Miseensota ABO QBO Dirqama Duraa Godhatuun Qabsootti Dhaabbataan Jirtan;

Waraana Bilisummaa Oromoo Bilisummaa Oromoo Dhugoomsuuf Wareega Qaalii Baasaa Jirtu;

Dargaggoota Oromoo, Sirnaa fi Diina Farra Oromoo fi Bilisummaa Oromoo Irratti Finciluun Mirga Ummata Keessaniif Falmaa Hadhaawaa garuu Boonsaa Irratti Cichitanii Argamtan;

Ummata Oromoo, Sirna Gabrummaa Haalaan Hadhaawaa fi Umurii Dheeraa Of Irraa Darbatuuf Qabsoo Haqaa of Irratti Irkannoo Qofaan Gaggeessaa Jirtu; Akkasumas Firoottan QBO

Baga waggaa haaraa 2015 geessan. Waggaan haaraa kunis waggaa ummatni Oromoo bittaa alagaa of irraa kuffisee bilisummaa fi walabummaa biyyaa isaa qabsoo isaatiin itti gonfatu akka tahu, akkasumas diinni ummatoota cunqurfamoo irratti roorrisaa jiru itti jilbeenfachiisamee, hawwii fi fedhiin ummatootaa itti guutamu akka tahu ABOn hawwa.

Waggaa haaraa seene kana keessa maaltu raawwatamuu qaba? Fedhii fi hawwiin ummata qabsoofnuuf akkamiin guutama? gaaffiilee jedhaniif deebii gahaa fi qabatamaa kennuuf waggaa dabre keessa kan raawwatamee fi kan hanqate ilaallatuun fardii dha. Kanaaf bara 2014 keessa haala dhaabni keenya ABOn keessa ture, haala ummata keenyaa fi haala diinaa wal yaadachiisuu feesisa.

Guyyaa ummatni Oromoo gabrummaa jalatti kufee eegalee mootummootni Itophiyaa sirnoota gara garaa fi mootummaa adda addaa diriirsan irratti wal jijjiiruun kan mul’ataa ture tahullee jijjiirraan sirnaa fi mootummootaa ummata Oromoo irraan miidhaa irra caalaa dhaqabsiisuu fi mirga uumaa fi seeraan qabu dhiphisuu malee isaanii ummata Oromoo akka ummataatti ilaalanii mirgi isaa akka kabajamu yeroon fedhii itti agarsiisan hin mul’atne. Mootummootni Itophiyaa hundi akkaataa itti qabeenya ummata Oromoo saaman, ummata Oromoo hamilee cabsuun bittaa jala turfatan irratti karoorfatuun hojjatan. Kanas gochaan isaan ummata Oromoo irratti bara baraan raawwatan ifatti agarsiisa. Addatti ammoo mootummaan Wayyaanee Itophiyaa bituuf erga humnaan of labseen asitti gochaalee ummata Oromoo qofa osoo hin taane ummatoota hunda dheekamsiise, gadadeesse, diinummaa babal’isee fi ummatoota gaddisiise ifaa fi dhoksaan raawwatuun impaayera humnaan bitaa jiru kufaatii fi gadadootti oofuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee/IHADG gaaffii ummatootaa karaa nagaa deebisuu irra maaf gaaffii mirgaa kaaftan? jechuun ukkaamsuuf humnatti gargaaramuu filatuun ummatoota caalaatti fincilsiisaa fi mirga isaaniif akka falmataniif kakaasa jira.

