Oromiyaa

(Naannoo Oromiyaa irra kan qajeele)
Kanas ilaali: Oromoo
Oromiyaa
Biyya: Itoophiyaa
Magaalaa Guddaa: Addis Ababa aka. Finfinnee
Afaan Hojii: Afaan Oromoo
Ballina: 353,690 km²
Baayyina ummataa: 35,467,001
Tuuta'insa ummataa: 95/km²

Oromiyaan ( Afaan Ingiliish: Oromia) kutaalee Itoophiyaa kudha tokko keessaa tokko kan taateedha. Ballina lafaa Bahaa hanga Kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'e qabatee, baayyina ummataa bara 2002 tilmaamaan hanga miiliyoona digdamii-afurii qabdi (24,000,000), kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyya keessaa tokkoffaa ishee taasisa. Isheenis kan ofii keessa qabdu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Shawaa, Wallagga, Gujii fi Boorana. Magaalaan guddoon Oromiyaa Finfinnee dha. Bara booda gaaffii mirgaa sabni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebite. Magaalonni gurguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagellee,Naqamtee, Shaashamannee, Bulee Horaa dha.

Haala yeroo ammaatiin Oromiyaan naannoo Tigraay irraa kan hafe naannolee hundaan wal daangessiti ykn wal tuqxi. Kunimmoo yeroo tokko tokko walitti bu'iinsa uuma. Fakkkeenyaaf naannoo Sumaalee keessatti. Godinaaleen Oromiyaa keessatti argaman Arsii, Arsii Lixaa, Baalee, Boorana, Gujii, Harargee Bahaa, Harargee , Iluu Abbaa Booraa, Jimma, Shawaa Bahaa, Shawaa Dhihaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Wallagga Bahaa, Wallagga Dhihaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Qeellem Wallaggaa, ti.

Seenaa gulaali

Kanas ilaali: Seenaa Oromoo

Jaarraa digdamii tokkoffaan duratti, magaalaan guddittii Oromiyaa Finfinnee turte, kunis maqaa biraa Addis Ababaa jedhamuunis nibeekamti (maqaan kun Afaan Oromoo miti). Magaalaan guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti jijjiiramuun ishee mormii hedduu fidee ture. Morkattoonni akka jedhanitti bulchaan Itoophiyaa Finfinneen Oromiyaa keessatti argamuu ishee hinbarbaadne jedhaniiru.[1] Karaa biraammoo, Finfinneen afaan, aadaafi seenaa Oromoo guddisuudhaaf mijataa miti jechuudhaan mootummaan nidubbata. Waxabajjii 10, 2005 keessatti Dhaabbata Dimookraatawaa Ummata Oromoo(DhDUO) kan kutaa bulchaa Adda Dimookraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) ta'e, magaalaa guddoo Oromiyaa akka Finfinneetti deebisu ifa godhee.

Seenaa Itoophiyaa sirrii

Faaruu Oromiyaa gulaali

Oromiyaa, Oromiyaa haadha seenaa guddaa Handhuura Oromootaa galma Sirna Gadaa Dachee heeraa fi seeraa haadha Caffee Odaa Badhaatuu, gabbattuu magarsituu hundaa; Xurii bara dhibbaa dhiigaan sirraa dhiqnee Wareegama qaaliin alaabaa kee ol qabnee Gammannee gammadii bokkuu deebifannee: Nagaaf dimokraasii tabaroo namummaa Misoomaa amansiisaa guddina hatattamaa Ummatootaa wajjiniis jaalalaafi tokkummaa Wabii jireenyaatiif goonee kaayyoo cimaa; Irree gamteeffannee kaanee nu abdadhuu Oromiyaa lalisii dagaagii jiraadhuu!

Afaanota gulaali

Kanas ilaali: Afaan Oromoo

Afaan Oromoo, kan yeroo ammaa qubee Laatiniitiin barreeffamu, afaan bal'inaan dubbatamu yoo ta'u kunis afaan Oromiyaa keessatti dubbatamu keessaa %83.5 ta'a. Afaanonni kan biraa kan baayyinaan dubbataman Amaariffa (11%) (keessaahuu Wallagga Bahaa fi Shawaa Kaabaa keessatti), afaan Guraagee ([Sabatbeet [Guraagee]], Sooddoo fi [Silxee]), Afaan Hadiyyaa, afaan Geedi'oo (0.98%) (keessumaayyuu Shawaa Dhihaa fi Shawaa Bahaa keessatti), Tigiriffa (0.25%). Afaanonni Oomotiik ummata muraasaan naannoo Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Lixaa keessatti nidubbatama; afaanonni Naayiloo-Sahaaraa (Koomoo, Majangi, Gumuzii fi Bartaa) ummattoota dhihaa keessa faffaca'anii jiraniin ni dubbatama.

Diinagdee gulaali

 

Akka ATI (Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa) gabaasetti, bara 2004-2005tti Oromiyaa keessatti buna toonii 115,083 oomishame; kunis galmee Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa argame. Lakkoofsi kun oomisha bunaa Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 50.7% ta'a. Qonnaan bultoonnii naannoo Oromiyaa loon 17,214,540 qabu (kunis loon Itoophiyaa keessaa 44.4% ta'a), hoolota 6,905,370 (39.6), re'oota 4,849,060 (37.4%), fardeen 959,710 (63.25%), gaangota 63,460 (43.1%), harree 278,440 (11.1%), gaala 139,830 (30.6%), lukkuu 11,637,070 (37.7%), fi kaanniisa gaagura 2,513,790 (57.73%) qabu.

Akka maxxansaa Baankii Addunyaa Bitootessa 2003tti, abbaan warraa baadiyaa lafa heektaara 1.14 qaba, kunis qabeenya lafaa kan biyyatti kan heektaara 1.01 ta'e ni caala. Namoonni 24% hojii qonnaan alaarratti kan bobba'ani(kan biyyatti ammoo 25%).

  1. Mosisa, Abraham T. Letter to U.N. Secretary-General