Afaan Oromoo

galma kitaabaa bilisaa kan namni kamiyyuu hirmaachuu dandahu
Afaan Oromoo (Afaan Oromoo)
Kan dubbatamu: Itoophiyaa, Keeniyaa,Taanzaaniyaa,Eertiraa,Afrikaa Kibbaa,Sudaan,Misri/Gibxii
Naannoo: Afrikaa
Dubbattoota: 60000000
Sadarkaa: 4ffaa
Qooddama: Afroo-Eshiyaatiik
Afaan Oromoo
Haala Ofiseelummaa
Afaan ofiseelaa:
Kan too'atu:
Koodii
ISO 639-1 om
ISO 639-2 orm
Oromia in Ethiopia.svg
Bakka itti dubbatamu
Kanas ilaali: Afroo-EshiyaatiikAfaan

Afaan Oromoo afaan baay'inaan Afrikaa keessatti dubbataman keessaa sadarkaa afraffaarra jira akka Baayisaa Fufaan qorannoo isaa keessatti addeessetti. Kana jechuun afaan Arabaa, afaan Kiswaahiliitiif, afaan Hawusaatti aana jechuudha. Afaan Arabaa fi afaan Kiswaahilii afaan ardii biraa yoo ta'an, Afaan Oromoo afaan Afrikaa keessatti dubbatamu keessaa Lammaffaa ta'a; osoo mootummaa yookiin wiirtuu afaanii qabaatee immoo addunyaarratti sadarkaa sadaffaa ta'u ni mala.

Afaan Oromoo kutaa afaanii Afroo-Eshiyaatiik jedhamu jalatti ramadama. Afaan kun Afroo-Eshiyaatiik keessaa garee afaanii Kuush jalatti qooddama. Afaanota Kuushi keessa Afaan Oromoo afaan sabni baayyeen dubbatu yoo ta'u, uummata miiliyoona 60 ol ta'utu dubbata. Uummatni afaan kana dubbatu Itoophiyaa fi Kaaba Keeniyaa keessa jiraata. Akka warri afaan qoratan jedhanitti, Afaan Oromoo loqoda(garee) afur qaba: Oromoo Boorana-Arsii-Gujii, Oromoo Bahaa, Ormaa, fi Oromoo Dhihaa fi Giddugaleessa ti.

Diikshinerii

Seenaa AfaaniiEdit

Warraaqsa Itoophiyaa kan bara 1974 dura, Afaan Oromootiin barreeffama maxxansuunii fi tamsaasa raadiyoo ykn TV dabarsuun dhorkaa ture. Barreeffamni xiqqoon san dura maxxanfaman kan akka hiikaa Macaafa Qulqulluu kan Onesimoos Nasiibii fi Asteer Gannootiin hiikaman qubee Gi'iiziitti fayyadamuun. Kakuu Haaraan bara 1875 Kiraapfin maxxanfames akkasuma qubee Gi'iiziitti fayyadame. Warraaqsa Itoophiyaa bara 1974tti aansee, mootummaan duula barreessuu fi dubbisuu afaan baay'eedhaan, Afaan Oromoo dabalatee, geggeessaa kan ture yoo ta'u, Afaan Oromootiin barreeffama maxxansuunii fi tamsaasa dabarsuun yeroo kana jalqabe. Barreeffamoonni yeroo kana Afaan Oromootiin maxxanfaman, kan akka gaazexaa Bariisaa, qubee Gi'iizii fayyadaman.

Afaan Oromoo afaan barnootaa taasisuuf yaaliin godhame amma mootummaan Dargii bara 1991 kufutti milkaa'uu hin dandeenye. Sana dura garuu naannoowwan ABOn too'ataman keessatti afaan barnootaa taasifameera. Erga Mootummaan Naannoo Oromiyaa hundeeffamee booda, manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa keessatti Afaan Oromoo afaan barumsaa akka ta'uufii afaan hojii kan naannichaa akka ta'u godhameera.

Bara 1991 jalqabee, Afaan Oromoo [Qubee[]]tti fayyadamee barreeffama. Murtii kanaan booda, barreeffamoonni adda addaa bara 1991 hamma 1997tti maxxanfaman kan duraan waggaa 100f maxxanfaman akka caalan dubbatama.