Ummatni Oromoo mootummaa kan kiyya jedhuu fi dantaa isaaf dhaabbatu dhabuu irraa waggoota dheeraaf qabsoo wal irraa hin citni geggeesse. Hawwii fi fedhii ummata Oromoo kana guutuuf ABOn dirqama qabsoo Oromoo hogganuu fudhatuun qabsoo bilisummaa fi walabummaa geggeessaa jiruun injifannoolee hin tuffatamne argamsiisuu irratti milkaa’ullee kan hafatee jiru hubatuun QBO finiinsaa akka jiru hubatamaa dha. Falmaa diina irratti adeemsisaa jiru kanaanis caasaalee fi ijaarsa diinaa ummata Oromoo irratti xiyyeeffatan, lukkeelee diinaa Oromiyaa fi ummata Oromoo keessa jiraataa isa basaasuu fi saamuu keessatti qooda kennan, waraanaa fi humna baasasa diinaa ummata Oromoo mirga isaaf falmatu ajjeesuu fi hiraarsuu irratti bobba’an irratti tarkaanfiilee hedduu fudhatuun adaba malu kennaafii ture. Kana keessatti WBO’n goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfii fudhataa tureen QBO’n deebii quubsaa argatu malee kan hin dhaamne tahuu mirkaneessuun caalaatti mooraa diinaa dhiphisaa fi diigaa akka jiru ifaa dha. Kun ammoo bara haaraa kana keessa hanga ummanti keenya mirga isaa harka galfatutti jabaatee kan itti fufu tahuun hin shakkisiisu.

QBOn ABOn durfamu har’a sadarkaan irra gahe amansiisaa fi kan humni kamiyyuu ukkaamsuu hin dandeenye tahuu sochii bal’aa Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru irraa ni hubatama. Sochiilee roga afran Oromiyaa keessatti finiinaa turanii fi jiran kana keessatti qoodni maadheelee ABO, dargaggootaa fi ummataa ol aanaa tahuun hin falamsiisu. Waggaa dabarsine keessa Oromiyaa keessaa bakki itti dargaggoo fi ummatni fincila itti hin adeemsisin hafe hin jiru jechuun ni danda’ama. Keessattuu manneen barnootaa sadarkaa ol aanaa irraa hanga giddu galeessaatti shira diinaa saaxiluu fi mirgi ummata Oromoo akka kabajamu gaafatuun diddaan agarsiisan kanneen haqaaf falman hunda kan boonsee fi gammachiise, mooraa saamtotaa fi cunqursitootaa raasee fi sarde ture.

Mootummaan abbaa irree fi loogummaa sanyii geggeessuun beekamu sirna isaa kufaatii irraa hambisuuf akkuma aadeeffate humnatti fayyadamuu filatuu irraa dargaggoo fi barattooota Oromoo gaaffii isaanii karaa nagaa dhiheeffatan irratti waraana bobbaasuun lubbuu ilmaan Oromoo hedduu galaafachiisee jira. Kumootaanis hidhaatti guuruu fi barnoota irraa ari’uun haaloo bahatuuf yaaleera. Haa tahu malee dhiigni ilmaan Oromoo Wayyaaneen dhangalaafame ilmaan Oromoo sabboontotaa fi muratoo kumootaan horee mooraa qabsootti akka makaman taasise malee, sodaan manatti akka dacha’an taasisuu hin dandeenye. Hin danda’us. ABOn Fincila Diddaa Gabrummaa keessatti kanneen wareegaman hunda oggaa yaadatu akeeka kufaniif bakkaan gahuuf waadaa seenuudhaani.

Waggaa dabarsine keessa mootummaan Wayyaanee mirga ummata Oromoo caalaatti dhiphisaa, lafa isaa irraa ari’uu fi bal’ifatuuf karoora “Master Plan” jedhuun eegale mormii guddaa dhalchee shirri yaade saaxilamuun ni yaadatama. Kun ammoo kanneen Oromummaaf hadoodan qofa osoo hin taane, kanneen mootummichaaf ulee tahanii ummata Oromoo dararaa jiran gidduutti iyyuu mormii dhalchee mootummaa farra ummatootaa qullaa dhaabeera. Karoora kana duubaan akeekni jiru maal akka tahe Oromoon ifa gochuu danda’uu qofa osoo hin taane, mootummootni Itophiyaa kamuu ilaalchi ummata Oromoof qaban kan diinummaa tahuu ittiin saaxiluu danda’ee jira. Ummatni keenya biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatus aggaammii diinaa kana dura dhaabbatuun sagaleen ummata Oromoo mootummootaa fi dhaabbattoota addunyaa gara garaa birattti dhageettii akka argatu gochuuf kana sana osoo hin jenne harka wal qabatee ka’uun mormii fi balaaleffannaan agarsiise kan dinqisiifamu dha. Bara kanas caalaatti tokkummaa isaa jabeeffatuun midhaa ummata Oromoo irra gahaa jiru akka dhageessisu ABOn amana.

