Burqata

(Pirootiinii irra kan qajeele)

Pirootinoonni ykn Burqatootni dhagaalee gurguddoo barbaachisoo lubbu qabeeyyii hunda keessatti argamanidha. Isaanis sansalata dheeraa Dhangaggeewwan aminoo hidhoo peeptaayidiin walitti hidhaman irraa ijaaramaniiru. Pirootinoonni lubbiyyoo keessatti hojii adda addaa kan qaban yoo ta’u, isaanis deeggarsa caasaa, si'eesituu inzaayimii, geejjibaa molakiyuulotaa, deebii ittisa qaamaa fi mallattoo lubbiyyoo dabalatee. Hojiin addaa pirootiinii tokkoo caasaa addaa garsadee qabuun kan murtaa’u yoo ta’u, kunis tartiiba Dhangaggeewwan aminoo fi walnyaatinsa isaan walii isaanii fi naannoo naannoo isaanii wajjin qabaniin kan murtaa’udha.

protein model mosaic.

Oomishni pirootiinota adeemsa burqophee ykn tiraanslation ykn hiikkoo jedhamu keessatti raawwatama. Adeemsa kana keessatti odeeffannoon jeneetikii/ dhalmaya DNA keessatti kuufame gara ergamaa RNA (mRNA)tti ergamee booda gara tartiiba addaa amiinoo asiidotaatti jijjiirama. Sana booda Ergaa (mRNA)n  qaama raayboosoomii jedhamaniin kan dubbifamu yoo ta’u, Dhangaggeewwan aminoo tartiiba sirrii ta’een walitti qabamanii pirootiinii oomishuu.

Hiikkaa

gulaali

Burqatoonnii sirna lubbu qabeeyyii keessatti molakiyuulota jirtii baay’inaan argaman keessaa tokko yoo ta’an, dalagaa adda addaa kan qaban yoo ta’adha. Burqatonni caasaa, qindeessituu, kontoonfataa ykn eegumsa ta’uu danda’u; geejjibaa, kuusaa ykn sabagoota keessatti tajaajiluu danda’u; ykn summii ykn nam'i ta’uu danda’u. Tokkoon tokkoon lubbiyyoo sirna lubbuu qabu keessatti burqatonni adda addaa kumaatamaan lakkaaʼaman kan of keessaa qabu siʼa taʼu, tokkoon tokkoon isaanii dalagaa adda taʼe kan qaban taʼuu dandaʼa. Caasaan isaanii akkuma hojii isaanii garaagarummaa guddaa qaba. Hundi isaanii garuu poliimaroota Dhangaggeewwan aminoo yoo ta’an, tartiiba sararaan kan qindaa’ani dha.

Dhangaggee Amiinoo

gulaali

“Dhangaggeen Amiinoo mirreewwan jirtii walitti makamanii burqata uumuudha, kanaaf ruqooleen ijaarsa burqata jedhamanii waamamu. Baayoomolekuloonni kun qaama namaa keessatti dalagaawwan xiinjiraawaa fi keemikaalaa hedduu keessatti kan hirmaatan yoo ta’u, guddinaa fi dagaaginna dhala namaatiif wantoota barbaachisoodha. Uumama keessatti kan argaman dhagaggeewwaan amiinoo gara 300 taʼan tu jiru garuu isaan keessaa 20 qofti burqatootoonni lubbu qabeeyyii ijaaran keessatti hirmaatu, burqataa baakteeriyaa keessatti Dhangaggeen amiinoo 22 malee.

Dhangaggeewwan amiinoo   gareewwan amiinoo bu’uuraa (-NH2) fi gareewwan kaarboksiilii (-COOH) of keessaa qabani dha. Wantoonni burqata keessatti argaman Dhangaggeewwan amiinoo jedhamuu. Peeptiidonnii fi burqatoonnii lamaan isaanii iyyuu funcaa dheeraa Dhangaggeewwan amiinooti. Walumaagalatti Dhangaggeewwan amiinoo digdamii kan jiran yoo ta’u, isaanis ijaarsa pirootiinota keessatti hirmaatu.

Maqaafi unkeewwan Gareewwan
Alanine C3H7NO2 Leucine C6H13NO2
Aspartic Acid C4H7NO4 Lysine C6H14N2O2
Asparagine C4H8N2O3 Methionine C5H11NO2S
Arginine C6H14N4O2 Proline C5H9NO2
Cytosine C4H5N3O Phenylalanine C9H11NO2
Cysteine C3H7NO2S Serine C3H7NO3
Glycine C2H5NO2 Tyrosine C9H11NO3
Glutamine C5H10N2O3 Threonine C4H9NO3
Histidine C6H9N3O2 Tryptophan C11H12N2O2
Isoleucine C6H13NO2 Valine C5H11NO2

Amaloota waliigalaa dhangaggeewwan aminoo

gulaali
  1. Qabxii baqinaa fi danfinnaa baay’ee ol’aanaa qabu
  2. Dhangaggeewwan aminoo wantoota jajjaboo baalcii adii dha.
  3. Dhandhamni  dhangaggeewwan aminoo muraasni mi’aawaa,dhandhama maleessa fi hadhaa’oo dha.
  4. Dhangaggeewwan aminoo baay’een isaanii bishaan keessatti kan bulbulaman yoo ta’u, bulbula orgaanikii keessatti kan hin bulbulamne dha

Dhangaggeewwan aminoo 20 keessaa qaamni keenya salphaatti muraasa ofuma isaatiin jaaruu danda’a, isaanis Dhangaggeewwan aminoo miti murteessoo  jedhaman. Isaan keessaa alanine, asparagine, arginine, aspartitic acid, glutamic acid, cysteine, glutamine, proline, glycine, serine fi tyrosine kan jedhamanidha.

