Saayinsii
![]() Adeemsi Mirkanbeekii, kan ilaalcha irraa ka'ee hanga yaadiddama ijaaruutti deemu, mala beekumsa amansiisaa ittiin argannuudha. | |
Odeeffannoo Waliigalaa | |
---|---|
Damee Saayinsii | Beekumsa gurmaa'aa hunda |
Madda Maqaa | Mirkanoo + Beekumsa |
Yaad-rimeewwan Gurguddoo | |
Yaad-rimee Ijoo | Adeemsa Mirkanbeekii, Yaalidhaan Qoramuu, Sobsiifamummaa |
Seenaa fi Ogeessota | |
Ogeessota Gurguddoo | Aristotle, Ibn al-Haytham, Galileo Galilei, Isaac Newton, Charles Darwin, Albert Einstein |
Hojirra Oolmaa fi Walqabatii | |
Faayidaa Hojirraa | Teeknooloojii, Yaala Fayyaa, Guddina Dinagdee, Hubannoo Addunyaa |
Dameewwan Walqabatan | Herrega, Falsafaa, Seenaa, Teeknooloojii |
Mirkanbeekiin, yookiin Saayinsiin, jecha afaan Laatinii "scientia" jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u, hiikni jalqabaas "beekumsa" yookiin "hubannoo" jechuudha. Garuu hiikni isaa yeroo ammayyaa bal'inaan kan bakka bu'u, "mala sirrii fi gurmaa'aa ittiin beekumsa waa'ee yuuniversii (addunyaa) naannoo keenya jiru walitti qabnu, qindeeffannuu fi hubannu" jechuudha. Beekumsi Mirkanbeekii kanaan argamus ibsa yaalidhaan qoramuu danda'uu (empirically testable) fi waan gara fuulduraa ta'uuf jiru tilmaamuu (predictive) danda'uu irratti kan hundaa'edha. Adeemsa Mirkanbeekii hojii irra oolchuun dhugaa jiru sakatta'an, yaadiddamawwan ijaaran fi seera uumamaa kan hojjetu beekan namoonni hojjetan ammoo saayintistoota yookiin mirkanbeektota jedhamu.
Hiika fi Kaayyoo Mirkanbeekii Gadi Fageenyaan
gulaaliAkkaataa ammayyaatiin, Mirkanbeekiin dhugaa jiru ilaaluu (observing), yaalii gochuu (experimenting) fi xiinxaluu(analyzing) irratti hundaa'a. Kaayyoon isaa ijoo adeemsa gurmaa'aa fi loojikaalii ta'een (sirnaan yaaduun) waa'ee addunyaa uumamaa fi hawaasummaa hubachuudha. Hubannoon kunis akkaataa yaalidhaan mirkaana'uu danda'uun ykn fashalaa'uu danda'uun ibsama. Kana jechuun, ibsi yookiin yaadiddamni (theory) Mirkanbeekii yeroo hunda agargoo irratti hundaa'ee, yoo ragaan haarawaa argame sirreeffamuu ykn jijjiiramuu danda'a. Kun amala isaa ijoo kan falaasama (marraaga) durii irraa isa adda baasu keessaa isa tokkodha.
Mirkanbeekiin waanuma mul'atu (phenomena) ibsa, walitti qaba fi gara fuulduraattis waan ta'uu malu tilmaama. Fakkeenyaaf, Mirkanbeekii nafoo (fiiziksii) fayyadamuun, akkatti Wantoonni (Matter) tokko humna harkisa lafaatiin gadi kufan ibsuu fi yoo wantoonni tokko gubbaa gadi darbataman eessatti akkasumas yoom akka gadi gayan tilmaamuu danda'ama. Adeemsa Mirkanbeekii keessatti, herrega (Mathematics) akka meeshaa ijoo tiitti fayyadama. Herregni Mirkanbeekiin agargoo isaa safaruuf, qorachuuf, ibsuuf fi yaadiddamawwan isaa amansiisaa gochuuf isa gargaara.