Bara 2014 mooraa Qabsoo Bilisummaa gabbisuuf tarkaanfii fudhatameen milkiin argames kan jajjabeessuu fi mooraa qabsoo itichuu keessatti kan gumaache dha. ABOn humnaa fi dandeettiin Oromoo bifa qindaa’aan qabsoo irra akka ooluuf sochii adeemsisaa tureen ABOn ShG fi ABOn QC kaayyoo tokko, heera tokko, sagantaa siyaasaa tokkoo fi hooggana tokko jalatti deebisuu danda’uun milkii ummata Oromoo fi firoottan qabsoo Oromoo hunda gammachiisee dha. Kana malees jaarmayoota Oromoo biroo kanneen kaayyoo bilisummaa fi walabummaatti amanan waliin mareen qabsoo irratti wal tumsuuf ykn bifa waltahiinsi irra gahameen qabsoo waliin qindeeffatuuf tattaaffiin itti fufee jira. Qabsoo irratti wal tumsuuf sirna kana dandeessisu tolfatuun humna qabsoo qisaasama irraa hambisuuf yaalii taasifamaa jiru kanas kanneen suduudaan dhimmi ilaaluu fi lammiileen Oromoo hundi deggersa isaanii akka itti fufan ABOn hiree kanaan yaadachiisa.

Sochii waraanaa fi siyaasaatti dabalee roorroo ummata keenya irra gahaa jiru mootummoota, jaarmayoota Idil Addunyaa fi Godinaalee hubachiisuu irratti sochii gama diplomaasiin godhameen tattaaffiin godhames kan jajjabeessu tahuu ABOn hubachiisuu fedha.

Sochii diplomaasii kanaan, Ajjeechaa barattoota Oromoo fi lammiilee Oromoo biraa irratti raawwatame addunyaan akka hubatu taasisuu, kana irratti qoodni ummata keenya biyyoota alaa keessa jiraatuu ol aanaa tahuu fi akka diinni barbaaduutti osoo wal hin qoodiin tokkummaan sagalee ummata isaa dhageessisuu danda’uun jabina mooraa qabsoo Oromoo keessatti mul’ate, kan fuula durattis itti fufuu qabu dha.

Lafti Oromoo seeraan alatti saamamee alagaaf qoodamaa, ummatni Oromoo ammoo hiyyummaa keessaa bahuun hin laaffannetti gatamaa akka jiru,

Lammiileen Oromoo Oromummaa isaanii fi yaada kan mootummaan alaa qabaachuu qofaan adamsamanii hidhaatti guuramaa akka jiranii fi lakkoobsa hidhamaa Impaayera Itophiyaa keessaa baay’een Oromoo tahuu,

Lammiilee Itophiyaa cunqursaa fi roorroo adda addaa jalaa bahuuf biyyoota alaatti osoo baqatanii kanneen gammoojjii keessattii dhuman, galaana osoo qaxxaamuranii dhabaman harka guddeessaan Oromoo tahuu,

Mootummaan Wayyaanee preesii walabaa ukkaamsuun tarree biyyoota maqaan dura kaafaman keessa kan jiru, dhimma amantii keessa seenuun amantoota amantii gara garaa hiraarsuun kan beekame, lafa baadiyyaa qofa osoo hin taane, lafa magaalaa saamuun ummatoota addatti ammoo ummata Oromoo lafaa fi mirga dhablee taasisee miidhaa ol aanaa fi suukaneessaa irraan gahaa akka jiru ragaalee qabatamoo waliin dhiheessuun ilaalcha mootummaa kanaaf qaban akka irra deebi’anii ilaalan gochuuf yaaliin godhame kan laafaatti ilaalamu miti.

