Bilillee

Intala Oromoo qalbii ilma mootii Jarmanii mo'atte.


Bililleen (Mahibuubas ni jedhamti) intala Oromoo garbummaatti gurguramtee ilma mooticha biyya Jarmaniitin bitamte. Ilmi mootichaa kun Bililleedhaa maqaa Maahibuubaa itti moggaase. Kunis Afaan Arabaatin 'jaalallee koo' jechuudha. Ilmi mootichaa kun Bilillee jaalallee isaa godhate.

Seenaa gulaali

Bililleen maqaa maatiin ishee akkuma aadaa fi duudhaa Oromtichaatti ishiif baasani. Kan dhalatte Oromiyaa dhihaa bakka Gummaa jedhamuutti . Barri isheen dhalattee 1820n keessa. Dhalattee yoo waggaa kudhan guuttuu, bara 1835-6, biyya isheen dhalatetti lolli ka’e. Abbaa fi oobboleewwan ishee ja'an ni ajjeefaman. Bilillee fi oobboleetiin ishii ammoo booji’amanii gabrooman. Sanaan booda obboleewwan lamaan kun gara Gondoritti fudhatamuun achittis gargar bahan; sana booda deebi’anii wal hin agarre.

Umriin ishee ijoollee haata’u malee, yaannii fi hojiin ishii akka nama guddaa ture. Kun ammoo Paklaar daran akka ishii jaalaatu taasise. Qulqullina garaa ishii fi fedhiin Bililleen barumsaaf qabdu guddaa qalbii isaa fudhate. Kanarraa kan ka’e, Afaan Arabaa fi Afaan Jarmanii akka barattu waan barbaadeef, bakka daawwachuu deemu hundattu Mahibuubaa of biraa hin hambisu ture. Yaadni isheen iddoo tokko erga daawwatte booda kennitu baay’ee isa ajaa’ibsiisaa ture. Amalli ishii kun amala cimaa Paklar yeroo Awurooppaadhaa dhufu qabu akka jijjiirratu godhe. Kanaaf, Paklar yeroo tokko, “Nama dhugaan wajjiin jirtu wajjiin ooleen, yeroo baay’ee booda nama dhugaa ta’e,” jedhee barreesse.

Biyyoota bahaa waggaa sadiif erga daawwatanii booda, bara 1840 Paklarii fi Mahbuubaan gara Awurooppaa deebi’an. Yeroo kana Mahibuubaa dhukkubni sombaa fi heexoo waan qabeef, baay’ee dhukkubsatte. Nafti ishees baay’ee huqqattee lafeetti baate. Paklaar osoo garaan jibbuu Mahibuubaa mana isaa Muskaa jiru keessatti dooktora isaatti amaanaa kennatee haadha manaa isaa dhukkubsatte gaafachuu Barliin deeme. Yeroo kana baay’ee dhukkubsattullee, Mahibubaan dardarri biyya ishee Oshuu Aagaa kan jedhamuun wal barte. Oshuu Aagaa irraan immoo, hayyicha Jarmanii kan Afaan Oromoo qoratu, Tuucheekiin, walbarte. Sirba Oromoo kan Bililleen sirbite hayyichi kun galmeesee dhalootaaf dabarsee jira.


Ijoollummaa isheetii kaasee guddisee jaalallee akka ija isaatti ilaalu kan taasise, Paklaar, haati manaa isaa waan guddaa dhukkubsateef Barliin gara Mahibuubaatti deebi’uu hindandeenye. Garuu xalayaa ni barreessaaf ture. Mahibuubas dhukkubni guyyuma guyyaan itti cimaa adeeme. Akka hindandamanne garaan waan beekeef, yoo duutu Paklar akka ishee bira taa’u guddaa hawwite.Fedhii ishee kanas dhukkubsatte barreessuu waan dadhabdeef dooktorri ishee barreesseef. Yeroo xalayaan kun harka Paklar gaheetti haati manaa isaa daran waan dhukkubsatteef gara Mahibuubatti hatattamaan deemuu hin dandeenye. Kanaaf, rakkina irra jiru ibsee xalayaa fi meetii maqaan ‘Maahibuubaa’ jedhu irratti bocame ergeef. Garuu yoo xalayichifi meetichi Onkololeessa 27, 1840 Muskaa gahu, Bililleen garuu arguu hin dandeenye; isheenis, isa dhumaaf addunyaa kanarraa boqatte.

Wabii gulaali

  • Barnoota Afaan Oromoo Kitaaba Barataa Kutaa 9, 2012