Adeemsa Mirkanbeekii (The Scientific Method)
gulaaliMirkanbeekiin adeemsa wal-fakkaatu kan yeroo hunda irra deddeebi'amee hojjetamu qaba. Adeemsi kun yeroo baayyee haala armaan gadiitiin ibsama:
- Ilaalcha (Observation): Waan tokko addunyaa uumamaa ykn hawaasaa keessatti argamu sirriitti fi haala qulqulluun ilaaluu. Kun sammuudhaan qofa osoo hin taane, meeshaalee adda addaa fayyadamuunis ta'uu danda'a (fkn: shifargaa, fagiidhoo).
- Gaaffii Kaasuu (Formulating a Question): Ilaalcha sana bu'uureffachuun, waa'ee isaa maaliif ykn akkanamitti akka ta'e gaaffii kaasuu.
- Maldhawiinsa Dhiyeessuu (Formulating a Hypothesis): Deebii tilmaamaa fi yaalidhaan qoramuu danda'u gaaffii sanaaf kennuu. Yaadni tilmaamaa kun ibsa ykn tilmaama jalqabaati.
- Yaalii Qopheessuu fi Gaggeessuu (Designing and Conducting Experiment): Yaadni tilmaamaa sirrii ta'uu isaa mirkaneessuuf ykn dogoggora ta'uu isaa arguu (falsify) deebisuuf yaalii to'atame (controlled experiment) qopheessuu fi hojjechuu. Yaaliin kun agargoo(data) funaanna.
- Agargoo Qaacceessuu (Analyzing Data): Agargoo yaalii irraa argame qorachuun, yaadni tilmaamaa sun ragaadhaan deeggarameera moo hin deeggaramne adda baasuu.
- Xumura (Drawing Conclusions): Qaacceessa agargoo irraa ka'uun, yaadni tilmaamaa sun fudhatama qabaachuu ykn dhabuu isaa murteessuu. Yoo yaadni tilmaamaa ragaadhaan hin deeggaramin, yaadni haarawaa dhiyaatee irra deebi'amee qoratamuu qaba.
- Waliigaltee fi Yaadiddama Ijaaruu (Building Consensus and Theory): Yoo yaadni tilmaamaa tokko yaalii fi qorannoo adda addaatiin irra deddeebi'amee mirkaana'e, gara Yaadiddama Mirkanbeekii (Scientific Theory) ykn Seera Mirkanbeekii (Scientific Law) ijaarutti deema. Yaadiddamni Mirkanbeekii ibsa bal'aa fi amansiisaa ta'ee kan agargoo hedduudhaan deeggarameedha (fkn: Yaadiddama Tirannoo- Theory of Evolution). Seerri Mirkanbeekii immoo ibsa gabaabaa haala yeroo hunda ta'u qofaan ibsamuudha (fkn: Seera Harkisa Lafaa - Law of Gravity).
Adeemsi kun marsoo (cycle) ta'uu danda'a; Yaadiddamni tokko gaaffii haarawaa kaasuun qorannoo dabalataatiif karaa saaquu danda'a. Mirkanbeekiin guddachaa fi of sirreessaa kan deemuufis adeemsa kana hordofuu isaatiini.
Bu'uuraalee Ijoo Mirkanbeekii
gulaaliMirkanbeekiin bu'uuraalee ijoo tokko tokko irratti hundaa'ee hojjeta. Isaanis:
- Qabatamaa Ta'uu (Objectivity): Ibsi fi qorannoon Mirkanbeekii miira dhuunfaa ykn ilaalcha ofii irraa bilisa ta'ee, dhugaa jiru irratti qofa xiyyeeffachuu qaba.
- Yaalidhaan Qoramuu Danda'uu (Testability): Ibsi ykn yaadni tilmaamaa kamiyyuu yaalii gaggeessuun sirrii ta'uu ykn dogoggora ta'uu isaa mirkaneessuun danda'amuu qaba.
- Sobsiifamummaa (Falsifiability): Yaada ykn ibsa Mirkanbeekii tokkoof ragaan, yoo jiraate, dogoggora ta'uu isaa agarsiisu danda'u jiraachuu qaba. Yoo waa'ee tokkoo agargoo dogoggora ta'uu isaa agarsiisu danda'u argachuun gonkumaa hin danda'amne, sun Mirkanbeekii miti jechuudha.
- Irra Deddeebi'amee Hojjetamuu Danda'uu (Reproducibility/Replicability): Yaalii ykn qorannoo Mirkanbeekii tokko namni biraa iddoo ykn yeroo addaatti hojjete, haala walfakkaatuun agargoo walfakkaataa argachuu danda'uu qaba.
