Shekh Haaji Muhammad Saalih

gulaali
 
Hayyuu Abbaa Amantaa Muslimaa

Shekh Haaji Muhammad Saalih

gulaali

Dhaloonni isaani Naannoo Oromiyaa Go/Harargee lixaa  Aanaa habroo ganda Haroo CarCar Magalaa waacuu jedhamtu Madditti Akka lakkofsa Aw bara 1915 bara  110 dura Maati hidda latiinsa Oromoo Bareentoo Ilma Murawwaa Ituu gosa Elelle kanta'e Abbaa isaani Obbo Said Abdullaahi fi harmee isaani Aadde Faaxumaa Husseen,irraa Dhalatan

Abbaan isaanii Said Abdullahi  hayyuun kana argachuun duratti  hadha warraa isaani  jalqabaa irraa ilmaan Dubaraa saddeti(8) fi ilma dhiiraa tokko qofa qabaachaa kanturan Umri manguddummaa ykn Jaarsummaatti Obboleessa tokko naaf dabaltan  jechuun gaafi ilma isaaniitiin intala  warra kabir husseen waliin bulti akka ijaarrataniifi ilma dhiraa Daaima Mohammad Salih jedhamu kadhaa guddaan akka rabbin kanef  seenaan isaani nidubbata

kun Kanaan otuu jiruu Daa imni Mohammediin kun akka malee dhibamuu isaatiif Matiin isaanii halkani guyyaa booyanii rakkachaa akkaturanifi sababa kanaaf kadhaa gabricha rabbi  barbaadaaf Sayidi Shek Umar Aliyyeetti akkuma geeffamaniin isaaniis Daai’imni keessan isiniif fayya  humaa hinsodaa tinaa jechuun gabrichi rabbi kun Maatii yaaddoo keessa jiru kanatti waa baayyee  bisharaa akka itti himanifi kanarraa ka’uun  Maatiin daa’ima Mohammed Salih Umrimanguddummaatiin kadhaa jebduun argatan kana barnoota Amantaa Muslimaaf jabaa akka jedhan seenaan Alima kanaa nidubbata

Imala ilmi  Isaanii
gulaali

Sheek Mohammad Saalin maatii Amantaa islaamaa barsiisan keessaa waan dhalateef da'imummaa isaanitti barnoota jalqabaa warra isaaniitti barachuu jalqaban. Itti fufuudhan Aanaa habroo caffee aannaniiti barnoota toohiidaa, fiqihii fi tafsiira Aalimma Shek Najaa Abbaa Mohammed Siraaj  Shek Najaa Idirisi fi Sheek Haaji Bushraa Aadam  yuusuf sayyid Muhammad sayyid Ahmad sayyid Aliyyii dhalootni isaani immoo Go/Ji/Aa/dallee goommaa, Jiraataa lixa harargee Caffee aannanii kan ta'e rrattis, barnoota Toohiidaa, Fiqhii fi Tafsiiraa kan baratan yommuu ta'an,

Sheek Mohammad saalih kanarratti hin dhaabbanne, iddoo Aalimni beekkuumsa gahaa qabu ni jira ja'amee yaadamu biratti imala isaani itti fufan. Kanaaniis ulamaa'oota kanneen keessaa jaarsoo booseessatti kan argaman sheek usmaan roobaa boruu irraa fannii Arabiyyaa fi fiqhii baratan

Aanaa fadisitti Sheek usmaan umar limaay irraa fannii Usulul fiqhi fi kanneen biraa baratan. Aanaa haromaayatti sheek Mohammad yoonis irraa xumuraa ser-luga afaan Araba fanni Arabiyyaa  fi fiqihi baratan.

Hayyuun kun barnoota fannii garagaraa erga xumuranii booda Aanaa Kombolchaati barnoota hadiisaa barsiisuun kan beekkaman sheek Ahmed haaji Adam( sheek Ahmad basiiraa) irraa barnoota hadiisaafi fannii musxalahaa baratan.