Kanneen irraa kan hafe Dhangaggeewwan aminoo biroo sagal kan jiran yoo ta’u, isaanis qaamni keenyaan jaaramuu waan hin dandeenyeef baay’ee murteessoodha. Isaanis Dhangaggeewwan aminoo murteessoo kan jedhaman yoo ta’u, isaanis isoleucine, histidine, lysine, leucine, phenylalanine, tryptophan, methionine, threonine fi valine of keessatti qabatu.

Caasaan waliigalaa Dhangaggeewwan aminoo H2NCH RCOOH yoo ta’u, akkas jedhamee barreeffamuu danda’a:

COOH

|

H2N – – C – – H

|

R

Dhangaggeewwan aminoo uumamaan argaman 20 kan jiran yoo ta’u hundi isaanii amala caasaa walfakkaataa qabu – garee amiinoo (-NH3+), garee kaarboksiileetii (-COO-) fi haayidiroojiinii atoomii kaarboonii walfakkaatuun hidhame. Funcaa cinaa isaanii garee R jedhamu keessatti walirraa adda. Tokkoon tokkoon amiinoo asiidii garee adda addaa 4 α- kaarboonii irratti maxxanan qaba.

Gareen 4n kunniin:

  1. Garee amiinoo, .
  2. COOH, .
  3. Atoomii haayidiroojiinii, .
  4. Funcaa cinaa (R).

Dalagaalee Dhangaggeewwan aminoo

gulaali
  1. Dalagaalee Dhangaggeewwan aminoo Murteessoo
  • Phenylalanine sirna narvii fayya qabeessa ta'e eeguu fi humna yaadannoo guddisuuf gargaara.
  • Vaaliiniin guddina maashaalee guddisuu keessatti akka qaama barbaachisaa ta'etti hojjeta.
  • hreonine hojiiwwan sirna ittisa qaamaa guddisuu keessatti gargaara.
  • Tiriiptoofan oomisha vitaamin B3 fi hormoonota seerotooniin keessatti hirmaata. Hormooniin serotonin kun fedhii nyaataa keenya eeguu, hirriba to'achuu fi miira keenya guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba.
  • Isoleucine uumamuu hiemoglobin, xannacha sombaa insuliinii akka walnyaatu kakaasuu fi oksijiinii somba irraa gara kutaalee adda addaa geessu keessatti gahee olaanaa qaba.
  • Methionine wal'aansa dhagaa tiruu, gogaa fayyaa eeguu fi akkasumas weerara baakteeriyaa dhukkuba fidan to'achuu keessatti fayyadama.
  • Liyuusiniin walnyaatinsa pirootiinii fi hormoonota guddinaa guddisuu keessatti hirmaata.
  • Liiziniin uumamuu farra qaamaa, hormoonii fi inzaayimii guddisuu fi guddinaa fi dhaabbii kaalsiyeemii lafee keessatti barbaachisaa dha.
  • Histidine adeemsa inzaayimii hedduu fi walnyaatinsa lubbiyyoo dhiiga diimaa (erythrocytes) fi lubbiyyoo dhiiga adii (leukocytes) lamaan keessatti hirmaata.