- Loojikaalii Ta'uu (Logical Consistency): Ibsi fi yaadiddamni Mirkanbeekii, yaayaa (Logic) fi herrega (Mathematics) waliin walsimuu qaba.
Seenaa Gabaabaa Mirkanbeekii
gulaaliMirkanbeekiin, akka mala beekumsaa gurmaa'aatti, jalqaba isaa qarooma durii baayyee keessatti qaba (fkn: Masrii, Mesopotaamiyaa, Hindiyaa, Chaayinaa). Adeemsi waa'ee uumamaa qorachuu, urjii ilaaluu, herrega fayyadamuu tureera. Bu'uura guddaan kan biraa immoo falaasamni uumamaa (marraaga uumamaa) kan Giriikii durii keessatti dagaagudha. Namoonni akka Aristotle, Plato fi kanneen biroo waa'ee uumamaa fi addunyaa yaada kaasanis, hojiin isaanii yeroo baayyee ilaalcha fi yaada tilmaamaa irratti kan hundaa'e malee, yaalii sirriitti gaggeessuu irratti xiyyeeffate hin turre.
Guddinni mirkanbeekii ammayyaatti kan ce'e Bara Warqee Islaamaa (Islamic Golden Age) keessa. Saayintistoonni akka Ibn al-Haytham (Alhazen) yaalii to'atamaa fi herrega fayyadamuun hubannoo ifaa irratti jijjiirama guddaa fidan. Hojiin isaanii kun bu'uura adeemsa mirkanbeekii ammayyaatiif kaa'e.
Mirkanbeekiin ammayyaa jalqaba isaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaa Awurooppaatti, kan Warraaqsa Mirkanbeekii (Scientific Revolution) jedhamuun beekamuun qaba. Yeroo kana keessa, namoonni akka Galileo Galilei, Nicolaus Copernicus, Johannes Kepler, fi Isaac Newton mala qorannoo yaalii irratti hundaa'ee fayyadamuu eegalan. Bu'uura kan kanaan, Mirkanbeekiin adeemsa isaa fi bu'aa isaan kan durii irraa adda ta'ee, dafee guddachuu fi jijjiirama guddaa fiduu danda'eera. Kanaafuu, yeroo ammayyaa Mirkanbeekii jennee yeroo waamnu, yeroo baayyee Mirkanbeekii ammayyaa kana jennee yaanna.
Dameewwan Gurguddoo Mirkanbeekii
gulaaliMirkanbeekiin beekumsa baay'ee bal'aa waan ta'eef, addunyaa qorachuuf dameewwan adda addaa qaba. Isaanis gurguddoon akka armaan gadiitti qoodamu:
1. Saayinsii Uumamaa (Natural Sciences)
gulaaliDameen kun waa'ee seera fi wantoota addunyaa uumamaa qorata. Bakka lamatti qoodama:
- Mirkanbeekii Nafoo (Physical Sciences): Waa'ee wantoota Aljirtii (inorganic matter) fi anniisaa (energy) qorata.
- Fiiziksii (Physics): Waa'ee anniisaa, humna, sochii, Wantoo (Matter), seera uumamaa bu'uuraa qorata.
- Keemistirii (Chemistry): Waa'ee Wantoo (Matter) caasaa isaa, amala isaa fi walnyaatinsa Wahiyyoo (Element) adda addaa qorata.
- Xiinurjii (Astronomy): Waa'ee qaamolee samii kanneen akka Urjii, Bakkallee (Planet), Addeessa, Ruuda fi Marlaalee guutuu qorata.
- Xiindachee (Geology): Waa'ee Dachee (Earth) caasaa ishee, daggagina ishee, dhagaa, biyyoo fi wantoota lafa jalatti argaman qorata.
- Mirkanbeekii Lubbuu Qabeeyyii (Life Sciences): Waa'ee lubbu qabeeyyii (organisms) fi haala jireenya isaanii qorata.
- Xiinjiree (Biology): Damee guddaa waa'ee lubbu qabeeyyii qoratuudha.
- Xiinneefka (Zoology): Waa'ee bineeldotaa qorata.
- Xiinbiqila (Botany): Waa'ee biqiltootaa qorata.