Milkaa'ina barnoota isaanii
gulaali

Namni tokko baratee Barnoota isaa mil kaa’inaan xumuruuf maal akka isa bar baachisuufi maal gochuu akka qabu Hayyuun kun muxannoo isaanirraa ka’uun yaroo baayyee irra daddee bi’anii gorsa isaanii keessatti

"Amantaan islaamaa tun sunsuma sadirra deemaa dhuftee, innis, 1. Barsiisaa 2. Barataa 3. Gargaaraadha. barsiisaan jiraatee barataan yoo hin jiraanne akkuma itti fufuun hin danda'amne, barsiisaa fi barataan jiraatee gargaaraan yoo hinjiraanne Amantaan tun waggaa dheeraa kana deemte nudhaqqabuu hindandeessu jechuun wanni irra daddeebianii  dabarsaniif  kanumaaf jechuun nidanda’ama

Kanaaf erga Hadhaa Abbaan isaani gara fuularabbi Deemanii Deeggarsa Obboleessaa, Eessummani fi Adeera isaani Damina yaroo sanaa Bakardimaa hundaa ol garuu Deeggarsa  guddaa hangana  hin ja'amne godhuudhaan kan isaan cinaa dhaabataa turan sheeka isaanii abbaa xariiqaa kan ta'an sheek haaji Mohammad kaliif akka ta'e seenaan isaani ni mul'isa

Keessattuu bara ilmi Hadisaa baratuuf shek Ahmad Basiraa bira turanitti Shek Ahmed basiraa Sababa gara garaatiif iddo tokko irraa gara iddoo biraatti fkn gara Magalaa Harar, Dirre  Dawa fi Finfinnetti  yaroo Baayye waan daddeebi'aniif Darasoonni Majlisa isaanii jala deemanii barnoota isaanii hordofuu hindandeenye Hata'uu garuu Sheekhni Shekhotaa Haji Mohamed Salin bakka Mara Shek Ahmed basiraa waliin  Socha'uun akka irraa barataa turan seenaan isaan barreessan ni ibsa Akka ibsa isaaniitti Karaa finfinnee otuu deemanii Kitaaba, Jaldi (juuza) Sunana Tirmizi Baabura  keessatti Shekh Ahmed Haji Aadam irraa  akka qara'anii  Xumuran dubbatu wayta bakka deeman gahanittis Masjida  ollaa ganda shekni isaanii qubatu akka galmaatti itti dhimma bahuun kiisa isaanirraa jiraachaa akka turan Seenaan isaanii sirritti Ibsa.

Akka seenaan Imala isaanii ibsutti Barnoota ilmii geography, ilmii miiqaataa(astronomy) sheekh bakrii usmaan odaa fi sheek Mohammad siraaj sheek umar Aliyyee irraa baratan.

Sana booda gara Kaaba biyyattiitti imaluun Mufti  Daawidifi mufti jillee irraa ijazaafi qaraatiin kitaabban gara garaa akka baratan ni mullisa


Sheek Mohammad saaliin fedhiifi hawwii guddaa barnootaaf qaban irraa kan ka'e gara kaabaa Itiyoopiyaatti imaluun mufti siraaj raayyaafii muftii Mohammad amaan abdullaay( muftii jiillee) irraa barnoota garagaraa qaratifi ijazaan akka fuudhan kitaaba sanada isaanirraa hubachuun nidanda’ama

Sheek Mohammad saalin  beektoota biyyaa keenyaa irraa barnoota isaanii erga xumuranii booda Saudi Arabia makkaafi madiinatti Aalima beekkamaa kan ta'an sayyid alawii al-Makkiyiifi sheek Mohammad saali ahmed baz irraa qaraatiifi ijaazaadhaan akka irraa baratan ragaan barreefama isaanii nimmullisa. Kanaaniis sheek Mohammad saali sanada gabaabaafi qulqulluu akka qabaatan isaan taassise.

