Ale (aanaa)
Aanaan Aallee aanaalee Godina Iluu Abbaa Boor 24 argaman keessaa isa tokko oggaa taatu, aanaan kun kan argamu "magaalaa guddoo" godinichaa kan taate Mattuu irra gara Kibbaatti. Aanaa kana kan daangessan Kaabaan aanaa Mattuu, Kibbaan aanaa Diiduu, Bahaan aanaa Beechoo, Dhihaan aanaa Haaluuti. Baayinni ummata aanichaa akka CSA bara 2007tti 64,251 yoo ta'u kana keessaa dhiirri 32,025, dubartoonni 32,226 dha. Baay'ina ummata kana keessa magaalaa kan jiraatan 9044 oggaa ta'an baadiyyaa keessa kan jiraatan 55,207 dha. Magaalli guddoon aanaa kanaa Goree oggaa ta'uu baay'inni ummata magaalaa kanaa akka ragaa bara 2005tti(CSA)12,708 yoo ta'u kana keessaa dhiirri 6125 dubartootni 6583 dha.
Godinaalee Oromiyaa[1][2] |
Arsii | Arsii Dhihaa| Baale | Baalee Bahaa | Harargee Dhihaa| Harargee Bahaa | godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinne | Shawaa Bahaa | Shawaa Kaabaa| Shawaa Kibba Lixaa | Shawaa Dhihaa | Qeellam Wallagaa | Wallaga Bahaa | Wallagga Dhihaa | Horroo Guduruu| Boorana| Gujii | Guji Dhihaa | Iluu Abbaa Booraa | Buno Baddallee | Jimmaa |
- ↑ "Oromia zone". oromiyaa.gov.et.
- ↑ "sirni hundeeffama Godina Baalee Bahaa". obnoromia.com (in oromo).