Afaan meeshaa ilmi namaa ittiin walii galuudha. Afaan qaama afaani ykn harka fayyadamuun dubbachuun ykn mallattoon karaa itti wal-qunnamaniidha. Namni tokko jaalalaa fi jibba, gaddaa fi gammachuu, beekkumsaa fi wallaala, gaaffi fi deebi, ilaalcha fi yaada isaa namoota biroof ibsuuf afaan ni tajaajiila.

Ulaagaalee sabni tokko ittin beekkamu inni guddaan afaan isaati. Afaan aadaa fi duudha sabaa ni calaqqisa. Itoophiyaa keessa afaanota 86 kan galmaawantu jira. Addunyaa irra immoo tilmaamaan afaanota 5,000 - 7,000 jira.

Guddinni afaan saba tokkoo guddina hawaasa isaa waliin deema. Kana jechuun, bal’inniifi dagaaginni afaan tokkoo guddina qabeenyaafi aadaa jechuun, bal’inniifi dagaaginni afaan tokkoo guddina qabeenyaafi aadaa saba sanaa waliin walqabata jechuudha.Qabeenyiifi aadaan saba tokkoo yoo guddachaa deeme, isaan dabalaman kana moggaasuun barbaachisaa ta’a. Kun ammoo, guddina afaan saba sanaatiif karaa bana. Kanaafi guddinni hawaasaafi afaanii walqunnamtii qaba kan jedhamuufis.

Amaloota afaaniiEdit

Amaloota afaan hunduu waliin qaban kan armaan gadiiti.

  • Afaan hunduu barumsaan argama.
  • Afaan hunduu seera mataa isaa qaba.
  • Afaan hunduu guutuudha.
  • Afaan ni dhalata, du'uus ni danda'a.
  • Afaan guutuma guututti kan mataa ofii danda'ee mit, ni liqeeffata.
  • Afaan ni jijjiirama.
  • Afaan hundu walqixa waa ibsuu danda'u.
  • Afaan qabatamaa miti.
  • Afaan mallattoodha.

Kanas ilaaliEdit