Rogkofa
Rogkofni dameewwan barbaachisoo seenaa herregaa keessatti qorannoo hariiroo rogaa fi kofoota rogsaddee kofa sirrii ta’e gidduu jiru ilaallatu keessaa isa tokkodha . Kanaafuu, unkeewwan rogkofaa, warroomii rogkofaa fayyadamuun kofoota yookiin rogoota rogasaddee sirrii hin beekamne argachuuf gargaara. Rogkofa keessatti kofoonni digrii(gulantaa) yookiin raadiyaanii(wiifkofa)n safaramuu danda’u. Kofoon rogkofa shallaggiidhaaf baay’inaan itti fayyadaman keessaa muraasni 0°, 30°, 45°, 60° fi 90° dha.
Har'a, tirigonoomeetiriin meeshaa herregaa guddaa herrega, mirkanbeekii, teeknooloojii, xiinurjii, fi xiindachee keessatti fayyadamudha.
Hirrita Rogkofaa
gulaaliReeshiyoon tirigonoomeetirii rogsadee faankishiniiwwan tirigonoomeetirii jedhamu. Saayinii(doggee), koosaayinii(guchiis-doggee) fi tangeentii(moxobaa)n warroomii tirigonoomeetirii barbaachisoo 3 yoo ta’an sin, cos fi tan jedhamuun gabaabfamaniiru. Mee reeshiyoon ykn faankishiniiwwan kun akkamitti akka madaalamu haa ilaallu, yoo rogsaddee kofa sirrii ta’e.