Biqiltuun faaggee(Afaan ingiliziin: Vascular plant ykn tracheophytes ) biqiltoota  tishuu faaggee addaa qaban keessaa isa kamiyyuu dha. Gosoonni tishuu faaggee lamaan qabu isaanis bishaalbuu(xylem) fi qaasamsoora(phloem), bishaan, albuudaa fi bu'aa jaariftinaa guutummaa biqiltuu keessatti sochoosuuf itti gaafatamummaa qabu. Biqiltuu miti-faaggee  irraa faallaa ta’eedha.Biqiltuun faaggee baay’ee guddachuu danda’a. Tishuun faaggee keessa jiru bishaan gara olka’iinsa guddaatti geessuuf mala kan ta’u yoo ta’u, biqiltuun  faaggee tokko ifa aduu caalatti argachuuf gara oliitti akka guddatu taasisa.Keessa biqiltuu faaggee keessaa caasaan isaa kan biqiltuu  miti faaggee  irraa baay’ee adda. Biqiltoota miti-faaggee  keessatti lubbiyyoo adda addaa gidduutti garaagarummaan xiqqaadha ykn hin jiru. Biqiltoota faaggee keessatti immoo, gummeewwan faaggee adda ta’an qoqqoodinsa fi gosa biqiltuun faaggee keessa jiru irratti hundaa’uun haala adda ta’een qindaa’u.

Biqiltuu Faaggee

Caasaa

gulaali

Bishaalbuun irra caalaa pirootiinii caasaa liginiinii fi lubbiyyoo du’e irraa kan ijaarame yoo ta’u, bishaanii fi albuuda hiddaa irraa gara baalaatti geejjiba. Biqiltuun faaggee bishaan fi albuuda kan geejjiban  dhiibbaa fuula bishaanii hedduu irratti uumuudhaani. Hidda keessatti bishaan gara tishuuwwanitti xuuxama. Bishaan gara bishaalbuu keessa yaa’a, akkasumas dhiibbaadhaan olka’aa uuma. Baala irratti bishaan itti fayyadamuun booda karaa istoomaa hurkee ba’a. qaawni xixiqqoo kun kan hurkuu yoo ta’u, kunis utubaa bishaanii bishaalbuu keessa jiru irratti gara oliitti harkisa. Gochaalee walitti maxxaniisaa fi walitti hidhamiinsaatiin bishaan akka dhugaatiin dhuyuma(istiroo) keessaa darbuuttii bishaalbuu keessaa gara oliitti socho’a.Jaariftinni keessatti baala raawwatamaa. Biqiltuun faaggee akkuma biqiltoota gadii fi saaphaphuu adeemsa walfakkaatu fayyadamuun anniisaa aduu keessaa baasuun, hidhoo gilukoosii keessatti kuufata. Sukkaarri kun bifa biraatti kan fooyya’u yoo ta’u, gara kutaalee biqiltuu Jaariftina gochuu hin dandeenyetti geejjibsiifamuu qaba, kan akka jirmaa fi hiddaa. Qaasamsoorri kun dhimma kanaaf addatti kan qophaa’edha. Qaasamsoorri fallaa bishaalbuu lubbiyyoo gartokkoon lubbuu qaban irraa kan hojjetame yoo ta’u, kunis geejjibni sukkaara karaa pirootiinota geejjibaa sabagoota lubbiyyoo keessatti argamaniin akka mijeessuuf gargaaru. Qaasamsoorri bishalbuu wajjinis kan walqabatu yoo ta’u, bishaan itti dabaluun sukkaara sana callabeessuu fi geejibuuf gargaaru. Bu'aan sassaabamu, kun dhangala’aa ykn shirooppii jedhamuun beekama, kan akka shirooppii Meeppii.