Har’a ummatni Oromoo cunqursaa baroota dheeraa irra ture of irraa jigsuuf qabsoo isaa finiinsaa akka jiru hubatamaa dha. Fincila ummataa kana dhaamsuuf diinni qabeenya hedduu irratti dhangalaasuu irratti argama. Humna waraanaa fi tikaa ummatatti bobbaasee nagaa dhorkataa fi jeequu irratti argama. Shira diinaa kana fashalsuun QBO rarraga bilisummaan gahuufis waggaa haaraa kana jabinaa fi murannoon hojjachuun dirqama qabsaawotaa fi lammiilee hundaa tahuu ABOn hubachiisa.

Akkuma beekamu mootummaan Wayyaanee mootummaa sirnaawaa fi seerawaa of fakkeessuuf yeroo gara garaa filannoo adeemsisaa akka ture ni yaadatama. Filannoon Wayyaaneen geggeeffaman hundi ulaagaa filannoo dimokraatawaa kan hin guutne tahuu kan addunyaan hundi ragaa itti bahe dha. Filannoon waggaa kana keessa adeemsisuuf itti qophaa’aa jirus kan kanaan duraa irraa addummaa kan hin qabne, filannoo Wayyaanotni qofti keessatti dorgoman tahuu qophii itti jiran irraa hubatuutu danda’ama. Waan taheef ummatootni Itophiyaa addatti ammoo ummatni Oromoo filannoo isa hin ilaallee fi bakka bu’oota isaa ittiin filatuu hin dandeenye kana irratti yeroo isaa gubuu dhiisee qabsoo isaa diina irratti akka finiinsu ABOn waamicha gadi jabeessee dabarsaaf. Filannoo kana keessaa qooda fudhatanii Wayyaanotaa fi Lukkeelee isaanii filuun haada waggaa 23 morma ummataa hudhee jiru ofitti jabeessuun of ajjeessuu waan taheef kan darbe irraa baratamee guutummaatti lagatamuun qabsoo finiinsuun mirga ofiif qofa hiriiruu irratti akka fuulleeffatamu hubachiifna.

Mirgi keenya kan kabajamu diina of irratti filuun osoo hin taane, qabsoo gosa hundaa finiinsuun mirga keenya bortaan mulqame of harka galfatuuf qabsaa’uun qofa. Qabsoo ummatni Oromoo itti jiru kan shaffisiisuu fi galii isaa dhaqqabsiisu falmaa biyya keessaa jabeessuun tahuun hin falamsiisu. Ijaaramuu, qajeelfamaa fi bulchiinsa diinaa diduun, imammata mootummaa hojiitti hiikuu lagatuun tokkummaa ofii cimsatuun diina irratti falmaa geggeessuun alatti filmaatni biraa hin jiru. Kanaaf kanneen QBO mararfatan marti ABO, WBO fi SBO fi JARMAYAA DARGAGGOOTAA (QEERROO)f ilaalcha addaa kennuun caalaatti jabeessuu irratti bobba’uun hojjatuun dirqama ulfaataa nu eeggatuu dha.

WBOn haalota ulfaatoo fi hamoo isa mudatan hunda irra aanee kan qabsoo itti fufuu danda’e deggersa gosa hundaa ummata keenya biyya keessaa fi ala irraa argatuuni. Ummatni Oromoo ilmaan isaa cinaa dhaabbatuun waan irraa barbaadamu guutuutti dabalee qaamaan itti makamuun WBO jabeessuu irratti qoodni gumaachaa turee fi jiru yoomiyyuu kan hin dagatamne seenaa keessatti ifee mul’ataa jiraatuu dha. Wareegama hanga ammaatti baafame firii itti gochuun qadaaduuf, bara 2015 bara WBO jabeessuu dirqama duraa godhatuun qabeenya, beekumsaa fi humna namaan gabbisuuf haa hojjatnuun waamicha isa hangafa ABO waggaa haaraa kanaa ti. Keessattuu ummatni keenya biyyoota alaatti argamu kana hubatuun dirqama lammummaa isaa akka bahatu ABOn waamicha isaa dabarsa. Kanaaf 2015 bara WBO itti tinnisnu akka tahu ABOn yaadachiisa. ABOn waamicha dhiheessu kanaafis ummata irraa deebii quubsaa kan argatu tahuu abdii guutuu qaba.

