Urjiin walitti qabama qilleensaa ( pilaasmaa/Areeroo ) guddaa, ifa, ho’aa, kaarentii guddaa qabuu fi Harkisa walitti qabameedha. Lafaaf, urjiin amma baay'ee bakka bu'u Aduudha . Buufata tokko tokko keessatti urjiileen lama walitti yeroo argaman, kun urjii walsimaa jedhama.

Buusaa akkasumas Ruda taawiras jedhamu . Suuraan kan NASA irraa argame .

Urjiin qaama pilaasmaa xinurjaawaa guddaa, ifaa fi geengoo ta'ee fi humna harkisaattiin walitti qabameedha. Urjiin kun ifa isaa kan argatu anniisaa niwukilaraa isa keessatti maddisiisu irraa yoo ta’u, atoomonni haayidiroojiinii walitti makamuun elementoota haayidiroojiinii caalaa ulfaatoo ta’an kan akka heeliyum, liitiyeemii fi elementoota salphaa biroo, ayinanii illee uumuuf. Walnyaatinsi fiizikaalaa kun babal’achuu niiwukilasii (nuclear fusion) jedhama, kunis anniisaa ho’aa baay’ee guddaa ta’ee fi bifa balaqqeessa ifaatiin nu bira ga’a.

Urjiin lafatti dhiyaattee argamtu aduu keenyadha. Aduunis urjiidha waan ta'eef fageenya gidduugaleessaan miiliyoona 150 ta'u nurraa fagaattee Kan argamtudha. Urjiin adutti aanuun nutti dhiyaattu "proxima centauri ykn Seentoroos kaluu " ishee tokko, fageenyi ishee nurraa qabdu "Waggaa ifaa" (light year) 4 dhiyaata. Barri ifaa tokko kiiloomeetira tiriiliyoona 9.6dha; bara ifaa jechuun fageenya ifti sekondii tokko keessatti deemuu danda'u Kan ibsudha. As biratti hubatamu Kan qabu barri ifaa Kan safaru fageenya malee yeroo miti.

Urjiileen maal fa'a irraa akka hojjataman tooftaan addaan baasnu ifa isaan gad dhiisan yommuu Qillensa marsaa (atmosphere) keenya keessa seenaniin booda ispeektiramii (spectrum) keessa dabarsuun halluu (color) isaan agarsiisan irratti hundaa'a. Saayinsiin waa'ee halluu qo'atu "ispeektirooskooppii"(spectroscopy) jedhama. Sana booda saayintistoonni halluu kana ilaaluun urjiin sun maal irraa akka hojjatame, teempireecharri isaa akkam Kan jedhuufi kanneen biroo qoratu.

Urjiileen sararoota haayidiroojiinii (hydrogen lines) ispeektraa (Spectra) irratti muldhatan jabinna (strength) isaan qaban irratti hundaa'uun bakka 7tti qoqqoodamu. Yeroo dhihootti immoo isaa olittis qoqqodamaniiru Ani garuu kanneen isiinif dhiyyeessa. Isaan kunniin immoo gosa urjii O, B, A, F, G, Kfi M jedhamuun bakka 7tti qoodamu. As keessatti gosti urjiilee O baay'ee hoo'aa Kan ta'aniifi gosti urjii M immoo qabbanaa'oo Kan ta'aniidha. Gosoonni kunniin kophaa kophatti gosa xixiqqoo 0-9 gidduu ta'e Kan teempireechara isaanii ibsutti gad qoqqoodamu.

urjii lamee

Urjiilee samii keessa jiran keessaa Kan sirritti iftee muldhattu urjii Baasaa (Sirius)dha. Aduun keenya kophaa ishee jirti!!eeyyee aduun keenya baayyee nama gaddisiisti kophaa ishee jirti sababni isaas urjiileen baayyeen gaalaaksii keenya milkiweeyii keessa jiraniifi halkan Kan samii irratti ilaallu urjii lamee (binary star) Kan ta'aniifi sanaan olis Kan tahaniidha. Urjii lamee yeroo jennu Kan urjiileen lama humna harkisaan (gravity) isaaniin Wal madaaluun orbiitii waliirra marsan jechuudha. Fakkii asiin gaditti ilaaluu ni dandeessu



Marsaa Jireenya Urjiilee gulaali

Dhaloota gulaali

Urjiileen dhalachuuf qaama hawaa "neebulaa" ykn Afaan oromoo Balbala'a jedhamu tokko barbaadu. As biratti dhalachuu

yommuu jedhu akka dhala namaa sanaan tokko miti.

Balbala'ini maalii?

Neebulaan qaama hawaa keessaa Isa tokko ta'e Kan wanta akka duumessa fakkaatu yommuu ta'u qabiyyeen isaas "dhukkee"(dust)fi gaasii (gas) of keessaa Kan qabudha keessattuu gaasii haayidiroojiiniifi hiiliyeemii hammaan guddaa ta'e of keessaa qabu. Isaanis iddoo gidduu urjiilee lamaa Kan "interstellar" jedhamu Kan argamaniidha. Sababa kanaaf yeroo tokko tokko afaan ingiliffaan "interstellar medium" jedhanii waamamu.

 
Yaada artistiin tokko urjiin tokko duumessa molakiyuulaa hedduu keessaa dhalachuu isaa. Suuraan NASA irraa argame.

