Qaamuu daalacha ykn Bakkallee hurrisaa (Arabic: عطارد, Italian: Mercurio, English: Mercury, Af-somalii: Dusaa) lafjoo sirna Biiftuu keenyaa keessaa isa xiqqaadha. Ji'a lafaa caalaa xiqqoo qofa guddaadha. Lafjoo aduutti dhihoo ta'us, garuu isa ho'aa miti.lafjoo sirna Biiftuu keenyaa keessaa isa xiqqaadha. Ji'a lafaa caalaa xiqqoo qofa guddaadha. Lafjoo aduutti dhihoo ta'us, garuu isa ho'aa miti. Veenusiin ykn Bakkalchi caalaatti ho'aa dha. Bakkalcha(venus), Lafaa fi Arraasa (Mars) fi Qaamuu daalacha (Mercury)Lafjoo kattaa'oo keessaa tokkodha. Fuula jabaa kan bollangootiin uwwifame qaba. Baqqaana qilleensaas ta'e Addessa(ji'a) hin qabu.

Qaamu daalacha ykn Meerkurii

Hikkaa

gulaali

Qaamu daalacha ykn Meerkurii ykn Bakkallee hurrisaa (mallattoo:  ) urjii Milkii Weey, Ruuda ykn tuuta urjiilee bakka lafti argamtudha. Pilaaneetiin kun Aduutti dhihoo (1ffaa) dha. Isa duuba pilaaneetonni sagal: Veenus(bakkalcha), Lafa, Maarsii, Juupitaar, Saaturnii(lafqubbellaa), Yuuraanos, Neeptuunii fi Pilutoo . Meerkuriin laayibara alaa jabaa, sibiilaa-salfaayidii, laayibara dhangala'aa gadi fagoo, fi wiirtuu salfarii jabaa fi mantiilii wiirtuu keessaa jabaa uwwisu kan qabu fakkaata.

 

Maqaan "Uxaaridii" jedhu jecha Arabaa "uxaarid" jedhu irraa kan argamedha. Bara durii kun maqaa waaqa tolfamaa barbarootaa ture. Ormoonni kun waaqa ogummaa akka ta'e waan amananiif maqaan ani barbaadu maqaa waaqa kanaa irraa kan dhufe yoo ta'u, afaan hundaan adda adda ture. Kanaaf, maqaan urjii ykn waaqa tokkoo afaan Faarsiitiin "Tir", Afaan Baabilooniitiin "Nabu", Afaan Ingiliffaa duriitiin "Woden", afaan Giriikiitiin "Hermes", fi afaan Roomaatiin "Mercurius" ta'e. "Mercury" jechuun Ingiliffaa yoo ta'u, maqaa Roomaa tokko irraa kan dhufedha. Garuu afaan Ibrootaatiin, maqaan kun "Kokab Hamah" ykn "Urjii Aduu" jedha. Hiikni jecha Qaamuu-daalacha jedhuu kan keessatti Qaamuun ji‟a 6ffaadha. Ji‟i kun ji‟oottan waktii bonaa keessaa kan dhumaati. Moggaasni ji‟a kanaaf kennames amala ji‟i kun qabu irraa ka‟eeti. Ji‟i kun ji‟oottan waktii bonaa keessaa isa hamaafi ji‟a sa‟aa namaa hintolle, kan loon caalaatti itti beela‟anifi aalatanii itti kufan ta‟uun beekkama. Qaamuun ji‟a latti dhodhootu, bubbee hamaa kan qabuufi ji‟a afaan nama gogu. Haala amala ji‟a kanaafi dhiibbaa inni nama irratti qabu ibsuufis,“Oola, ebelu qaamuun itti bariite, daalacha bulee ba‟ee fakkaate” jedhu nama daalachaa‟een. Kana irraa kan ka‟e, qaamuun ji‟a golgoleessa jedhu.Maqaan isaas yaadrimee golgola, hongee jedhu qabaata.

Qabiyyee

gulaali

Meerkuriin Lafjooo hanga amaatti beekaman keesaa xiqqoo yoo taatu, Biiftuutti dhihaattee argamti. maqaan Meerkurii jedhu kun, maqaa siidaa warri Roomaa dur gabbaru irraa itti moggaafame. Akka warra Roomaatti, Meerkurii jechuun ergamaa gooftaa isaanii jechuu dha. Plaanetota hawaa kana keessa jiran keessaa Meerkuriin wayta lafarraa ol laalanis ni mullatti. Barii barraaqa osoo aduun guututti ol hin bahiniifi, galgala eega aduun seentee osoo lafti guututti hin dukkanaawin, plaaneetiin tun ijaan ni mullatti. Wanti kun garuu guyyaa hunda waan mul'atuu miti. Deemsi lafaa fi Merkurii wal qixaa miti. Kanaafuu guyyaa hunda bakka takkatti argina jechuun hin danda'amu.

