Buna
Bunni biqiltuu naanno oo'aatti biqilu yoo ta'u akka nama jajjabeessuuf (dadammaqsuuf) dhugama. Bunni mukunifi dadhabbiin akka namarraa badu kan godhu wayita ta'u danfifameet dhugama.
Bunni kan inni jalqaba argame Itoophiyaa kessatti akka ta'e dubbatama. Boodarra garuu Itoophiyaadhaa ka'ee ardii hundumattuu tatamsa'e. Adunyarratti buna oomishudhaan biyyoota beekkaman keessa Biraazil sadarkaa tokkoffaarra jirti. Biraazilitti aanudhan biyyooni akka Veetinaam, Kolombiyaa, Indoneeshiyaa, Honduraas, Itoophiyaa, Indiyaa, Meeksikoo, Gu'aatimaalaa, fi Peeruun sadarkaa 2ffaa hanga 10ffaatti qabatanii argamu.
Itoophiyaa keessatti, buni baayyinaan kan oomishamu naannoon Oromiyaa fi naannoon Sabaa fi Sab-lammoota Kibbaa keessatti. Nannoo Oromiyaa keessaa godinaalee akka Jimmaa, Iluu Abbaabooraa, Wallagga Dhihaa, Boorana fi godinaalee Hararge keessatti baayyinaan oomishama.Bunni attamiin dhugaatii si'eessuufi beekamaa ta’e? Sa'aatii 9 dura Bunni qaama keenya keessatti attamiin nu daddamaqsuuf hojjataa? Gaarreen Itoophiyaatii hanga magaalaa Niiw Yoorkitti maqaan bunaa maatii hedduu biratti beekama. Hiyyeessa ta’ee dureessa, maanguddoo hanga dargaggoo buna unatan malee ooluu kanneen hin dandeenyee miliyoonota. Bunni jaarraa 15f jidduugala aadaa ilmaan namaa ta’ee tureera. Tokko tokkoos jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa ilaalchi yaada rimee aadaa fi faalaasamni kan maddee (Enlightenment) bunarraa akka ta’e dubbatu. Qabiyyeen buna keessatti argamuufi nama si’omsu Kaafeeyiin jedhama. Wantoota addunyaa kanarratti nama si'eessan keessaa bunni kan fayyadamtoota baayyee qabudha. Ilaalcha keenya osoo hin hafne akka waliqixxeessutti yaadama. Bunni eessaa dhufe? Bunni muka Koofii yaa Araabiikaa jedhamu irraa kan argame yoo ta’u, mukni kunis jalqaba kan argame Itoophiyaatti. Bunni harki 90 kan ta’u kan oomishamu biyyota guddinarratti argaman jedhaman keessattuu Kibba Ameerikaatti yoo ta’u, faallaa sanaatiin irra jireessi namoota buna dhuganii kan argaman biyyoota guddatan keessatti. Seenaan afaanii akka himuutti, tikseen Kaalidii jedhamu tokko jaarraa 9ffaa keessa osoo re’ee tiksaa jiruu, re’oonni ija bunaa nyaatanii haala duriitiin adda socha’u hubata. Tikseen kunis kana yoo argu ofiif yaaluu barbaadee ija bunaa akka dhandhame himimama. Isaan booda namoonni naannichaa ija bunaa bishaan keessatti dhoobuufi baalasaa affeelaa akka shaayiitti dhuguu eegalan. Sanadoonni seenaa akka agarsiisaniitti, suufiiwwan Yeman yeroo jalqabaatiif jaarraa 14ffaa irratti ija bunaa akaa’uudhaan, akka buna amma beeknuutti kan dhugan jedhama. Jaarraa 15ffaatti ammo bara mootummaa Otomaaniitti (Impaayeera) eddoowwan bunni itti gurguramu eegalame. Kunis gara Awurooppaatti babal'achuun manneen bunaa, bakka madda yaada bizinasii, siyaasaa fi yaada haaraa ta’e. Abbaan falaasamaa Jarmanii Yargan Haabarmaas dabalatee qorattoonni kaanii fi hayyoonni qorannoo hawaasaa (sociology) jaarraa 20ffaa buna malee barrii madda falaasamaa hin dhugoomu ture jechuun falmu. Habarmaas akka jedhaniitti, jaarraawwan 17ffaa fi 18ffaa keessatti manneen bunaa jidduugalawwan namoonni itti yaadaa fi ilaalcha isaanii itti wal jijjiraan turan. Namooti falaasamaa bara aadaafi falaasama maddisiisuutti araada bunaa cimaa qabu ture yaadni jedhu ni ka’a. Namni falaasamaa Faransaay Voolteeyiir guyyaatti buna sinii 72 dhugu turan, hiriyaan isaanii Diideerootim ammoo insaayikilopidiyaa kutaalee 28 qabu barreessuudhaaf buna baayyinaan akka dhugaa turan dubbatama. Barreessaan Ameerikaa Maayiikiil Pooliin insaayikilopidiyaan hojii dinqii bara falaasamaati jedhu. Falaasamaan Antiropolojii, Teed Fiishar Ameerikaa Yunivarsitii Vaandarbiiltiitti daareektara qorannoo bunaati. Hayyuun kunis gabbiifamu ilaalcha kaappiitaalisiimiitiif bunni gumaacha olaanaa baheera jedhu. ‘‘Bunni seenaa kan geeddaree fi yaadoti akka Enlightenment fi Kaapitaaliziim jiran akka guddatan kan ga ‘‘Yaadoti akka waa’ee dimokiraasii, saayinsii fi kaapitaaliziim jiran bara bunni baayyee barameetti maddiisiifamunsaanii akkasumaan waan walitti dhufeedha jedhe hin yaadu. Bunni kishaafee dhimmoota ittiin ilaaluu bal’isa. Xiyyaaffannaa keenya walitti nu qaba.Kaapitaaliziimiidhaaf gummaacha olaanaa taasiseera jedheen yaada.’