Godina Jimmaa
Godina Jimmaa | |||
| |||
File:Godinaalee Oromiyaa.png Godinaalee Oromiyaa | |||
Biyya: | Itoophiyaa | ||
Naannoo: | Oromiyaa | ||
Magaalaa Guddaa: | Jimma | ||
Baayyina ummataa: | 2 486 155 (2007) | ||
Tuuta'insa ummataa: |
Jimma godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessa tokko dha. Maqaaan Jimma kuni maqaa mootummaa Jimmaa durii kan Kafaa wajjiin bara 1932 kessatti walitti makamani irra dhufe.
Jimmaan kibbaan mootummaa naannoo Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaan, kaaba-dhihaan godina Iluu Abbaa Booraan, kaabaan Wallagga Dhihaan, kaaba-bahaan Shawaa Dhihaan daangeeffamtee argamti. Bakki dheerina guddaa godina kana keessa Garaa Maigudoti. Aanoleen Jimma keessatti argaman kan akka Geeraa Qarsaa, Limmuu Saqqaa, Sigimoo ,Aanaa Saxxammaa fu aanoolee 24 ol ta'anutu ni jiru. Godinni Jimmaa taa’umsa lafaan Kibba Dhihaa Oromiyaattiin kan argamtu yoo taatu, magaalaa guddoo teessoo Oromiyaa Magaalaa Finfinnee irraa km 352 fagaattee argamti.
Godina Mootummaa shanan gibee jedhamuun kan beekamtuu fi bakka argama Buna Arabikaa kan taate Godinni Jimmaa, Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa (Ethiopian Coffee and Tea authority) irratti hunda'uudhaan Abbaa Taayitaa Istaatistiksii Itoophiyaa (Central Statistical Agency) akka gabaasetti tooniin buna hanga 26,743 bara dhuma 2005tti oomishama. Kun immoo baasii Oromiyaa keessaa dhibbantaa 23.2% yoo ta'u baasii biyya keessaa immoo parsentii 11.8% ta'a. Kuni immo Jimman zoonii buna midhasun bekkaman sadeen kessa tokko ishee godha. Lamman hafaan kan biraa Sidaamaa fi godiina Gedi'oo dha.
Gabaasa Jimmaa
gulaali,(Gabaasa CSA 2005 irratti hundaa'uudhaan) Godinni kun baayyina uummataa walii galatti tilmaamaan hanga 2,773,730 ta'u yoo qabaattu, keessatti 1,382,460 dhiira yoo ta'an, 1,391,270 immoo dubartii dha. Ummati Jimmaa 340,666 yookaan dhibbantaan 12.3% magaallan gugguddoo keessa jiraatu, kan hafan immoo baadiyyaatti jiraatu. Bal'ina tilmaamaan 18,412.54 square kilometers ta'u keessatti Jimmaan tuuta'insa uummataa 150.64 people per square kilometer ta'u qabdi.
Akka May 24, 2004 Baankii Addunyaa (World Bank) memorandumitti, parsentiin 9% ummata Jimmaa elektirikii ni argatu. Godinni kun density karaa 77.0 kilometers per 1000 square kilometers (Avirejjii Oromiyaa wajjin yoo walitti madaalani 30 kilometira ta'a). Avirejjiin abbaa manaa baadiyyaa tokko hektaara lafa 0.9 yoo qabaattu, mataan horii hanga 0.5 ta'u qaba. dhibbantaan 15.1% ummata Jimmaa hojii qotee bulaa hin ta'iiniin jiratta. Parsentiin 57% barattootta Jimmaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaatti yoo galmaa'anii argamani, parsentiin 12% immoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti barachaa argamu. Parsentiin 29% zoonii kana carra dhukkuba busaa (malaria) qabamuu qaba, dhibbantaan 63% immo tisiisa Tsetse fly qabamu carraa qaba. Memorandumiin zoonii kanaa karaa qilleensa goggogaa rating 298 kennaaf.
Haala qilleensaa
gulaaliHaala Qilleensa Godinichaa yemmuu ilaallu Gammoojjiin %18, Badda dareen %67, Baddaan %15 fi Qorrii %0.03 yammuu ta’u, hoo’inni digirii-seentigreediitiin ol’aanaan 25OC- 30 OC ,gadi aanaan 7 0c - 12 0c dha. Baay’inni roobaa waggaatti milii meertira 1200 – 2000 yoo ta’u haalli roobaas bakka lamatti kan qoodamu dha. Roobnii Arfaasaa ji'a Bitootessaa walakkaa irraa eegalee hanga dhuma ji'a Eblaatti kan turu yoo ta’u, roobni gannaa immoo jalqaba ji'a Waxabajjii irraa eegalee hanga jalqaba ji’a Fulbaanaatti kan turu dha. Olka’insi lafaa galaana irraa meetira 800 hanga 3,360 (masl) akka qabu ragaaleen ni agarsiisu.
Aanolee Jimmaa
gulaali- Guumaay
- Manchoo
- Nadhii Gibee
- Shabee Somboo
- Deedoo
- Geeraa
- Gommaa
- Qarsaa
- Limmuu Saqqaa
- Limmuu Kossaa
- Maannaa
- Oomoo Naaddaa
- Saqqaa Coqorsaa
- Saxxammaa
- Sigimoo
- Sokorruu
- Xiroo Afataa
Wabii
gulaali
Aanolee Jimmaa |
Deedoo | Geeraa | Gommaa | Qarsaa | Limmuu Saqqaa | Limmuu Kossaa | Maannaa | Oomoo Naaddaa | Saqqaa Coqorsaa | Saxxammaa | Sigimoo | Sokorruu | Xiroo Afataa |
Godinaalee Oromiyaa[1][2] |
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa |
- ↑ Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu
- ↑ "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).