Miilixinximni (Afaan ingliffaan:- Arthropoda) Murna isa guddaa sanyiilee gara kuma dhibba sagal kan qabu dha. Isaanis bishaan keessa kan jiraatan, kan lafa irraa ykn illee  maxxantoota ta’uu danda’u. Isaanis Miila mitika ykn Buusaa maxa'a (appendages jointed) fi lafee alaa (exoskeleton) chitinous qabu.Murni kun gita gurguddoo hedduu kan of keessatti hammate yoo ta’u, gita ilbiisoota kan of keessaa qabu yoo ta’u kunis mataan isaa kutaa guddaa gosa bineensotaa addunyaa kanaa bakka bu’a. Dandeettii bakka jireenyaa hunda keessatti jiraachuu qabu.

Miilixinximna

Amaloota

gulaali

Qaamni isaa Baqqaansadee (triploblastic), mumurramaa, fi Walqixxee garlamoo (bilaterally symmetrical) dha.

Sadarkaa gurmaa’ina sirna qaamolee agarsiisu.

Qaamni mataa, Qomaa fi garaa jedhamee qoodama.

Qaamni isaanii Miila mitika ykn Buusaa maxa'a kan qabu yoo ta'u kunis sochii qaamaa keessatti gargaara.

holqa siilamii dhiigaan guutameera.

Sirna marsaa dhiigaa banaa qabu.

Mataan ija walxaxaa lama qaba.

Lafee alaa kan  chitin irraa hojjetame.qabuu

Miilixinximoonnii lafa irraa karaa ujummoolee Malpighian  kan bahu yoo ta’u kanneen bishaan keessa jiraatan ammoo karaa ujummoo magariisaa ykn xanacha koo'akzaaliin ba’u.

Isaanis saala tokko kan ta’an yoo ta’u, walhormaanni alaa yookaan keessaa ta’a.

Sirna bullaa’insa nyaataa haala gaariin guddate qabu.

Isaanis karaa qaama waliigalaa ykn ujummoo qillensaan hafuura baafatu.

Qaamolee miiraa kanneen akka rifeensa, anteenaa(saanfila), ija salphaa fi xaxama, qaamolee dhageettii fi istaatoosiistii of keessaa qabu.

Rammaddiiwwan Miilixinximootaa

gulaali

Gita Gosa qeensanqabduu (Crustacea)

gulaali

Isaanis kan bishaan keessa jiraatan, kan lafarra jiraatan ykn  maxxantuu ta’aniidha.

Mataan fi qomaa wal makaa kan Qommataa ykn Matqoma (cephalothorax) jedhamuun beekamu qabuu

Hargaansuun karaa asaassii(gills) ykn fuula qaama waliigalaatiin uuma.

Qaamni isaas kaaraapaasii guddaa tokkoon kan haguugamedha.

Anteenaa lamaa fi maxa'a ykn miila shan qabu.

guddina al-kallattidha. Sadarkaan jissaa ni argama.

Fkn, Daafniyaa, Paalemon

Subphylum Crustacea gita ja’atti qoodama- .

Biraankiipoodaa

Remipedia

Cheflocarida

Maxillopoda

Ostracoda

Malaakoostiraakaa

Miildanuuwwan (Myriapoda)

gulaali

Isaan kun irra caalaan isaanii kan lafawoo.

Qaamni isaa mummuramaa kutaalee hedduu qaba.

Mataan kun anteenaa, a'ama cimdii lamaa fi ija salphaa cimdii lama qaba.

Miila hedduu of keessaa qabu.

Hidhii afaanii inni gubbaa epistome fi labrum kan of keessaa qabu yoo ta’u, hidhiin gadii ammoo a'amolii lama of keessaa qaba.

A'amgadii lama afaan keessaatti ni argamu.

Isaanis karaa ujummoo qileensaatiin kan hafuura baafatan yoo ta’u, usaansii isaanii ammoo gama ujummoowwan maalpigiyaaniitiin bu'a.

Fkn, Juulus, Iskoolopeendraa

Miiljahee(Hexapoda)

gulaali

Irra caalaan isaanii lafa irraa kan jiraatanidha.

Qaamni mataa, qoma fi garaa jedhamuun adda baafama.

Mataan akroonii muraa duraa qaba.

Qomni muraa sadiitti qoodama.

Garaan muraa 7-11 qaba.

miila mitikaa cimdii sadii qabuu

Ija mirroo/walxaxaa lama qaba

Isaanis karaa bishkargansiisaa fi ujummoo qileensaan hafuura baafatu.

usaansii isaanii gama ujummoowwan maalpigiyaaniitiin ba'a

Fkn, bokee, Awwaannisni, tisiisa.

citamurna Hexapoda gita lamatti qoodama:

Ilbiisota

Entognatha(A'amkeessoo)

Cifgaanfa ykn gosaarroo ykn gosorbobbiisaa (Chelicerata)

gulaali

irra caalaa isaanii lafa irratti jiraatuu.

Qaamni gara qommataa fi garaatti adda baafama.

Anteenaa ykn saanfila hin qaban

Garaan isaanii muraa 13tti qoodama.

miila mitika cimdii afur qabuu

Isaanis karaa ujummoo qillensaan ykn bishkargansiisaan hafuura baafatu.

ujummoolee maalpigiyaanii jedhuu kan usaansaaf gargaaruu qabuu

fkn: Daarabaaftuu, qaajibbuu

Cifbaattuu (Onychophora)

gulaali

Isaan kun miilixinxima hamma xiqqaa, lafarra jaratanida.

Qaamni kutaa kutaadhaan qoodama.

usaansii karaa nephridia gaggeffama ta’a.

Isaanis karaa ujummoo qileensaa hafuura baafatu.