Qubsumaafi  Majlisa isaa

Aalimni kun akkuma barnoota isaanii xumurani gara biyya Masri University Al- Azhar Deemuuf qophitti jiranii Shekkan isaani Shek Ahmed Haji Adam (Shek Ahmed basiraa) fi Sayidi shek Mohammed Kalifiin Ardiibarakaa lafa akka Madinaa rasulaa hireen badhaafte ganda Habasoo keessa  qubsiifaman Majlisa dhaabanii barsiisuu jalqaban

Akkuma Majlisa dhaabaniin Aalimman gurgoddaan kanaan dura Majlisa dhaabanii barsisuu irra turan   majlisa isaanii buqqisanii darasoota isaani waliin  gara  Majlis Sheka shekkani  Haaji saali Sibilu irraa bahara hadiisa rasulaa waraabachuuf bahaa dhiha irratti walga’an

Kanaanis baayyini  shekkootaa fi darasoota  majlisa Shekotaa kanatti barartan  ganda Arraddoota olla  majlisa kanaa kanneen Akka Samargel ,Sibilu ,Bilisumaa, waltaha laman, kombolchaa fi gandoota Aanaa

hundanee ; kan akka jibraa iloo ,ganda hayee, Riraash , Haleele fi kkf irra darbanii taree lafa fagoorraa bobbahaa akka turan turan shekkan majlisa isaanitti barachaa turan nidubbatu

Turtii Baqa isaanii
gulaali

Isaanii Sh/Muhammad saalih Bara mootummaa abbaa irree mootummaa dargii keessaa sababa cunqursaa fi dhiibbaa waraanni Dargii isaanii fi jaalalleewwan isaanii Sh/Bakrii Saphaloo Sh/Ahmad Basiiraa fi Mashaa'ikkan biyya keenyaa hedduurratti raawwataniin Akka Lakk. Farnjootaa Bara 1977’tti gama biyya soomaaliyaa baqatuuf dirqamanii jiru. Ilmi isaanii Sh/muhammad Rabii'i akka jedhutti "Sheykhni gama biyyaatti deebi'uun isaanii turtii waggaa 15'niif achi biyya soomaaliyaa sana erga turanii booda" jedhu. turtii hanga achi turan kana keessattis ulamaa'ota hedduu oomishuudhaan ummata soomaalee biratti fudhatama guddaa akka argataniis natti himanii jiru.      

 
yaroo Shekkan Barsiisaa turanitti
Barattoota Sheekkan isaanii irraa Baratan
gulaali

Sheek haji Mohammed Salin yaroo isaan qubatanitti gaanfa Africaa kana keessatti baayinaan fanni Fiqifi fi Arabiyyaa irraa kan Hafe Akka Ammaa kanatti Barnoonni Hadisaa hin baballatee hin  baratamu ture  kanaaf yaroo isaan qubatanitti Shekkan Umrifi Barsiisuun isaan dura jiranis Barnoota hadiisaa barbaachaaf Majlisa isaanii buqqisanii akka isaanirraa barataa turan galmeen Seenaa barattoota shekh Mohammed Sali ni mullisa 

Sheek Mohammad saaliin fedhiifi hawwii guddaa barnootaaf qaban irraa kan ka'e gara kaabaa Itiyoopiyaatti imaluun mufti siraaj raayyaafii muftii Mohammad amaan abdullaay( muftii jiillee) irraa barnoota garagaraa baratan.

Barnoota isaanii xumuranii barsiisuu erga eegalanii booda ulamaa'oota beebbeekkamoo oomishuu dandaniiti jiran.

Kanaaniis erga majiliisa dhaabanii booda marsaa 68ffaaf baratoota isaanii fannii garagaraatiin eebbisuu danda'aniiti jiran.