Wayta ammaa kana midiyaaleen adda addaa biyyoota alaa irraa dhimma ummata Oromoo tarkaanfachiisuuf dhaamsa gara garaa dabarsaa jiran. Dhimmi ummata Oromoo caalaatti dhageettii akka horatuu fi deggersa argatu gochuuf tarkaanfiilee WBOn fudhatu dhageessisuu keessatti qooda isaanii akka gumaachan ABOn waamicha dabarsaaf.

Waggootiin bittaa Wayyaanee dabran, murni humnaan aangootti dhufe humnaan malee aangoo karaa nagaa kan gad hin dhiisne tahuu ummatoota Itophiyaa haalaan hubachiisan. Mirga ummatootaaf kan dhaabbatan, sirna dimokraasii kan diriirsan tahuu lallaba isaanii hifachiisan lallabaa oolan iyyuu, gochaan isaanii akeeka isaanii waan ibsuuf sadarkaa ummatoota akka kanaan duraatti sobuu hin dandeenye gahee jira. Kanaafis ummatootni bakkaa bakkatti diddaa isaanii agarsiisaa fi finiinsaa jiran.

ABOn tattaaffii ummatoota cunqurfamoo kana ni dinqsiifata. Kan isaaf danda’ame hundaanis kan waliin dhaabbatu tahuu mirkaneessa. Ummatni Oromoos kanneen cunqursaa irra gahu jalaa walaboomuuf qabsaawaa jiran karaa danda’ameen jajjabeessuu irratti akka hojjatu waamicha isaa dabarsaaf. Olola diinaa ummatoota walitti buusuu fi diinomsuuf osoo bakka hin laatne kan diina waloo of irraa buqqaasuun danda’amu cunqurfamootni wal tahuun akka tahe hubatuun bal’inaan akka irratti fulleeffatuun hojjatamu ABOn yaadachiisa.

Ummatni Oromoo hiraara irra gahaa jiru keessaa bahuuf abdiin isaa qabsoo bilisummaa ABOn durfamu akkaa tahe ifaa dha. Ummatni Oromoo ABO kan abdatuufis dantaa ummata Oromoof kan dhaabbate tahuu fi falmaa QBO keessatti haqa ummata Oromoo dhugoomsuu keessatti wareegama ulfaataa baasuu hubatuu irraa ti. Bara haaraa kana keessatti abdii fi hawwiin isaa guutamee walabummaa isaa akka gonfatu dandeessisuu keessatti ABOn qooda irraa eegamu gumaachuu irraa kan booda hin jenne tahuu mirkaneessaa, kana guuttatuuf harka wal qabannee tokkummaan haa kaanu jedha.

Akkuma waggaa dabre keessa oggaa saamamnu, ajjeefamnuu fi hidhaatti guuramnu callisnee hin ilaallu jechuun tarkaanfiilee adda addaa fudhataa turre, bara kanas caalaatti babal’isuu fi finiinsuun umrii bittaa alagaa haa gabaabsinu.

Ummatni, addatti dargaggoo fi barattootni gabrummaa hin dhaallu jechuun harka qullaa diina hidhataa dura dhaabbatuun wareegama baasaniin ummata Oromoo boonsanii fi abdii itti horaan qabsoo itti jiran finiinsuuf caalaatti wal ijaaranii fi gurmaa’anii akka sochii isaanii cimsan ABOn dhaamaaf. Caalaatti ijaaramanii falmaa jalqabame bakkaan gahuuf caalaatti socho’uun alatti filmaatni biraa fi daandiin biraa akka hin jirre gadi jabeessinee hubachiifna.

Mootummaa farra ummatootaa kan ummatoota walitti buusuu fi diinomsuun umrii bittaa isaa dheereffatuu barbaadu kana of irraa gatuuf cunqurfamootni hundi akka qabsoo isaanii finiinsan ABOn hubachiisa. Wal irratti osoo hin taane diina irratti ha bobbaanu. Wal tahuu fi wal dhaga’uun sochii goonuu fi wareegama baafnuun umrii bittaa cunqursaa haa gabaabsinu.

