Harargee Dhihaa

Ciroo
Harargee Dhihaa
Biyya: Itoophiyaa
Naannoo: Oromiyaa
Magaalaa Guddaa: [[{{{Magaalaa Guddaa}}}]]
Baayyina ummataa: 1,871,706
Tuuta'insa ummataa: 124.23

Hararghe Dhiha (West Hararge) godinaalee Oromiyaa kudha laman keessaa tokko yoo taatu, maqaan kunis maqaa durii kutaa biyyaa Harargee irraa dhufe.

Harargeen dhihaa kibbaan Laga Shabalee kan godina Baalee irraa gargar baasuun, kibba-dhihaan godina Arsiin, kaaba-dhihaan naannoo Affaar, kaabaan naannoo Sumaalee, bahaan godina Harargee Bahaatiin daangeffamtee argamti. Bakki dheerina guddae qabu godina kanaaa Gaara Muktaar. Magaalan guddittii godina kanaa magaalaaCiroo fi baddeessa dha , Baddeessaa,Hirna,Galamsoo, Machaaraa fi Mi'eessoo dha.

Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority) akka gabaasa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itoophiyaa irratti hundaa'e akka ibsetti bunni toonii 8,364.00 ta'u bara dhumaa 1997 E.C. (2005 G.C.) irratti akka Harargee dhihaati biqile ibseera. Kun immoo baasii Oromiyaa keessaa dhibbantaa 7.27% yoo ta'u, baasii biyya (Itoophiyaa) keessaa immoo dhibbantaa 3.7% ta'a.[Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority) 1]

Gabaasa

gulaali

Gabaasa Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa irraa bara 1997 E.C. (2005 G.C.) akka ibsutti, godinni kun tilmaamaan baay'ina ummataa 1,787,086, yoo qabaatu kan kessa 915,138 dhiraa yoo ta'an kan hafan yokan immo 871,948 immo dubraa dha. Bayyina ummata oliitii ibsame keessa dhibbantaan 9.6% yookaan namni 171,598 baadiyyaa ala jiraatu. Ballina lafa tilmaamaan 17,552.23 km2 ta'u keessatti "density" (rukkina) ummata Harargee dhihaa tilmaamaan 101.82 people per square kilometer ta'a.[1]

Akka Baankii Addunyaa memorandamii Caamsaa 24, 2004 G.C. akka ibsutti, Parsentiin 9% jirattotta Harargee Dhihaa elektiriikii ni fayyadamu, akkasumas "density" karaa konkolaataa godina kanaa 23.6 kilometers per 1000 square kilometers yoo ta'u (kunis yoo kilometer 30 biyya wajjin yoo walitti madalaan) [2], akkasumas avregiin abba mana badiyya tokko hektara lafa 0.5 (kunis hektara lafa biyya 1.01 fi hektara lafa Oromia 1.14 wajjin yoo walitti madalamu[3], akkasumas avregiin abba mana baddiya tokko mataan horii mana hanga 0.6 qaba. Persentiin 16.4% ummatta, namotta qonaa malee jiratan yoo ta'an, kunis yoo kan biyya persenti 25% fi kan Oromiyaa 24% wajjin yoo walitti madalan. Ijoollee barachuu danda'an kessa persentiin 55% mana barumsa sadarka tokkoffati galma'ani argamu, akkasumas persentiin 8% mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti galmaa'anii argamu. Dhibbantaan 92% godina kanaa busaa malariaf banaa kan jiran yoo ta'an, tokkoleen Tsetse flyiif banaa miti. Memorandamiin zonii kana risqii qilleensa gogga (drought) qabachun qabxii 372 kenaf.[4]

Bulchaan ummata Oromiyaa guyya 25 Caamsa 2006 G.C. akka ifaa godhetti hojji bishaan dhugaatii ta'u baasuu 429 ta'u dhumachutti akka jiru fi hojii bira geggefamu jiran wajjin yoo walitti qaban, bishaan dhugaatii ta'u jiraattota hanga 72,300 ta'anif kan ba'u yoo ta'u, kunis persenti 37% hanga 47%f tajaajila bishaanii kenna.[5]

  1. CSA 2005 National Statistics, Tables B.3 and B.4
  2. "Ethiopia - Second Road Sector Development Program Project", p.3 (World Bank Project Appraisal Document, published 19 May 2003)
  3. Comparative national and regional figures comes from another World Bank publication, Klaus Deininger et al. "Tenure Security and Land Related Investment", WP-2991 (accessed 23 March 2006).
  4. World Bank, Four Ethiopias: A Regional Characterization (accessed 23 March 2006).
  5. Close to 430 potable water projects go operational in West Harerghe zone(WIC) (Oromia State Government website, accessed 6 October 2006)


Godinaalee Oromiyaa[1][2]
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa


Aanolee Harargee Dhihaa
Ancar | Magaalaa Badeessaa | Bookee | Magaalaa Ciroo | anaa Ciroo | Daaroo Labuu | Doobba | Gammachiis | Gubbaa Qorichaa | Habroo | Qunnii | SHanan Dhugoo | Mi'eessoo | Tuulloo Burqaa dhimtu|guunbii boridoddee|iddowan hawatoo taa,an akka garra Mukutar holqa waraabeesa,parkii Saphaale


Cite error: <ref> tags exist for a group named "Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority)", but no corresponding <references group="Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Authority)"/> tag was found

  1. Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu
  2. "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).