Balbala'ini(neebulaan) kun sababa humna harkisaa (gravity) ykn dambalii cimaa (shock wave) walitti bu'iinsa urjiilee niwutiroonii lamaa fa'a irraa dhufuu irraan Kan kahe Balbala'ini gargar facahee ture gara tokkotti yommuu dhufu (collapse godhu) hoo'iinsi isaa garmalee dabalaa deemaa akkuma hammi isaa dabalaa deemuun. Sababbiin hoo'i isaa dabalaa deemuuf rigitni (friction) guddaa waan jiraatuufidha. Waggoottan miiliyoonaan booda hammi guddaan Kan uumamu ta'a yeroo kanatti "protostar" jedhamtee Kan waamamtu yommuu ta'u garuu "nuclear fusion" geggeessuun Kan eegaludha. Yeroo kanaan booda teempireecharri handhuura ishee keessaa miiliyoona 10 digrii keelviinii ta'u "nuclear reaction ykn Walnyaatinsa niwuukilaasii" Kan eegalu ta'a. Yeroo kana immoo sababa harkisaan (gravity) gara keessatti gadi harkifamaa turte sababa dhiibbaa (pressure) keessa ishee keessaa baheen waan walmadaaltuuf (balance) yeroo sana urjiin tokko dhalate Jenna!

Osoo hin dhalatiniin dura urjii jalqabaa( protostar) tokko gara iddoo tarmummee urjii (main sequence) jedhamu Kan urjiileen haayidiroojiinii xumuranii hin jirre baayyeen argamanitti guddatu

Du'uu gulaali

Urjiileen akkuma sila kaasnetti Kan ifa isaanii Kennan handhuura isaanii keessatti haayidiroojiinii gara hiiliyeemiitti jijjiiraati. Yoo haayidiroojiiniin sun dhumate hoo? Sababni guddaan du'iinsa urjiileef ta'e haayidiroojiinii Sana gara hiiliyeemiitti jijjiiraati waan ifa kennaniif akkasumas walmadaaluuf (balance) harkisaan akka gad hin liqimfamne (collapse hin taane) gaafa haayidiroojiinii kana of keessaa baasanii xumuraniidha Kan du'an. Akkuma dhalli namaa akki ittiin du'u garagara ta'e Kan urjiilees haalli ittiin du'an hamma isaanii irratti hundaa'a. Urjiileen hammi isaanii gurguddaa ta'e haala sukkanneessaan du'aniifi yeroo gabaabaa keessatti Kan du'aniidha sababni isaas qaama isaanii 'balance' gochuuf jecha haayidiroojiinii guddaa gara hiiliyeemiitti waan jijjiiraniif ariitiin du'u.

Urjiileen hammi isaanii aduu gahan haayidiroojiinii ofii gaafa xumuran sheelii alaa isaanii baayyee baldhachuun gara n Jaafoo dimaa (red giant) deebihuun dhawaataan qaama alaa isaanii Isa "planetary nebula" jedhamu gara alaatti babaldhisuun qaama xixiqqoo Kan lafa keenya geessu cugee Adii ykn jaagee Adii (white dwarf) jedhamu tahuun jireenya ishee goolabdi jechuudha. haala kanaan aduun keenya dhumaarratti jireenya ishee goolabdi. Aduun keenya waggaa biiliyoona 4 booda duuti

Urjiileen hammi isaanii gurguddaa ta'e immoo gara Jaafoo olaana dimaa (red super giant) ta'uun dhumarratti dhoohiinsa guddaa Kan dhohurjii olnanaa (supernova) jedhamuun qaamni alaa isaanii Kan dhoohu yommuu ta'u handhuurri uSanaa maal akka ta''u immoo Kan murteessuu hamma isaati. Yoo hangi isaa si'a 1.4 Kan aduu (handhuura urjicha si'a 1.4 Kan handhuura aduu) gadi too ta'e gara "urjii niwutiroonii" Kan deebihi ta'a. Daangaan 1.4 kun "chandrasekhar limit" jedhamuun waamama. Namni Indiyaa yaada kana argate Chandrasekhar Kan badhaasa noobeelii injifate irraa ture.

Urjiilee Niiwutirooni (neutron star) gulaali

Urjiileen Niiwutirooni akkamitti akka uumamu asiin olitti ilaalleerra yommuu ta'u urjiileen kunniin Amala ajaa'ibsiisaa isaan agarsiisan keessaa inni gurguddaan garmalee yeroo gabaabaa keessatti siqqee ofiirra naanna'uu isaaniiti! Keessattuu gosa urjiii niwutiroonii Kan ta'e Urjii dhikkifataa (pulsar) jedhaman sekondii tokko keessatti si'a 1000! Naanna'uu danda'u!! Isaan kunniin sirritti ofirra waan naanna'aniif dirree maagneetii (magnetic field) guddaa waan maddisiisaniif osoo lafatti dhiyaatanii argamanii wantoota maagneetiin harkisuu dandahu (maagneetawaa) ta'an hunda lafarraa gara ofitti harkisuu ni danda'u; ATM card keessaniyyu Isa jalaa gara ofiitti fudhachuu danda'a!!ta'us baayyees hin yaadin urjii niwutiroonii nuti dhiyaatanii waan akkanaa geessan hin jiran waan ta'eef.

Garuu immoo hangi handhuura isaanii 1.4 Kan aduu ol yommuu ta'e keessattu Dhudhaa Aloolchuu paawlii (Pauli exclusion principle) jedhamu Kan Isa elektirooniin lama Kan "spin" walfakkaataa qaban orbiitii tokkorratti argamuu hin danda'u yaadni jedhu warroota cugee Adii fi urjiilee Niiwutiroon Wal madaalchise dhumarratti humna harkisaa (gravity) wajjiin akka tahan godhe hangi isaa 1.4 Kan aduu ol too ta'eef waan hin dalagneef qaama hawaa keessaa Isa ajaa'ibsiisaa ta'e "holqa gurraacha"(black hole) uumama

Wabii gulaali

ASTIROONOOMII BARREESSAAN:- BIINIYAAM DAANI’EEL