Sirni gogaa sirna karaa alaatiin guutummaatti nafa namaa haguugee argamuudha.Kanaafuu, wantoonni garagaraa qaama miidhuu danda’an gara keessa nafaatti akka hin seenne dhoorkuun qaama balaa irraa ittisa. Akkasumas dhangalaawan lubbuuf barbaachisoo ta’an gara alaatti akka hin baanes ni ittisa.

Sirni gogaa gogaafi caasaalee gogaa irraa uumaman kanneen akka rifeensaa, qeensaafi xannachoota adda addaa gogaa keessa jiran hammata.

Gogaa gulaali

 
G3 ammallee sirna googaa qaama namaa agarsiisa.

Gogaan qaama karaa alaa guutummaa nafa namaa aguugee naannoowwan keessaa fi alaa walquunnamsiisuu dha. Qaamolee namaa hunda keessaa kan ammaan gogaan qixxaatu hin jiru. Dirra (‘Surface area’) 1.5m 2 -2 m2 kan aguuguu fi yabbina (furdina) 0.5mm – 4.0mm kan qabuu dha. Ulfaatina nafa nama ga’eessaa tokko keessaa kan gogaa 7% ta’a. Gogaan qaama yammuu ta’u, caasaalee isa irraa uumaman fi walitti hidhata qaban, kanneen akka rifeensaa, qeensaa fi xannachoota adda addaa wajjin sirna gogaa (‘integumentary system’) uuma. Boqonnaan kun caasaa fi dalagaa waliigalaa sirna gogaa irratti xiyyeeffata.

Caasaa Gogaa gulaali

Gogaan baqqaanota gurguddoo lama qaba. Isaanis Iryandii fi yandii dha. Tokkoo tokkoon isaanii immoo gamis-baqqaanota adda addaa of keessaa qabu. Akka waliigalaatti Iryandii fi yandiin sabaga gummee ippitaaliyamii kan sabaga kutaanawoo (‘Cutaneous membrane’) jedhamu uumu.

Iryandii(Epidermis) gulaali

Baqqaanni kun caasaa gara alaatti argamuu dha. Yabbinni isaas bakkaa gara bakkaatti walcaala. Kutaaleen nafaa kanneen rifeensa hin qabnee fi yeroo baay’ee naannoo waliin walrigatan gogaan isaanii yabbuu dha. Bar’uun harkaa, keessi faana miilaa fi fiixeen qubaa fakkeenya caasaalee gogaa yabbuu qabanii ti. Iryandiin lubbiyyoolee armaan gadii of keessaa qaba.

  1. Keeraatiinoosaayitii (‘Keratinocyte’): qabiyyeen gogaa irra caalaan (90%) lubbiyyoo kana of keessaa qab keeraatiinoosaayitiin keeraatiinii tolcha.
  2. Meelanoosaayitii (‘Melanocyte’): seeliin kun meelaaniinii qopheessa. Meelaaniiniin kompaawundii halluu gogaa murteessuu dha. Haalluun kun gogaa keessaa faca’ee balaa xiyyi ifa aduu dhilgirrantaa ykn UV (‘Ultra Violet’) jedhamu geessisuu danda’u gogaa irraa ittisa. Dhalli namaa hundi amma lubbiyyoolee meelaanoosaayitii haala walfakkaatuun qabu. Garaagarummaan halluu gogaa kan jiraatu sababa garaagarummaa dalagaa lubbiyyoolee kanneenii, jechuun amma melaaniinii qophaa’uu, fi akkaataa itti meelaanoosomiin (qalqalloo meelaaniiniin keessatti qophaa’u) gogaa keesstti faca’ee argamu irraa kan ka’een. Kun immoo dhaala sanyii (‘gene’) waliin walqabata. Ifi aduu oomisha meelaaniinii ni dabalchiisa.
  3. lubbiyyoolee Laangerhaanii (‘Langehan’s cells’): Dhuka lafee keessatti oomishamuun gara Iryandiitti socho’u. Seelotni kunniin madinummaa qaamaa kakaasuun qaama dhukkuba irraa baraaruu keessatti ga’ee taphatu.
  4. lubbiyyoolee Meerkel (‘Merke Cells’): daangaa Iryandii fi yandii gidduutti argamu. Fiixee narvotaa waliin waan walquunnamaniif akka sirbidoota tuqaatiitti hojjatu.

Naqa (Gamis-baqqaanota) Iryandii gulaali

Seelotni armaan olii baqqaanota shan (gogaa yabbuu keessatti) yookaan afur (gogaa haphii keessatti) tolchu. Taa’umsi boqaanota kanneenii keessaa gara alaatti akka armaan gadii ti.

