Bineelda
Binensotti qoqqodama micirjirtii kessaattii guggudo kan ta'aan kessa tokko yoo ta'uu, kan qoqqodamus akkaa Mootummaa Bineeldoota yokan Neefka ta'eet. Walumma galattii Lubbiyyeedduu, waan isaan marsee jiruu kan hubatanii fi kan nyataan immoo organizimotta biraa nyachuun yokan kuttaa organizimotta biraa kessaa hanga ta'ee nyachuun kan jiratanii dha. Qamnii isaan kuni akkumaa gudataniin jabacha dhufaa, kunis bayinaan kan ta'uu akka Miciree yoo guddatan, haa ta'u malee binensotti tokko tokko itti anee metamorphosis geggesu.
Jechii "Bineelda" jedhuu kan dhufee jecha "bineensaa" fi "beeylada"jedhurraa kan dhufeedha. jechii kunii hikaan isaa bineeldoota nama alla ta'aan ibsuuf tajajilama. Haa ta'u malee Baayoloojii kessatti jechii kunii miseensotta Mootummaa Bineeldoota ta'aan hundaa ibsuuf tajajilamaa. Kanaafu jechii "Bineeldoota" ykn "neefkoota" jedhuu biology kessatti yoo tajajilamuu namas walit-qabata. Bineeldoota akka biqiltoota ifa adduun kan hin guddannee f fi Nyaata hin qopheffannedha.
Qoodinsa Xin-lubbuu
gulaaliXinjiree keessatti Seera Ramaddameerratti hundaa'uun Bineeldootni Murnoota 9tti qodamuu
- Liimaawwan - Porifera
- Dhoqmacureeyyii - Coelenterata
- Raammoo Battee - Platyhelminthes
- Raammoo Geengoo - Nematoda
- Raammoo Cittuu - Annelida
- Qolaalqabeeyyii - Mollusca
- Gogqoreeyyii -Echinodermata
- Miilixinxima - Arthropoda
- Tushaaleeyyii - Chordata
Baayoloojii(xin-lubbuu) keessatti bineensonni gita jireenyaa tokko yoo ta’an gita 34tti qoodamu. Kanneen keessaa baay’een isaanii raammoo xixiqqoo ykn gosoota raammoo fakkaataniidha.
- Sarphaphuu(Ispoonjiiwwan) Porifera 7700 gosa ( Bineeldoota galaanaa ispongii fakkatan ) .
- murna neefka baxxee Pilaakoozoo 1 gosa ( Daqiiqaa galaanaa ) .
- binodhoqonna'aa faaqqee Ctenophora 150 (Bineeldoota galaanaa) .
- murna qurxumelellaa Cnidaria gosa 11,000 (Bineeldoota galaanaa, Qurxummii dhoqonnaa'a dabalatee ) .
- Garaa hin qabne Xenacoelomorpha gosa 100
- Daakaallatti Orthonectida gosa 26 (qurxummii xinnoo galaanaa; qola kan uwwifame, kan lafee kan qabu, ykn raammoon kan paraasitii/maxxantuu ta’e) .
- Raammoo battee Platyhelminthes gosa 25,000 ( raammoo bishaan keessa jiraatu ykn paraasitii(maxxantuu/akankarreettii) kan akka coos) .
- Rammoo Rifeensee Gastrotricha gosa 690 (qurxummii xinnoo galaanaa) .
- Binoogolollee Rotifera 2000 (Qurxummii xinnoo galaanaa) .
- Raamoo mat-qoreeyyii Acanthocephala 1100 (faayilamii xiqqaa Bineeldoota lafee hin qabne paraasitii kan raammoo mataa qoree qabu of keessaa qabu. ) .
- Rammoo a'ama Gnathostomulida 100 (minnoo galaanaa) .
- Rammoo a'ama xixxinnoo Micrognathozoa 1 ( zeacal xiqqaa Giriinlaanditti argamu ) .
- Raammoo Xiyyaa Chaetognatha 100 (raammoo galaanaa xiqqaa) .
- Maxxantuu qaabjibuu Cycliophora 3 (kan naannoo afaan qamadii taa'ee nyaata garmalee nyaatu) .
- Raammoo lafaa Annelida 17,000 (galaanaa fi lafaa, lafaa dabalatee) .
- maxxantuu kalee miilsaddeetta Rhombozoa 100 (kalee miila saddeet qabu keessatti argama) .
- ramoo sabbata Nemertea 1200 ( raammoo galaanaa ) .
- Raammoo Koottee(qoochoo fardaa) Phoronida 11 (bineensa galaanaa xiqqaa) .
- bino-qola faanosii Brachiopoda 300-500 (Bineeldoota galaanaa xixiqqoo) .
- qolaalqabeeyyii- Mollusca 112,000 (cillalluu fi miilsaddeet/oktoopus, mahaarii,/oyiisterii fi kkf) .
- Raammoo loozii Sipuncula 144-320 (raammoo galaanaa) .
- Raammoo waancaa(kessoo munnee) Entoprocta 150 jedhamuun beekama
- Bineensa arrii dhagaa ykn Bineertoo Bryozoa 5000 (Maayikiroozoo Galaanaa) .
- Jaawuda dhoqqee Kinorhyncha 150 (minnow lafa galaanaa) .
- matbatte Looriisifeeraa 122
- ramoo qunxurroo Priapulida 20 (raammoo galaanaa) .
- raamoo eegee Nematomorpha 320 ( raammoo bishaan keessaa, paraasitii larva) .
- Raammoo geengoo(muqurtii) Nematoda 25,000-1,000,000 (raammoo geengoo ykn Maagaa geengoo bakka hundatti argamu ) .
