Qaanqorsi qaama xiqqaa dhagaa yookiin sibiilaa hawaa keessa jiru yoo ta’u, hammaa firii midhaanii irraa kaasee hanga wantoota bal’inni isaa meetira tokkootti kan guddataniidha. qaanqorsoonni bungulkattoota irraa haalaan xiqqaatoo dha. Qaanqorsoonni baay’een isaanii caccabaa qorsaa ykn bungulkattaa yoo ta’an, kaan ammoo qaamolee akka Ji’aa ykn Maarsii irraa kan qaban yoo ta’u. Qaanqorsi qilleensa lafaa keessa yeroo seenu, wanta ifa sararaa fakkaatuu uuma, kunis urjii furguggifamtuu(Meteor) jedhama. Meetiroonni akkaataa idileetti kan mul’atan yeroo isaan sadarkaa galaanaa irraa gara km 100 ol ta’an. Meetiyooronni gubachuu kan jalqaban lafarraa fageenya kiiloomeetirn 112 irratti yoo ta’u gubatanii kan dhuman immoo kiiloomeetira 6.5 lafa bira ga’uuf yemmuu isaan hafuu dha. Urjiileen furguggifamtuun lafaa yeroo dhaqqaban immoo Urjiilee Kukkufoo(meteorite) jedhamu

Qaanqooraa qilleensa keessa seenee, urjiilee furguggifamoo mul'atu uumuun akka meetirooyitiitti fuula lafaa rukutuu agarsiifame