  1. Naqa ykn gamis-baqqaana hundee (‘Basal layer’ ykn ‘Stratum basale’): jala Iryandiitti argama. Hirmamni lubbiyyoo maayitoosiisiin waan keessatti gaggeeffamuuf lubbiyyoolee dhabaman bakka buusuuf wabii dha. Seelotni keeraatiinoosaayitii haaraan heddumminaan asitti argamu.
  2. Naqa qaraawaa (‘Stratum spinosum’): Boqqaana seeloota muraasa of keessaa qabu ta’ee liilana(filament) keeraatiinii qaba. Kanaaf dhiibba goga irra gahu damdamachuu waliin walqabata.
  3. Naqa abuurgahaa (‘Stratum Granulosum’): Baqqaana furdinni isaa lubbiyyoolee 3 – 5 gahu ta’ee bakka itti keeraatiinoosaayitootni jijjiiramuun battee ta’anii tambii fi orgaaneelotni isaanii caccabanii dhabamanii dha.
  4. Naqa Luusiidiyamii (‘Stratum Lucidium’): kun gogaa yabbuu qofa keessatti argama. Seelotni bakka kanaa tambii waan hin qabaneef baqqaanni kun baqqaana qulqulluu (‘Clear layer’) jedhama.
  5. Naqa Koorniyamii (‘Stratum Corneum’): Baqqaana alaa ta’ee furdina lubbiyyoolee 20 – 30 qaba. Keeraatiiniin bakka kanaa yabbuu fi du’aa kan ta’e fi lubbiyyoolee gara keessaa irraa balaa kan ittisuu dha. Gilaayikooliippiidiin lubbiyyoolee gidduudhaan bishaan gogaa keessa akka gadi hin seenne ittisu gamis-baqqaana kana keessatti argama. Baqqaanni kun harca’aa fi yeroo yerootti jalaa bakka bu’aa ola.

Yandii(Darmis) gulaali

Akka iryandii utuu hin taane yandiin baqqaana ujummoo dhiigaa, limfii fi seelota narviin badhaadhaa ta’ee dha. Furdinni isaa bakkaa bakkatti walcaala. Fakkeenyaaf, baru’uu harkaa fi keessa faana miilaatti yabbuu yammuu ta’u, baal’ee ijaa fi qaamolee saalaa dhiiraa irratti haphii dha. yandiin gosoota seelota gummee qabsiistuu keessatti argaman hunda of keessaa qaba jechuun ni danda’ama. Seelotni akka faayibiroobilaastii, maakiroofeejii, seelotni mastii (‘Immune Mast cells’) fi seelotni dhiigaa adii kunneen baqqaana kana keessatti argaman keessaa ijoo dha. Lubgoon(follicle) rifeensaa, xannachootni zayitaa fi dafqaa illee jalqabatti ka’umsi isaanii gummee iryandii irraa haa ta’u malee, yandii keessatti gadi seenanii argamu. yandiin pirootiinota kollaajiinii fi illaastiinii of keessaa qaba. Lameenuu seelii faayibiroobilaastii keessatti qophaa’u. Kollajiiniin yandii keessatti heddumminaan kan argamu ta’ee gogaaf jabina kan kennuu dha. Illaastiiniin gogaaf amala pilaastikummaa waan kennuuf gogaan dhiibbaa irra gahu damdamatee boci isaa bakkatti deebi’uu akka danda’u taasisa. yandiin naqa (gamis-baqqaanota) lamatti qoodama. Isaanis

  1. Naqa birtaawaa (‘Papillary layer’): naqa qal’aa jala ippiidarmisiitti aanee argamuu dha. Irri isaa gara ippiidarmisiitti ol dadacha’aa caasaalee alatti muxxatanii ba’an kanneen birtee yandii (‘dermal papillae’) jedhaman uuma. Arkarruu qubaa (‘fingerprint’) kanneen keessaa tokko. Sirbidduuwwan (fuutuu miiraa) tuqaatii (‘Meissner’s corpuscles’), dhiibbaa (‘Pacinnian corpuscles’), dhukkubbii, ho’aa fi qabbanaa naqa gogaa kana keessatti argamu. Ujummoowwan dhiigaa naqa kana keessatti heddumminaan waan argamaniif to’annaa tempireechara qaamaa keessatti qooda guddaa qabu.
  2. Naqa Xaxeeta (‘Reticular layer’): Qabiyyeen yandii inni ol’aanaan (80%) naqa kanaan aguugama. Gamis-baqqaanni kun ribuu kollaajiinii adii wal keessa galuun walxaxee jiru of keessaa qaba. Gogaan duugamee akka uffataatti faayidaaf oolu jabina kan argatu sababa qabiyyee kanaaf. Caasaan kun kollaajinii heddumminaan haa qabaatu malee illaastiiniis of keessaa qaba.

