Baale

dallo manna
(Baalee irra kan qajeele)
Baale
File:Godinaalee Oromiyaa.png
Godinaalee Oromiyaa
Biyya: Itoophiyaa
Naannoo: Oromiyaa
Magaalaa Guddaa: Roobee
Baayyina ummataa: 1,727,306
Tuuta'insa ummataa: 27.02

Baaleen godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Daangaan Baalee, kibbaan Gujii (Gujii fi Baale laga Gannaalee Doriyaatu gargar baasa), kibba dhihaan Saba, Sab-lammootaa fi Ummattoota kibbaan, kaaba dhihaan Arsiin, kaaba bahaan Harargee fi kaaba fi kibbi Harargee Laga Shabaleen gargar ba'u), bahaan immo Sumaaleen dangefamtee argamtii. Bakki dherinna gudda Baale keessaa qabu Gaara Baatuu yoo ta'u, gaarri kun immoo Oromiyaa kessattille guddinan tokkoffa dha. Gaarri Baatuu Gaara Urgoma jedhaman jalatti qoodama. Gaaronni biraa urgoma keessatti argamani kan akka Gaara Tulluu Diimtuu, Gaara Darkinna fi Gaara Geesse jedhamani dha. Aanoti bira Baale keessatti argamani kan akka Dodola, Ginniir, Gobba fi Roobee dha.

Gabaasa Baalee gulaali

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa bara 2005tti akka gabaasetti, Baaleen baayyina ummataa 1,727,306 yoo qabaattu, kana keessaa 854,584 dhiira'a yoo ta'an, 872,722 immoo dubara. Ummanni Baalee 233,013 yookaan 13.5% magaalaatti galu. Ballina lafaa tilmaamaan hanga 63,917.46 square kilometers ta'u keessatti, Baaleen tuuta'insa ummataa 27.02, kiilometirii tokko keessa jiraata.

Akka meemoraandamii Baankii Addunyaa Caamsaa 24, 2004tti, 11% iin ummata Baalee elektiriikii yoo fayyadamanii, rukkinni karaa konkolaaltaa immo 11.4 kilometers per 1000 square kilometers qabu. Avirejjiin abba mana baadiyyaa tokko heektaara lafa tokko yoo qabatu, lakkoofsa horii immo 1.0 qaba. 19.5 % iin ummatta hojii qotee bulaa hin ta'iniin jiraata. 66%iin ijolee mana barumsaa sadarka tokkoffaf galmooftee barattu yoo tatu, 21% immo mana barumsa sadarka lammaffatti baratti. 53% Baale busaan qabammu yoo danda'ani, tokkollen immo Tsetse fly qabamu hin danda'anni. Memorandumiin Baalefi halla qillensa goga qabachuni kennamef 555 dha.

Wabii gulaali


Aanolee Baalee
Agaarfa | Barbaree | Dalloo Mannaa | Dawwee Kachan | Dawwee Sirara | Dinsho | Gaasara | Ginniir | Gobbaa | Naannawa Gobbaa | Goloolcha | Gooroo | Guradamole | Harannaa Bulluq | Laga hiddaa | Madda Walaabuu | Raytuu | Magaalaa Roobee | Siwayna | Sinanaa


Godinaalee Oromiyaa[1][2]
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa
  1. "Oromia zone". oromiyaa.gov.et. 
  2. "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).