Aanaan Doddotaa godina Arsii keessatti argamti. Aanaan tun kaabaan godina Shawaa Bahaatiin, Kibbaan aanaa Heexosaa,bahaan aanaa Siree,lixaan aanaa Zuwaay Dugdaan daangoftee argamti.

Aanaan Doddotaa Yeroo Ammaa Aanaalee foyya'iinsa guddaa keessatti argaman keessaa tokko yoo taatu bulchiinsa magaalaa dheeraa waliin ta'uudhaan seenaa haaras galmeessuu irratti argamu.

Aanaan Doddotaa seenaa oromoo keessatti iddoo guddaa qabdi. Seenaa Oromoo keessatti Aanaan Doddotaa iddoo Jeneraal Taaddasaa Birruu Tokkummaa fi Obbolummaa ummata oromoo itti cimsaniidha.


Aanolee Arsii
Amiinyaa | Aseko | Maagallaa Asalla | Baale Gasgaar | Collee | Digaluu fi Xijjoo | Diiksis | Doddota | Enkelloo Waabee | Gololchaa | Gunaa | Hexoosa | Jajjuu | Limmuu fi Bilbiloo | Loddee Hexoosaa | Martii | Muneessa | Roobee | Seeruu | Siree | Shirka | Sude | Tena | Xiyyoo | Zuwaay Dugdaa