Bakkalcha ykn Veenusii (mallattoo: ♀ ruuda Xurree Aannannoo, ykn tuuta urjiilee bakka lafti argamtudha. Pilaaneetiin kun Aduu irraa sadarkaa lammaffaa (2ffaa) dha. Isa duuba pilaaneetonni torban: Lafa, Maarsii/ Goofoo.

File:Venus globe.jpg SaladinAbduramanMahammad
Bakkalcha

Juupitaar/Ejabula, Saaturn/lafqubeellaa, Yuuraanos, Neeptuunii. meerkurii/Qaamu daalchai urjii isa fuuldura jiru qofaadha.

Afaan oromoo "Bakkalcha" (urjii ganama) jechuudha.

Ibsa gulaali

Bakkalcha ykn veenasii Aduu irraa Qaamu daalachattii ykn Qaamu daalchatti aanuudhaan lammaffaa irratti argamti. Dachiin irra jirru tun ammoo Sadaffaa irratti argamti. Bakkalcha Wantoota Hawaa kana keessa jiran keessaa  ifa qabaachuudhaan Aduu fi Addeessatti aantee sadarkaa sadaffaa iratti argamti. Bakkalcha Halkan Halkan Sirritti iftee mul’atti. Carraan yoo argame, Teeleeskooppiidhaan malee halkan  ija namaatiin argamuu dandeetti.

Lafjoontun jalqaba yeroo Qaroomina Roomaa duriititti argamte. Bakkalcha dabalatee Plaaneetonni Afur Yeroo Roomaa kanatti argaman. Kanneen hafan garuu dachii irraa heddu fagaatanii waan jiraniif, haga Teleskooppiin hammayyaa uumamutti nama jalaa dhokatanii turan. Bakkalcha akkaan iftuu waan taateef, akkasumas ija namaatiin waan mul’attuuf, dabalataan ammoo hawaadhaaf bareedina addaa waan kennituuf, warri Roomaa maqaa gooftaa isaanii kan Jaalalaa fi Kan bareedinaa irraa itti moggaasan. Maqaan “goofta Jaalalaatis”Bakkalcha jedhama. Yeroo qaroomina Roomaa kanatti Lafjoontun Mallattoo jaalalaa godhamuun ibsamaa turte.

Yeroo heddu Bakkalcha fi Lafti Lakkuuwwan ykn Obboleettiiwwan jedhamuudhaan beekamu. Sababni isaa guddinni, rukkinni, Ulfaatinnii fi Bal’inni isaanii akkaan walitti dhihoo waan ta’eef. Haa ta’u malee wantoota kanniin irraa hafaniin garagarummaa heddu qaban. Haalli qilleensaa, Kallattiin isaan aduu irra naannawan fi Addeessa qabaachuu fi dhabuudhaan garaagarummaa qabu. Akkuma Meerkuriidhaa, beekumsi Qorattoonni waa’ee Lafjoo kanaa qaban akkaan xiqqaa dha. Meerkuriin adutti dhihoo waan taateef yoo ta’u, Bakkalcha ammoo akkaan hoo’ituu waan taateef Saayintistoonni sirritti qorachuu hin dandeenye. Bara 1960 dura Lafjoontun jireenyaaf mijaahuu dandeessi yaada jedhutu ture. Haa ta’u malee NASA fi Warri Raashiyaa bara 1960 keessa eega qorannoo geggeessanii booda Lafjoo tana “Azaaba”jedhanii waaman.

Baqqaanni Qilleensaa Bakkalcha irra jiru bakka lamatti qoodama. Inni duraa duumessa gubbaan jiru yoo ta’u, kan lammataa ammoo duumessa kanaan gaditti argama. Duumeessi gubbaa irratti argamu Kilommeerira 50 hanga 80 fuurdata. Duumeessi kunis Salfar DaayOksaayidii fi Salfariik Asiidiin guutamaa dha. Duumeessi kun akkaan walitti rukkaa’aa waan ta’eef Ifaa Aduu irraa argatu dhibbeentaa 60 kan ta’u ofirraa akka balaqeessa’u godha. Kan hafe Afurtamni ammoo duumessa kana keessaa dabruun, gubbaa Bakkalchii dhaqqabuu danda’a. Baqqaanni itti aanu ammoo Kaarbandaayoksaayidii fi Salfariik Asiid ofirraa qaba.

Sababa Duumeessa furdaa qabdu kanaaf jecha Saayintistoonni Lafjoo tana Suuraa kaasuun akkaan itti ulfaatee ture. Kanaaf Teeknoolojii Radar mapping jedhamu fayyadamuuf dirqamanii jiran. Teeknolojiin kun ifaa guddaa waan qabuuf, duumeessa kana bira darbuudhaan waan Lafjoo san irra jiru kaasuu danda’a. Suuraan kaafame akka agarsiisutti Bakkalcha ykn veenasii Boolla xixiqqaa (crater) 1000 ol akka qabdu beekuun danda’amee jira. Boolli kun sababa wantoonni Bubuutuwwaan (Meteroid) jedhaman gara Lafjoo tanaa darbamaniif kan uumaman akka ta’es qoranniin ni akeeka. Kan kannarraa hafe Lafjoontun walumaa galatti Volkaanoon kan guutamte ta’uun beekamee jira.