Sheekkan isaan barsiisan keessaa muraasni isaanii:

1. Sheek Mohammad Aliyyee

2. Sheek Abdallaa Ahmad

3. Sheek Haamid bookee

4. Sheek Ahmad watar

5. Haaji yuussuf ciroo

6. Sheek Mohammad arab sayyid kamaal

7. Sheek Ahmad Naasir

8. Shek Mussaa Su'alaa fi Aaalimman baaye kaasuun nidanda'ama

Sheek Mohammad saalin sababa mootummaa abbaa irree dargiitiin biyya irraa gara Somaliati akka baqatan erga taassifamanii booda jireenya rakkoo baqattummaatiif harka utuu hin kennin barnoota isaanii barsiisuu jalqaban. Kanaaniis dhageettii guddaa ummataafii mootummaa soomaaliyaa biratti waan argataniif heyyamaafi iddoon kennameefii kaampi baqattummaa irraa magaalaa mummittii hargeeysaa keessatti barsiisuu jalqaban.

Kanaaniis sheek Mohammad saali ummata soomaalii biratti abbaa hadiisaa ja'amuun beekkamu.

Turtii waggaa 15ni keessatti Ulamaa'oota barsiisan turan keessaa:

1. sheek Faarah umar

2. Sheek Mohammad awsuufii

3. Sheek Alii hassan aw abdii

4 sheek Ahmad sheek alii

5 sheek Abdullaay sheek alii johaar

6. Sheek Abdul fattaah fi kkf kaasuun ni danda'ama Akka galmeen Majlisa isaanii ibsutti

barattoota lakkoofsaan baay'ee ta'an, marsaa 67'ffaaf[1] eebbisanii akka turan ragaan galmee, galmeessa maqaa barttoota isaanii ni mirkaneessa.

Barruu isaanii
gulaali

Hayyuun kun barsiisuun Maddittis qorannoo gara garaa gaggeessuun beekkamu kanaanis dhimmoota waytawoo ka’u kamirrattuu qorannoo gaggeessuun hadisaafi qurannarratti hundaa ‘uun dhimmi argame kamiifu fala lafa kaa’an

Kansanis Barreefama Sadarkaa; pamphlet , Research ykn Qorannoo fi Kitaabaatiin baayyee qopheessankessaa inni Sadarkaa kitaabaatti barraa’e qophaa’e  inni Mxxanfameefi isa Maxxanfamuuf jiru waliin kitaabni isaani torbaatama akka darbu ragaan barruu isaanii nimullisa

Tajaajila Hawasaa

Kennaa Rabbiin Sh/Muhammad saalihiif laate keessa inni biraa, tuftii ykn du'aa'ii isaanii keessa rabbiin qoricha kaa’ee hayyama Rabbiitiin dhukkubsataan isaan tuftii godhaniif fayyuudha.

Sh/Muhammad Saalih Kallattii mara irraa dhimma adda addaatiif namoonno baay'een gama mooraa ykn majlisa isaanii ni dhufu. Warri dhufan kunniin gariin isaanii barnootaaf kan dhufan yommuu ta'an, gariin isaanii immoo dhimma fayyaa isaaniitiif dhufu.

Kanaaf Dhukkubsataan Biyya keessaa fi biyya alaa namoonni baay'een gama isaanii dhufanii tajaajila wal'aansaa gahaa argachaa akka turan, hawaasni gaafa Afrikikkaa kun kan isaan hin beekne hin jiru kanarraa ka’uu dhaa namoota gariidhatti Shek Haji Mohammed Saaliin Dhukkubsataa wallanu malee waan Barsiisan itti hin fakkaatu

Akkasuma warroota fagoorraa kitaabbani fi qorannoofi qu’annoo isaanniitt tajaajilaman birattis akka hujii barruu kana malee hojii biraa hin qabnetti ilaalamu

Haaluma wal fakkaatuun warren bara baraan sheekkan isaan barsiissanii eybisan ilaalanis

Akka isaan huji barsiisuu ala hojii biraa hin qabneetti isaan hubata ture

Shek Haji Mohammed Salin kana gochuu kan dan da’aniif Yaroo isaanii Sirritti karooraan itti fayya damuufi Hirriba xiqqeessuu isaanirraa akka ta’e ni tilmaamama rabbin akka isaaniif godhetti nuuf haagodhuun kadhaa nu hundaati








[1] Marsaalee hedduu keessatti, Baay’inni lakkoofsa barattootaa 57,68,70 fi kanaa olfaa yeroo ta’uutu jira.