Galanni Rabbiif haa ta'u malee, amma afaan keenya Afaan Oromoo, afaan saba guddaa,afaan lammii sabboontotaa kan akka ardii Afrikaatti sadarkaa keessa gale kun fuulduratti afaan addunyaatti beekamtii qabuu fi isa duraa akka ta'u nama hin shakkisiisu. Kunimmoo hirmaannaa lammii baratee fi gahee nama maraati.

== Seerluga ==

BamaqootaEdit

Bamaqootni ammoo jechoota maqoota bakka bu'uu danda'aniidha. Jechumti "Bamaqaa" jedhu iyyuu yoo qoodamee ilaalamu "Ba-" fi "Maqaa" of keessaa qaba. "Ba-" kan jedhu jecha "Bakka" jedhu bakka bu'a. "Bamaqaa" = "Bakka Maqaa"

Bamaqoota matayyeeEdit

+Bamaqoota matayyee
Base Subject Dative Instrumental Locative Ablative Maqibsoota
abbuummee
ana, na ani, an naa, naaf, natti naan natti narraa koo, kiyya
[too, tiyya (f.)]
si ati sii, siif, sitti siin sitti sirraa kee
[tee (f.)]
isa inni isaa, isaa(tii)f, isatti isaatiin isatti isarraa (i)saa
isii, ishii, isee, ishee isiin, etc. ishii, ishiif, ishiitti, etc. ishiin, etc. ishiitti, etc. ishiirraa, etc. (i)sii, (i)shii
nu nuti, nu'i, nuy, nu nuu, nuuf, nutti nuun nutti nurraa keenna, keenya
[teenna, teenya (f.)]
isin isini isinii, isiniif, isinitti isiniin isinitti isinirraa keessan(i)
[teessan(i) (f.)]
isaan isaani isaanii, isaaniif, isaanitti isaaniitiin isaanitti isaanirraa (i)saani

LakkoofsaEdit

Kanas ilaali: Lakkoofsa
0 — zeeroo, duwwaa 40 — afurtama
1 — tokko 50 — shantama
2 — lama 60 — jahaatama, ja'aatama
3 — sadii 70 — torbaatama
4 — afur 80 — saddeetama
5 — shan 90 — sagaltama
6 — jaha, ja'a 100 — dhibba (tokko)
7 — torba 101 — dhibba (tokko) fi tokko
8 — saddeet 102 — dhibba (tokko) fi lama
9 — sagal ...
10 — kudhan 200 — dhibba lama
11 — kudha tokko 201 — dhibba lama fi tokko
12 — kudha lama ...
... 1000 — kuma (tokoo)
20 — digdama 2000 — kuma lama
21 — digdami tokko 2043 — kuma lama fi afurtami sadii
22 — digdami lama 5327 — kuma shan dhibba sadii fi digdami torba
...
30 — soddoma
31 — soddomi tokko
...

OrdinalsEdit

1sttokkoffaa'
2ndlammaffaa
3rdsadaffaa
4tharfaffaa, afraffa
5thshanaffaa
6thjahaffaa
7thtorbaffaa
8thsaddeettaffaa
9thsalgaffaa
10thkurnaffaa, kudhaffaa
11thkudha tokkoffaa

FractionsEdit

1/2 — walakkaa (tokko lamaffaa)
1/3 — nuusa (tokko sadaffaa)
1/4 — kurmaana (tokko arfaffaa)
7/8 — torba saddettaffaa

MaqibsaEdit

Xumibsa

Fi'ilootaEdit

GochibsootaEdit

Tolaan saree ajjeese

QarqabdootaEdit

DurabuutootaEdit

DuukabuutotaEdit

OgbarruuEdit

Ogbarruu Oromoo
  • Geerarsa
  • Fixeensa (Boruu Barraaqaa)
  • Mudaammuddii (Boruu Barraaqaa)
  • Ali, Mohammed; Andrzej Zaborski (1990). Handbook of the Oromo Language. Poland: Polska Akademia Nauk.
  • Journal of Oromo Studies

Geessituu alaaEdit