Naannoolee Itoophiyaa

walloo
(Naannoo Itoopiyaa irra kan qajeele)

Itoophiyaan fedeereshinii giddugalaa jalatti naannoolee mataa ofiin of bulchan qabduudha. Naannoolee Kudha tokkoo fi bulchiinsa magaalaa lama kan Heeraa Mootummaa Itoophiyaan bara 1992 raggaasifame qabdi. Bara 2012 Godinni Sidaamaa riifarandamii taasiseen sagalee akkaan caalmaa ta'e argachuun naannoo kudhanaffa Itoophiyaa ta'e. Kanamalees Godinaaleen Oomoo Lixaa, Beenchi Shakkoo, Kafaa, Daawuroo fi Shakkaa akkasumas [[Aanaan Addaa Kontaa ]] ALI Fulbaana 20, 2014 filannoo riifarandamii gaggeessuun, sagalee naannoo ta'uuf isaan dandeessisu taasisan. Sadaasa 13, 2014 ALI Naannoon Uummattoota Kibba Lixa Itoophiyaa sagantaa hundeeffamasaa taasise. Naannoolee kanniin keessaa ummata baayyee qabaachuun Oromiyaan kan duraati. Oromiyaan ballina lafaa 353,690 km2 qabaachuunis naannoolee hundarra guddoo yoo taatu naannoon Harar immoo baayyina ummataa fi ballina lafaan ishee xiqqoodha.

Tarree Naannoolee Itoophiyaa fi Bulchiinsa MagaalaaEdit

Naannoole kurnanii fi bulchiinsa magaalaa lamaan
Kaartaa Alabaa Maqaa Lakkoofsa Ummataa[1] Ballina (km2) Tuuta'iinsa Ummataa
km2
Magaala Guddoo
1   Finfinnee (city) 3,273,000 526.99 5,198.49 Finfinnee
2   Naannoo Affaar 1,723,000 72,052.78 19.58 Samaraa
3   Naannoo Amaaraa 27,401,000 154,708.96 177.11 Bahar Daar
4   Naannoo Benishaangul-Gumuz 1,005,000 50,698.68 13.23 Asoosaa
5   Dirree Dhawaa (city) 440,000 1,558.61 219.32 Dirree Dhawaa
6   Naannoo Gaambeellaa 409,000 29,782.82 10.31 Gaambeellaa
7   Naannoo Harar 232,000 333.94 549.03 Harar
8   Naannoo Oromiyaa 33,692,000 284,537.84 95.45 Finfinnee[2]
9   Naannoo Somaalee 6,453,000 279,252 (est.) 15.90 Jijjigaa
10   Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa 11,426,000 93,800 121.81 Hawaasaa
11   Naannoo Tigraay 10,056,000 53,638 94.66 Maqalee
12   Naannoo Sidaamaa 6,850,000 12,000 451.83 Hawaasaa
Qoqooddama Itoophiyaa  
Naannoo
Affaar | Amaara | Benishaangul-Gumuz | Gaambeellaa | Hararii | Oromiyaa | Sumaalee | Naannoo Sabaa fi Sab-lammoota Ummattoota Kibbaa | Tigraay
Magaalota Of Bulchan
Finfinnee | Dirre Dhawaa
Kutaa Biyyaa Bara 1995 Dura
Arsii | Baale | Gamuu-Gofaa | Goojjam | Bageemidir | Harargee | Iluubabor | Kafaa | Shawaa | Sidaamoo | Tigraay | Wallagga | Wallo
  1. "Ethiopia". City Population. 
  2. "Oromia Regional State". Archived from the original on 2017-07-28. Retrieved 2020-08-11.