Akkuma Dachii irra jirruu kana Qaamni Bakkalcha iitis bakka saditti qoodama. Haalli Planeetii tanaatis kan dachii irra jiraannuu wajjiin akka walitti dhihaatu himama. Gubbaan Bakkalcha Kiloomeetira 50 kan gad fagaatu yoo ta’u, Jidduun isaa ammoo kiloomeetra 3000 ta’a. Wiirtuun Bakkalcha kiloomeetira 6000tti dhihaata. Bakkalcha gubbaan isii guutumaan guututti goggogaa dha. Hoo’i isii irra jiru dhangala’aan tokkollee akka hin jiraanne dhoorke. Battaluma dhangala’aan tokko irra bu’etti, hurkee dhabama. Kan biraa ammoo, Harki sadaffaan Bakkalcha Voolkaanoodhaan uwwifamee jira. Sababa kanaaf Qorattoonni Lafjoo tanaan “Azaaba”ykn hellish Planet jedhanii waaman. Dhimma qoqqoodamiinsa Bakkalcha kanarratti qorattoonni gaafii takka deebisuudhaaf tattaaffii irra jiru. Innis wiirtuun isiidhaa dhangala’aadha moo Jabaataadha kan jedhu yoo ta’u, qorattoonni hedduun, Bakkalcha ii fi Lafti wantoota hedduun waan walfakkaataniif Wiirtuun isiitis akkuma lafaa dhangala’aa ta’uu danda’a jedhan.

Bakkalcha Plaaneetota hawaa kana keessa jiran keessaa, waan ittiin adda taatu qabdi. Innis Akkaataa isiin Aduu irra itti naannooftu yoo ta’u, Dachii dabalatee Plaaneetonni kuuwwan kallatti tokkorra deemuudhaan Aduu irra yoo naannawan, Bakkalcha garuu Plaaneetoota kanniin irraa fooyamte faallaa naannoofti. Kana jechuun, Dachii irratti aduun karaa bahaatiin yoo baatu, Bakkalcha irratti ammoo Karaa Lixaatiin baati jechuu dha. Qorattoonni haga ammaatti wanti kun maaf akka ta’e bira gahuu hin dandeenye. Haa ta’u yaadni lama dhimma kana irratti kennamee jira. Inni duraa Graaviitiin ykn ammoo Harkisni lafaa ofirraa dhiibaa waan jiruuf faallaa deemuu dandeette kan jedhu yoo ta’u, yaadni lammataa ammoo harkisni lafaa dhiibbaa takkallee hin goone. Bakkalcha wanti faallaa Plaaneetota kaawwanii naannooftuuf, yeroo plaaneetonni uumaman wanti guddaan tokko hawaa irraa Bakkalcha itti darbamee ture. Inni kunis Bakkalcha kallattii duraan deemaa turte akka jijjiirrattu isii godhee jira jedha. Walumaa galatti, Aduu irra naannoytee xumuruudhaaf guyyaa 225 itti fudhata.

Qabxiilee Ijoo Lafjoo tanaa: gulaali

  • Bakkalcha Wantoota hawaa kana keessa jiran keessaa Aduu fi Ji’atti aanuudhaan ifaa guddaa qabaachuun sadarkaa sadaffaa irratti argamti
  • Bakkalcha Plaaneetota Suuta socho’an keessaa isii takka. Guyyaan tokkoo Bakkalcha , guyyaa 117 lafaati. Kana jechuun lafti ofirra naannooftee xumuruudhaaf sa’aatii 24 itti fudhata. Kunis guyyaa tokko jedhama. Bakkalcha garuu ofirra naannooytee xumurudhaaf guyyaa lafaa 117 itti fudhata. Ykn ammoo sa’aa 24 guyyaa 117 yoo baay’isnu  sa’aatii 2808 itti fudhata. Qabxiin biraa as biratti hubatamuu qabu, Sa’aatiin nuti waa’ee Plaaneetotaa ittiin herreegnu hundi kan lafaa irratti hundaa’a.
  • Bakkalcha Aduu irra naannoftee xumuruudhaaf guyyaa 225 kan lafaa itti fudhata. As birattis waan takka xiinxalluun barbaachisaa dha. Guyyaan 225 kun kan lafaati malee kan Bakkalcha iitii miti.
  • Bakkalcha Azaaba jedhamtee waamamti jennee jirra. Kunis Hoo’i isii irra jiru akkaan hamaa waan ta’eef, Hoo’i Lafjoo tanaa digirii seenti greedii 462 ta’a.
  • Dyaameetiriin Bakkalcha Kilomeetira 12,104 ta’a. isin yaadachiisuuf kan lafaa ammoo 12,756. Dyaameetiriin Lafaa fi Bakkalcha walitti dhihaataa waan ta’eef Obboleewwan jedhamanii waamaman.

Dabalataaf: gulaali