Qoqqoodama Oromoo
Ummani Oromoo bakka kudha lamatti adda baha. Bakka dhiha baha irra eegalee hanga bahaatti tuutni kun:
- Ummani Wallaggaa eegalee naannawa dhihaa jiraatu ummanni kun naannawa bishaanii jiraatan;
- Oromoo Maccaa - Laga Dhedheessaa fi Laga Oomoo gidduu, kibba Laga Gibee jiraatu.
- Oromoo Tuulamaa - Handhuura Oromiyaa naannoo Finfinnee jiraatu;
- Oromoo Walloo - gara Kaabaa naannoo Amaaraa godina addaa Oromiyaa, naannoo Hara Ashangee, jiraatu; Oromoo Raayyaa fi Oromoo Yajjuu jedhamu
- Oromoo Ittuu, nannoo Oromiyaa keessa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa jiraatu;
- Oromoo Anniyyaa- kibba warra Ittuu fi dhiha Laga Erer jiraatu;
- Ala Oromoo - magaalaa Harar fi Laga Erer dhihatti, warra Ituu fi Anniyyaa gidduu jiraatu;
- Oromoo Nole - magaalaa Dirree Dhawaa bahatti kaaba magaalaa Harar;
- Oromoo Baabbilee - qaama Oromoo bahaa yoo ta'an, baha Laga Erer fi kibba Oromoo Bahaa jiraatu
- Oromoo Jaarsoo - Harargee Bahaa gara bahaatti;
- Oromoo Arsii - godinaalee Arsii, Baalee fi haga tokko Shawaa Bahaa keessa jiraatu.
- Oromoo Booranaa - Kibba Oromiyaa fi kaaba Keeniyaa jiraatu.
- Warra Qaalluu - Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.
- Oromoo Gujii - qaama Oromoo Kibba jiraatuu yoo ta'an, ollaa Oromoo Booranaa jiraatu.
- Shariifaa Laga Hawaas fi magaalaa Dirre Dhawaa gidduu jiraatu.
Shawaa kaabaa hanga naannoo tigrayi bittinaa'e argama