- Jeneetiiksii/Xinsanyundee (Genetics): Waa'ee dhaalmayaa (heredity) fi garaagarummaa lubbu qabeeyyii (genetic variation) qorata.
- Xiinnaannoo (Ecology): Hariiroo lubbu qabeeyyii fi naannoo isaanii qorata.
2. Mirkanbeekii Hawaasaa (Social Sciences)
gulaaliDameen kun waa'ee ilmaan namaa, amala isaanii, hawaasa, aadaa fi gurmaa'insa hawaasummaa qorata.
- Xiinmadda (Anthropology): Waa'ee dhala namaa, aadaa fi dagaagina isaa qorata.
- Xiinsammuu (Psychology): Waa'ee sammuu, amala namaa fi adeemsa yaaduu qorata.
- Xiwwaasa (Sociology): Waa'ee gurmaa'insa hawaasaa, dhaabbilee hawaasaa fi hariiroo namootaa qorata.
- Qordiinagdee (Economics): Waa'ee oomisha, raabsaa fi itti fayyadama qabeenyaa hawaasa keessatti qorata.
- Mirkanbeekii Siyaasaa (Political Science): Waa'ee mootummaa, aangoo, sirna siyaasaa fi walqunnamtii biyyootaa qorata.
3. Mirkanbeekii Hojirra Olmaa (Applied Sciences)
gulaaliDameen kun beekumsa mirkanbeekii fayyadamuun furmaata rakkoolee addunyaa dhugaa kennuuf fi teknooloojii haarawaa kalaquuf hojjeta.
- Maandisumma/Qibaatummaa (Engineering): Beekumsa Mirkanbeekii fi herregaa fayyadamuun saxaxuu, ijaaruu fi sirna adda addaa hojjechuu.
- Mirkanbeekii Koompiyuuteraa (Computer Science): Waa'ee koompiyuuteraa, Mosaajii (software), fi Seermurtoolee (algorithms) qorata.
- Xiinfayyaa (Health Science/Medicine): Beekumsa xiinjiree fi keemistirii fayyadamuun dhukkuboota qorachuu, yaaluu fi ittisuu.
4. Mirkanbeekii Idilee (Formal Sciences)
gulaaliDameen kun meeshaalee fi bu'uuraalee mirkanbeekii kaaniif gargaaran qorata. Sirna yaayaa (logical systems) fi caasaa killayyaa (abstract structures) irratti xiyyeeffata.
Gahee fi Faayidaa Mirkanbeekii
gulaaliMirkanbeekiin gahee guddaa jireenya dhala namaa keessatti qaba.
- Hubannoo Gabaa'aa: Mirkanbeekiin waa'ee ofii keenyaa, addunyaa naannoo keenya jiru fi yuuniversii bal'aa kana hubachuuf nu dandeessisa.
- Teeknooloojii fi Fooyya'iinsa Jireenyaa: Beekumsi Mirkanbeekii bu'uura guddaan teknooloojii ammayyaa kan akka bilbila harkaatii, intarneetii, yaala fayyaa, geejjibaa fi wantoota hedduu jireenya keenya salphisan hundaati.
- Rakkoo Hiikuu: Mirkanbeekiin mala rakkoolee gurguddoo addunyaa kan akka jijjiirama qilleensaa, dhukkuboota weeraraa, hanqina midhaanii fi kanneen biroo hubachuuf fi furuuf gargaaru qopheessa.
- Guddina Diinagdee: Dameewwan mirkanbeekii hojii irra oolmaa guddina diinagdeetiif bu'uura guddaa ta'u.
Goolabbii
gulaaliWalumaagalatti, Mirkanbeekiin mala beekumsaa humna qabeessa kan adeemsa sirrii (ilaalcha, yaalii fi Qaacceessa agargoo) irratti hundaa'ee addunyaa kana qoratu fi hubatuudha. Dameewwan isaa hedduun kanneen akka Mirkanbeekii Uumamaa fi Mirkanbeekii Hawaasaa qaba. Herregni akka meeshaa ijoo tiitti fayyada. Mirkanbeekiin jijjiirama guddaa galmeessuun jireenya dhala namaa fooyyesseera. Beekumsi Mirkanbeekii yeroo hunda guddachaa fi of haaromsaa kan deemu yoo ta'u, gara fuulduraattis hubannoo fi guddina addunyaatiif murteessaa ta'ee jiraata.