Saaphaphuu
Saaphaphuun garee lubbu qabeeyyii adeemsa Qophifaattin anniisaa ifa qabachuu danda’anii yoo ta’u, wantoota inorganik ykn mitilee'i (yeroo baay’ee bishaan kaarboondaayi’oksaayidii) gara wantoota orgaanikin ykn helee'ii (sukkaara) anniisaa kuufamaatti jijjiiru.
ibsa
gulaaliYeroo darbe Saphaphuuwwan akka biqiltoota salphaa ta’anii kan ilaalaman yoo ta’u, isaan keessaa tokko tokko Embryoids ykn biqiltoota ol’aanoo jedhamuu danda’an waliin kan walqabatanidha. Garuu arrii dhagaa biroo pirootistoota kan bakka bu'an fakkaatu, mootummaa Protists keessatti kan argaman protozoa cinatti, isaanis caalaatti bineensota fakkaatu. Ija warra jijjiirama tirannaa hordofaniin, saaphaphuun akka adeemsa jijjiirama tirannaa tokko bakka bu’utti fudhatamuu hin danda’u, garuu sadarkaa gurmaa’ina orgaanikii seenaa jireenyaa jalqabaa jireenya lafaa keessatti yeroo hedduu jijjiirama hedduu keessa darbuu danda’a.
Saphaphuu maqaa garee biqiltoota adda addaa gosoota kuma 20,000 ol ta’an kan agarsiisu yoo ta’u, Saphaphuuwwan kun boca, guddinaa fi akkaataa jireenyaatiin bifa adda addaatiin argamu. Ogeeyyiin biqiltootaa jechi Saphaphuu jedhu garee biqiltootaa amala hedduu qaban agarsiisuu akka danda’u irratti waliigalaniiru, isaan keessaa kanneen barbaachisoo ta’an:
1- Saaphaphuu hidda, jirma, daraaraa, ykn baala dhugaa hin qaban.Isaanis garee lubbiyyoo, tokko isa kaan cina dhaabbatee dha.
2- Irra caalaa bishaan (galaanaa fi bishaan qulqulluu) keessa jiraata.
3- Kiloorofiilii ykn waan Bilfee coqorsa ykn dibamagarisa jedhamu kan of keessaa qabu yoo ta’u, kunis nyaata biqiltootaa fi lubbuun jiraachuuf wanta barbaachisaa ta’e saaphaphuunis qophifa raawwatu
Sirna ramadii
gulaaliKoreen Idil-addunyaa Seera Moggasa Biqilaa ramaddii Saaphaphuuf maxxantuwwan xumura murtaa’e akka fayyadaman yaada dhiyeessee jira. Matantuwwan kunniin akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.
-faayitaa (-phytae) murnaaf, Faayisiyaay (-phyceae) gitaaf, faayisidaay (-phycideae) cita-gita, alas (-ales) tartiibaaf, inaalas (-inales) cita-tartiibaaf , Asiyaas (-aceae) Warraaf, oydis (-oidease) cita warraaf, maqaa Giriikii irratti hundaa’e qaccee, maqaa Laatiin irratti hundaa’e sanyii. Saaphaphuu qaccee 800 ol kan ta’u yoo ta’u, tokkoon tokkoon Saaphaphuu qaccee isaa irraa sanyii adda addaa qaba.
Amaloota ramaddii Saaphaphuu bu’uura sadarkaa tokkoffaa ta’an
gulaaliRamaddiin Saaphaphuu inni jalqabaa amala xinbooca murtaa’e irratti hundaa’a. Amaloota kana keessaa ijoon:
(a) walnyaatinsadibamagariisaa, (b) uumama keemikaalaa nyaata kuufame, (c) gosa, lakkoofsa, qabxii walqunnamtii fi dheerina walqabataa Lubbiyyoo socho’aa (d) caasaa cicha Lubbiyyoo fi
(e) Lubbiyyoo keessatti niwukilaasiin(wirmaatni) sirnaan qindaa’e yookiin caasaa Lubbiyyoo adda ta’e barbaachisaa ta’e jiraachuu fi dhabuu.
Gareen saaphaphuuwwanii gurguddoon akka armaan gadiiti
Saaphaphuu magariisaa (chlorophyta) .
Saaphaphuu Balcii (Bacillariophyta)
Saphaphuu Sookkaawaa (Chrysophyta)
iyuuginoofaayitii (Euglenophyta)
daaynooflajilataa (Dinoflagellata)
Saaphaphuu Magaala (Phaeophyta) .
Saaphaphuu Diimaa (Rhodophyta)
Saaphaphuu cuqul-magariisa (Cyanobacteria)
Xin-boca
gulaaliSaaphaphuuwwan uumamtoota adda addaa xin-boca ajaa'ibaa qabanidha. xinbocni isaanii irratti hundaa’uun seelonni akka armaan gadiitti ramadamuu danda’u: Saaphaphuu Baaq-Lubbiyyoo , Saaphaphuu kolonaawa, Saaphaphuu nafliifaawaa, Saaphaphuu dibaalaawaa fi Saaphaphuu faaggaawaa \
1. Saaphaphuu Baaq-Lubbiyyoo tokkoo: Seelota ykn lubbiyyoolee tokkicha hin sochoone cicha Lubbiyyoo qaban ykn seelota hin sochoone wanta maxxanuu keessatti argamaniidha.
2. Saaphaphuu kolonii: Garee idilee orgaanizimoota xixiqqoo Saaphaphuu.
3. Saaphaphuu dibaalaawaa (Filamentous algae): Isaanis tishuulee akka funcaa haada callee qindaa’anii dha. Gosoonni akka Spirogyra sanyii kan hin qabne yoo ta’u, kaan kan akka Stigonema ammoo sanyii kan qabanidha.
4. Saaphaphuu faaggaawaa(Siphonaceous algae): Saaphaphuu faaggaawaas kanneen lubbiyyoo tokko keessatti niwukilasii baay’ee qabanidha.
5. Saaphaphuu nafliifaawaa(Parenchymatous algae):Saaphaphuu nafliifaawaa saaphaphuu qaama Habaaqiilaawaa(fibrous) qabanidha. Fakkeenyaaf, dheerinni isaa meetira hedduu kan safaruu danda’u Maakroosiistis orgaanizimoota bishaan keessa jiraatan keessaa isa tokko.
Madda wabii
gulaalihttps://www.lenntech.com/eutrophication-water-bodies/algae.htm#ixzz6aq4M83Vi
Archive copy the original http://en.wikipedia.org/wiki/Algae