Diyaameetiriin Meerkuriidhaa ykn Qaamu daalacha kiloomeetora 4,879 ta'a. Akkuma beekamu diyaameetiriin lafaa ammoo kiloomeetira 12,742 ta'a. Kanaaf Qaamu daalacha lafjoo xiqqoo jedhamuun beekamti. Meerkuriin ykn Qaamuun daalachi aduu irra naannoftee xumuruudhaaf guyyaa 88 itti fudhata. Qaamu daalacha irratti Waggaan tokko guyyaa 88 jechuudha. Kan lafaa ammoo guyyaa 365 akka ta'e ni beekama. Qaamu daalacha adutti dhihoo waan taateef Jeema isiitis akkasumas gabaabaa dha.

Qaamni Meerkurii ykn Qaamu daalacha dibantaa 70 sibiila irraa ijaarame. dhibantaa 30 ammoo Silikeet of keessaa qaba. Akkuma lafaa Meerkurii bakka sadihitti qoodnee ilaalla. Inni gubbaa Kiloomeetria haga 200 furdata. Jidduu isaa ammoo haga kiloomeetira 700 kan furdatu yoo ta'u, naannoon kun Ayranii baqeen guutamee jira. Wiirtuun isii ammoo akkaan guddaa dha. Meerkurii wiirtuun isii qofti parsantii 40ti tilmaamai. Kunis Kiloomeetira 1800 ta'a. Plaaneetiin tun yeroo Heddu Qorsaan(Comet) fi bungulkattaan(astreiod) dhahamti. Kana jechuun hawaa keessaa qorsaalee hedduun isaanii gara lafjoo kanaa darbamu. Kanaaf yeroo heddu gubbaan isii boolla heddu qaba. Boolli tokkichi kan bungulkattaan kanaan uumame diyaameetiriin isaa Kiloomeetira 1500 caala.

Qilleensa marsaa Meerkurii ykn Qaamu daalachaa haphiidha. Inumaahuu qilleensi marsaan hin jiru jechuu wayya. Yookaan ammoo qilleensa hin qabduuyyu jechuu dha. Sababni kanaa ammoo, guulli harkisaa ykn gravity'n Qaamu daalacha akkaan xiqqaa ta'uu isaati. Waan kana ta'eef qileensa isiirra jiru takkallee qabatuu hin dandeettu. wahiyyoota garagaraa heddu kan qabdu yoo taatu, isaanis oksijiinii 42%, Soodiyamii 29%, Haydroojiinii 22%, Hiiliyamii 6%, Potaashiyamii 5% fi gaaziiwwan biroo kan akka naaytroojin, argon, carbon daayoksayidii, bishaanii fi kan biroos bifa xiqqaa ta'een qabdi. Haa ta'u malee sababa hanqina harkisaa (Gravity) tiin elamantoonni haala kanaan faffaca'anii argaman kunniin, sirna qilleensa Pilaaneetii tanaa mijeessuu hin dandeenye. Kanaaf Meerkuriin yeroo Aduu argattutti hoo'isii digriseentigreedii 430 ta'a. Kallattiin aduu irraa garagale ammoo masaanuu 180 ta'a.

Pilaaneetiin tun adutti akkaan dhihoo waan taateef, Astronoomaroonni gara Pilaaneetii tana dhihaachuudhaaf heddu rakkatanii jiran. Yeroo duraatiif bara 1974tti Doonawaa (Spacecraft) Mariner 10 jedhamu gara Plaaneetii tanaa imale. Osoo Meerkurii irra hin qubatin Meerkurii biraan darbuudhaan Qaama Walakkaa qofa kaasuudhaan gara lafaa erge. Bara 1975 boba'aa waan fixateef achumatti hafuuf dirqamee jira. Itti aansuudhaan The Messenger kan jedhamu bara 2004 gara meerkurii ergamee jira. Kunis qorannoon garagaraa akka godhamu yaadameeti ergame. The Messenger Fakkii guutuu Meerkurii kaasuudhaan ergee jira. Haga bara 2015tti odeeyfannoowwan garagaraa gara lafaatti ergaa ture. San booda waan qabu hunda waan fixateef dalagaan isaa bara 2015tti raawwate. Itti aansuun ammoo BepiColombi bara 2018 Dhaabbata hawaa Awurooppaa fi Jaappaaniin kan ergame yoo tahu, bara 2020 hawaa lafaa keessaa baheera. Baruma kana Bakkalcha ykn veenas dhaqqabe. San booda waggoota lamaaf yeroo lama Veenas biraan akka dabru taasifame. October 2021 irraa kaasee wagga waggaan haga bara bara 2024 Meerkurii biraan dabraa saffisaa isaa hir'isa. Pilaaneetii tanarra qubatuudhaaf dirqama saffisni isaa hir'ifamuu waan qabuuf waggoota shaniif haala kana keessa dabra. San booda bara 2025tti Meerukurii irra qubata jedhamee eeggama.  

Dabalataaf:

gulaali