte kolonii Afrikaanota Ameerikaa taatee wanta turteef. Itoophiyaan waggaa shaniif 1936-1941 G.C. Faashistii Xaaliyaaniin haa qabamtu malee, dhumarratti Itoophiyaan gargaarsa Ingilaandiitiin mo'achuu dandeesseetti. Jaarraa 4ffaa keessatti kan gara kiristaanummaatti jijjiiramte biyyi kun, addunyaa keessaa biyya mootummaa kiristaanaa qabanii turan keessaa ishee lammaffaadha.


Haa ta'u malee biyyi Itoophiyaa seenaa hacuuccaa fi ukkaamsaa dheeraa keessa kan turte yoo ta'u keessaayyuu bara mootummaa Miniilik, Hayila Sillaasee, Dargii, fi ADWUI hidhaa, reebichaafi ajjeechaa keessa darbite. Namoonni mirgaa fi walqixxummaaf qabsaa'an hedduun haala kanaan ukkaamfamaniiru.

Seenaa Itoophiyaa

gulaali
Kanas ilaali: Seenaa Itoophiyaa
belay haile debale barreessaa seena

Hawaasa

gulaali
Kanas ilaali: Hawaasa Itoopiyaa

Dinagdee

gulaali
Kanas ilaali: Dinagdee Itoopiya

Akka Dhaabbannii Maallaqa Addunyaa jedhutti, Itoophiyaan biyyoota addunyaarra baayyee saffisaan guddachaa jiran keessa ishii tokko yoo taatu bara 2004 hanga 2009tti guddina diinagdee dhibbeentaa 10% ol galmessisiifte. Kunis bara 2007 fi 2008 diinagdee boba'aa-maleessa kan baayyee saffisaan guddachaa ture dha. Bara 2012tti, guddinni kun gara 7%tti gadi bu'e. Gara fuulduraatti, guddinni Itoophiyaa naannoo 6.5% ta'a jedhamee tilmaamama - kunis fedhiin namoota biyya alaa dadhabaa kan deemu fi sochiin abboota dhuunfa biyya keessaa ammoo kan daangeffame ta'u irraan kan ka'edha.

Dimoograafii

gulaali

Ummatni Itoophiyaa kan bara 1983 miliyoona 33.5 turerraa bara 2013tti gara miliyoona 93.8tti ol guddate.

Qoqooddama Itoophiyaa  
Naannoo
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee | Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay
Magaalota Of Bulchan
Finfinnee | Dirre Dhawaa
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa | Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo


Dachee Aafrikaa
Aafrikaa Giddu Galeessaa | Aafrikaa Kibbaa | Aljeeriyaa | Angoolaa | Beeniin | Bootiswaanaa | Burkinaa Faasoo | Buruundii | Chaad | Eeritiraa | Gaabon | Gaambiyaa | Gaanaa | Giinii | Giinii-Bisaa’uu | Ijiipti | Iqu’aatoriyaal Giinii | Itoopiyaa | Jibuutii | Kaameruun | Keeniyaa | Keeppi Verdee | Komoroos | Kootdivo’aar | Laayibeeriyaa | Leesoottoo | Liibiyaa | Maalaawwii | Maalii | Madagaskaar | Mooriishes | Mooritaaniyaa | Moozaambiik | Morookoo | Naayijeeriyaa | Namiibiyaa | Niijer | Riippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo | Riippabiliika Koongoo | Ruwaandaa | Sa’o Toomee fi Piriinsippee | Sahaaraa Dhihaa | Senegaal | Seraa Liyoon | Siishelsi | Siwaziilaandi | Somaaliyaa | Sudaan | Sudaan Kibbaa | Tanzaaniyaa | Toogoo | Tuniisiyaa | Yugaandaa | Zaambiyaa | Zimbaabuwee


Wikimedia Commons on Itiyoophiyaa