Injifannoo Ummata Oromoof! Adda Bilisummaa Oromoo Muddee


Godinaalee Oromiyaa[1][2]
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa
  1. Namoonni HAADHA MANAA isaanii waliin walqunnamtii saalaa jalqabuuf utuu jedhanii, utuu qunnaamtii hin godhiin jalaa qaamni kormaa dhangala’u ykn eegalanii daqiiqaa 1 gaditti xumuran rakkoo kana qabu jedhamee yaadama. Waanti kun takkaa yoo nama qabate waan nama hin gadhiifne yokaan nama waliin hafu miti. Waqxii tokkoof nama mudatee baduus danda’a, namoota tokko tokkorrammoo turuu danda’a. Dhibee kana kan fidu kana jedhamee quba itti qabamee adda baafamuu baatus kanneen armaan gadii waliin ta’anii harka keessaa qabu. 1. Dhiphina/muddama sammuu (stress) 2. Yeroo hedduu garmalee gadduu (depression) 3. Sodaan walqunnaamtii saalaa hin danda’u jedhu dursee sammuu keessa jiraachuu. 4. Miira balleessaa qabaachuu (guilt) namatti dhaga’amuu 5. Rakkoon hariiroo jaalalaa (relation ship) jiraachuu. AKKAMIIN OFGARGAARUU DANDEENYA? Namoota rakkoo kana qaban keessaa 95% osoo qoricha mana yaalaa hin barbaadiin maloota armaan gadii kana keessaa kan isaaniif ta’u fayyadamanii dhibee kana ofirraa balleessu. 1. Afuura dheeraa (deap breath ) fudhachuu. Yoo xixiqqeessanii afuura baafatan gara dafanii sanyii kormaa dhangalaasuutti geessa. 2. Qofaatti shaakaluu. Kun mala tuttuquu (masturbation) fayyadamuun yoo sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu gidduutti dhaabuudha. Ammas irra deddeebi’anii hojjachuudhaan of shaakalsiisuudha. Yoo kana godhanyoo qaamaan haadha manaa yokaan jaalallee isaanii bira deeman illee qabachuu danda’an. 3. Yoo qunnaamtii saalaa godhan yoo miirri olka’ee sanyiin kormaa dhangala’uuf jedhu bakka qaamni saalaa dhiiraa (penis) qaamarraa itti ka’u jalaaan jabeessanii gadi qabuu (Squeezing) akka dafee hin dhangalaane gargaara. Kanas qofaa ofii shaakaluun gaariidha. 4. Yoo qunnaamtii saalaa goodhamu guutummaa guutuutti yaada keenya qaama saalaa keenyarra kaa’uu dhiifnee bakka biraa yaadaa raawwachuun hedduu gargaara. 5. Jarjaruu fi ariifannaa, sodaa fi miirota kana fakkaatan haga dandeenye ofirraa fageessuu qabna. 6. Namootni walqunnaamtii saalaa yeroo dheeraaf hin godhiin yoo turan waan kun akka mudatu ni taasisa. Akkuma deddeebineen raawwanneen garuu fooyya’aa deema. 7. Yoo qunnaamtii saalaa goonu akkuma miirri olka’aa deemee gara dhangala’uutti dhiyaateen sochii gadi xiqqeessuudha. Yoo garmalee sosocho’an dafee akka dhangala’u waan taasisuuf. Fayyaan faaya Dhibee Wal qunnamtii Saalaa Dafanii Xumuruu Faayidaa Timiraa Mallattoo Dhukkuba Kalee fi Wantoota Gochuu Qabnu Mallattolee Dadhabuu Onnee Dhiita'uu Qaama Saala Dhiiraa(Varicocele)fi Mallatto Isaa Haphachuu Rifeensaa Akkamiin Ittisuu Dandeenya? Mallattoo, Ka'umsaa fi Furmaata Hir'ina Dhiigaa Dhukkuba Huuba Qoonqoo/Toonsilii Faayidaa Jinjibilli Qabu
  2. "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).