Baqqaana jalee gogaa (‘subcutaneous layer’) gulaali

Baqqaanni kun kan argamu jala yandii tti. Kanaafuu akka qaama gogaatti hin fudhatamu. Haa ta’u malee tishuulee qabsiistuun kan badhaadhe waan ta’eef gogaa maashaatti qabsiisa.Kanaafuu bakka kanatti kaasuun hubannoof barbaachisaa ta’a. Baqqaanni jala gogaatti argamu kun tishuu adiippoosii of keessaa qaba. Tishuun kun immoo cooma qaamaa kuusuun beekamu. Dalagaa gogaa keessaa tokko tempireechara qaamaa to’achuu dha.Coomni gogaa jalatti kuusamee jiru kun ho’a qaamaa qusachuu keessatti ga’ee taphata.

caasaalee biroo gulaali

Qeensa gulaali

Qeensi gosa pirootiinii jabaa, gogaafi haalaan walitti hacuuccamaa ta’e irraa tolfame. Qeensi caasaalee gurguddoo sadii qaba. Isaanis: hundee, pileetiifi qarqara qeensaati. Hundee qeensaa: kutaa jalqabbii qeensaa ka’uumsi isaa baqaana yandii kan ta’eefi gogaadhaan uwwifamee argamuudha. Pileetii qeensaa: kutaa qeensaa gogaa gubbaatti argamuufi kan ijaan mul’atuudha. Qarqara qeensaa: Pileetiitti aanee naannawa qeensaa karaa alaatiin gogaa wajjiin daangeffamuudha.

 
Epidermis fi dermis gogaa namaa

Rifeensa gulaali

Rifeensi caasaa qal’aafi dheeraa gogaa keessaa guddatuudha. Kutaan rifeensaa gogaan alatti argamu shaaftii yammuu jedhamu inni gogaa keessaa immoo hidda jedhama

Xannachoota dafqaa gulaali

Xannachootni dafqaa baqqaana yandii keessatti iddoo hundaatti faca’uun argamanis; barruu harkaa, keessa faana miilaafi adda irratti lakkoofsa hedduun argamu. Dalagaan isaanii yeroo keessi qaama nafaa hoo’u, dafqa qopheessanii hoo’a hammaan ol ta’eefi xuraawaa karaa ujummoolee ofiitiin gogaa irratti gadi lakkisuun (gara alaa baasuun) qaama qabbaneesuudha.

Zayitni xannachoota kanneeniin qophaa’u gogaafi rifeensaaf dibata uumamaa ta’uun miidhagina kennaaf. Akkasumas, gogaan paatojinootaan akka hin faalamne ittisuufi hamma bishaan gogaa keessaa hurkee bahu xiqqeessuun fayyummaa namaa eega.

Xannachoota guurii: xannachoonni kunniin ujummoo ala gurraa keessatti kan argaman ta’ee wanta amala hapheessuu qabu, guurii gurraa jedhamu maddisiisu. Faayidaan guurii kanaas; dibbeen gurraa yeroo hundajiidhinsa akka qabaatu gochuufi wantoota kanneen akka dhukee, baakteeriyaa, fangasootaa, ilbiisootaafi kanneen kana fakkaatan gurra irraa ittisuudha

Dalagaalee gulaali

Dalagaan qaama namaa haala mijataa ta’een akka itti fufuuf sirni integumentarii ga’ee ol’aanaa qaba. Dalagaawwan sirna integumentarii keessaa isaan ijoon kanneen armaan gadiiti.

1. Qaama irraa balaa ittisa: jarmoonniifi xiyaan ifa aduu hamaa gara keessa qaamaatti akka hin seenneef ittisa. Fakkeenyaaf, baqqaana ippidarmisiifi seebamii xannacha zayitaatiin qophaa’u.

2. Qaama miiraa ta’uun tajaajila: gogaan miirawwan kanneen akka tuqaatii, dhukkubbii, dhiibbaa, hoo’aafi diilallaa adda baasuuf gargaara. Fakkeenyaaf, sirbidoota baqqaana yandii keessaa.

3. Tempireechara qaamaa too’ata: tempireecharri qaamaa dabaleera yoo ta’e karaa dafqaafi tooftaalee garagaraatiin hoo’i hammaa ol ta’e gara alaatti akka bahu taasifama. Fakkeenyaaf, xannacha dafqaa. Akkasumas yeroo qorraa hoo’i gara alaatti akka hin baane ittisuun qusata. Fakkeenyaaf, gogaa

Hojiin isaa inni guddaan:

  • Tishuuwwanii fi qaamolee keessoo qaamaa eeguu
  • bishaan Qaamaakka hin hir’anne gochuu
  • Jijjiirama tasa ho'aa irraa qaama eeguu, homeostasis eeguu
  • Meeshaalee balfa karaa dafqaan akka baafatan gargaaraa
  • Akka fudhataa tuqaalee, dhiibbaa, dhukkubbii, ho’aa fi qorraatti hojjeta ( Somatosensory system ilaali) .
  • Qaamni keenya gubannaa aduu irraa melanin dhangalaasuun ni eega
  • Ifa altiraavaayoleetiif saaxilamuudhaan vitaamin D maddisiisuu
  • Bishaan, cooma, gilukoosii, vitaamin D kuusuu
  • Kunuunsa bifa qaamaa
  • Miidhaawwan xixiqqoo suphuudhaaf lubbiyyoo haaraa stratum germinativum irraa uumamuu
  • Raayyaa UV irraa eeguu.
  • Ho'a qaamaa ni to'ata
  • Orgaanizimicha naannoo isaa irraa adda baasee, addaan baasa, ni eega.

References gulaali