- Rammoo baattoo qeensaa Onikoofooraa 200
- Risaa bishaanii ykn qarambullee bishaanii Tardigrada 1000 (zeacal xiqqaa, bishaan hunda keessatti argama) .
- miilixinxima Arthropoda : 1,200,000 ( centipedes sadii, saroonni, miildhibbee, miilkumee, Qaajibbuu, Gawisoo fi kkf) .
- Gogqoreeyyii Echinodermata 7000 (Bineeldoota galaanaa, urjii galaanaa fi kkf) .
- Ramoo ija qilxuu Hemichordata 100 (raammoo galaanaa) .
- Tushaaleeyyii Chordata 100,000 (Duguggurqaboo- qurxummii, amfibiyaanota(lafbishaanee), reptiles(laflootuu), simbirroota, hoosistoota ) .
Walhormaata
gulaaliWalhormaanni amala bineeldota waloo ta’an keessaa isa tokko yoo ta’u, isaanis akka mirkaneessaniif itti fufiinsa gosa isaanii. Kanaafuu, walhormaanni adeemsa lubbu qabeeyyiin fakkaattii isaanii ittiin bakka buusani dha. Alsaalessaafisaalessaatti qoodamu.
Alsaalessaa
gulaaliwalhormaata saalaa malee gosa walhormaataa nama dhuunfaa tokko kan hirmaachisu yoo ta’u, walitti makamuu saallubbiyyoo(gaameetii) warra lama irraa kan hin ummamneedha. Walhormaata saalmalee bineeldotaa keessatti duguggurqabeeyyii caalaa bineensota duguggurmaleeyyii biratti baay’inaan mul’ata. Kichaa'uu fi addabahinsaa gosoota walhormaata saalmalee keessumaa bineeldota bishaanii(aboyyii) keessatti baay’inaan mul’atudha. Bifa walhormaata saalmalee bineeldota keessatti mul’atu inni biraan immoo walhormaata alrimeessaa (parthenogenesis) dha. Gosa walhormaataa kana keessatti hanqaaquun hinmisoomne akkuma ilbiisotaa fi duguggurqabeeyyii tokko tokkoo sanyii haaraatti guddatu.
Addaan-bayiinsa
gulaaliAddaan-bayinsii gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin tokko gara orgaanizimoota adda addaa lamaa fi isaa oltti qoodamudha. fknf: dubra'a, meerqa
Adeemsa:
- Orgaanizimiin haadhoon wantoota dhaalsanyii isaa baayyisa.
- Sana booda kutaa lamatti (binary fission) ykn isaa ol (multiple fission) qoodama.
- Kutaan tokkoon tokkoon isaa orgaanizimii haaraa ta’a.
Kichaawa (Budding)
gulaaliKichaawuun gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin haaraan guddina (kichuu) orgaanizimii warraa irraa guddatudha. fknf: haaydiraa(binidditoo)
Adeemsa:
- Kichuun orgaanizimii warraa irratti uumamee guddachuu jalqaba.
- Orgaanizimiin haaraan kun osoo addaan hin ba’iin of danda’ee yeroo muraasaaf warra sanatti maxxanee jiraata.
Ciccita (Fragmentation)
gulaaliCiccituun gosa walhormaata saalmalee kan orgaanizimiin tokko gara ciccitaatti caccabee, tokkoon tokkoon ciccitaa gara orgaanizimii haaraatti guddatudha. fknf: Urjii galaanaa,
Adeemsa:
- Orgaanizimiin warraa bakka hedduutti qoodama.
- Tokkoon tokkoon kutaa kutaalee badan haaromsee gara orgaanizimii guutuutti guddachuu danda’a.
Walortee alrimaawaa (Parthenogenesis)
gulaaliParthenogenesis gosa walhormaata saala malee kan hanqaaquun tokko osoo hin-rimaayin gara nama dhuunfaa haaraatti guddatudha. fkf: lootuufi ilbiisota tokko tokko
Adeemsa:
- Seelii hanqaaquu hin misoomin gara orgaanizimii haaraatti guddata.
- Adeemsi kun malawwan akka baayyachuu kiroomozoomii ykn adeemsa jeneetikii biroo of keessaa qabaachuu danda’a.
saalessaa
gulaaliwalhormaatni saalessaa gosa walhormaataa warra lama kan hirmaachisu yoo ta’u, gaameetiin warra lama (kormaa fi dhalaa) walitti makamuun kan barbaadudha. Ilmoo warra lamaan irraa wantoota dhaala sanyii qaban ni hora. Warri orgaanizimoota baadirlamee(diploid) kan tuuta kiroomozoomii guutuu qaban (2n).Walhormaatni saalessaa caasaa walhormaataa kormaa fi dhalaa adda addaa kan dalagaa adda addaa qabu of keessatti qabata. Dalagaaleen barbaachisoo ta’an keessaa tokko lubbiyyoolee baadirgamisa (haploid gametes) (n) jedhaman oomishuuf odeeffannoo jeneetikii warra irraa gara ilmootti dabarsuudha. Walhormaata saalessaa keessatti kormaa ameenxaa fi lubbiyyoo baaddirgamisa (haploid (n) ) cidhaan keessatti kan uumu yoo ta’u, lubbiyyooleen sanyii kormaa (ameenxaa)hanga walqunnamtii saalaa bahutti gonnee ykn kuburqunxurroo (epididymis) keessatti kuufamaniiru. Gama biraatiin dhalaan lubbiyyoo baaddirgamisa (haploid) ovum ykn hanqaaquu (n) kan gutoo keessatti bilchaatu kan uumuu fi seelonni isparmii gaameetii dubartootaa wajjin walitti makamuun adeemsa walhormaataatiin zaayigootii uuma.