2. Dalagaalee Dhangaggeewwan aminoo Miti-Murteessoo

  • Alanine summii qaama keenya keessaa baasuu fi gilukoosii fi Dhangaggeewwan aminoo biroo uumuu keessatti hojjeta.
  • Siistaayiniin akka antioxidant ta’ee qaama keenyaaf dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu ni kenna; kolaajiinii hojjechuuf barbaachisaa dha. Quqquq'aa fi dhifamni gogaa irratti dhiibbaa qaba
  • Glutamine hojii sammuu fayya qabeessa ta’e kan jajjabeessu yoo ta’u, walnyaatinsa asiidota niwuukilii – DNA fi RNA’f barbaachisaa dha.
  • Glycine guddina lubbiyyoo sirrii, fi hojii isaa eeguuf gargaara, akkasumas madaa fayyisuu keessatti gahee olaanaa qaba. Akka niwurootiraansimitaraatti hojjeta.
  • Asiidiin gilutaamiik akka niwurootiraansimitaraatti kan hojjetu yoo ta’u, baay’inaan guddinaa fi hojii sammuu namaa keessatti hirmaata.
  • Arginine walnyaatinsa pirootiinii fi hormoonii guddisuu, tiruu keessatti summii balleessuu, madaa fayyisuu fi sirna ittisa qaamaa fayya qabeessa ta'e eeguuf gargaara.
  • Taayiroosiin hormoonota taayirooyidii -T3 fi T4 oomishuuf gahee olaanaa qaba, gita niwurootiraansimitarootaa fi melaniin, kanneen halluu uumamaa ija, rifeensaafi gogaa keenya keessatti argaman walnyaachisuuf.
  • Seeriin guddina maashaalee guddisuu fi walnyaatinsa pirootiinota sirna ittisa qaamaa keessatti gargaara.
  • Asparagine irra caalaa geejjibaa naayitiroojiinii gara lubbiyyoo qaama keenyaatti, uumamuu piyuurinii fi pirimidiinii walnyaatinsa DNA, guddina sirna narvii fi dandeettii qaama keenyaa fooyyessuu keessatti hirmaata.
  • Asiidiin aspaartiik meetaaboliizimii fi walnyaatinsa Dhangaggeewwan aminoo biroo guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.
  • Pirooliin irra caalaa suphaa tishuuwwan uumamuu kolaajiinii keessatti hirmaata, dallaa ujummoolee dhiigaa akka hin furdannee fi hin jabaanne (arteriosclerosis) fi gogaan haaraa akka haaromfamuu keessatti hirmaata.

Qoodamiinsa pirootiinii

gulaali

Molekuloonni pirootiinii molakiyuulota gurguddoo fi walxaxaa hidda(kirrii) amiinoo asiidota tokkoo fi isaa ol maramaafi dachaafamaan uumamani dha. Tokkoon tokkoon amiinoo asiidii hidhoo koovaaleentiitiin amiinoo asiidii itti aanu waliin walqabsiifama.

Walumaagalatti, isaanis gosa molakiyuulota pirootiinii lama pirootiinota qajjisoo(fibrous) fi pirootiinota kurfoo(globural) dha. Pirootinoonni qajjisoo kan hin bulbulamnee fi dheeraa dha. Pirootinoonni kurfoon bulbulamoo dha. Pirootinoonni qaajjisoofi kurfoo gosa caasaa pirootiinii tokko yookiin afur of keessaa qabaachuu kan danda’an yoo ta’u isaanis caasaa sadarkaa tokkoffaa, lammaffaa, sadaffaa fi kudhaama of keessatti qabatu.

Burqatawwan Kurfoo(Globular proteins)

gulaali

Burqatoonni kurfoon gita pirootiinota caasaa isaanii takashamaa ykn uduudamaa, dunqunqula akkammii sadii qabani dha. Burqatoonni kun adeemsa xiinjiree adda addaa keessatti gahee murteessaa kan qaban yoo ta’u, akka nam'aa, farra qaama alagaa, geejjibaa fi molakiyuulota mallattootti tajaajilu. Pirootinoonni Qaajjisoo irraa adda ta’ee pirootinoonni kurfoo haala walxaxaa ta’een dacha’uun caasaa hidhoo akka hidhoo haayidiroojiinii fi riqicha daayisalfaayidiitii(lam-waalgaayidiitii)n sukkaa'e uumu. Uumamni isaanii bishaan keessatti bulbulamuu kan danda’u yoo ta’u, amiinoo asiidota haayidiroofiilikii pirootiinii irratti argamaniin haala mijeessa, sirna xiinjiree keessatti wal-harkisa molakiyuulaa addaa irratti akka hirmaatan isaan dandeessisa. Fakkeenyonni beekamoo ta’an, seelii dhiiga diimaa keessatti oksijiinii geejjibuuf itti gaafatamummaa kan qabu bureebiluu fi maashaalee keessatti oksijiinii kuusuu keessatti hirmaatu kan dabalatudha. Dalagaalee adda addaa pirootinoonni kurfoo guutummaafi hubamuu dhaba seelii eeguu fi sochiiwwan baayookeemikaalaa barbaachisoo ta’an orgaanizimoota lubbuu qaban keessatti qindeessuu keessatti barbaachisummaa isaanii hubachiisu.

Burqatawwan Qaajjisoo(Ffbrous Protien)

gulaali

Pirootinoonni qaajjisoo gosa pirootiinii boca qallaa dheeraa ykn qaajjisoo ta’ee fi caasaa dibaalaawaa (filamentous) fi baalashee(sheet) fakkaatu uumuudha. Isaanis pirootiinota kurfoo fi sabagaan cinatti, ramaddiiwwan gurguddoo sadan caasaa pirootiinii keessaa tokko. Pirootinoonni qaajjiisoo akkaataa adda addaatiin kan hin sochoonee fi bishaan keessatti kan hin bulbulamne yoo ta’u, gummaa walqabsiisaa, ribuu (tendons), matrices lafee fi qaajjisa(kirri) maashaa uumuun gahee caasaa ykn kuusaa tajaajilu. Pirootiiniin qaajjjisoo baay’inaan argamu kolaajiin yoo ta’u, kunis tishuu walqabsiisaa lafee dugdaa kanneen akka ribuu, morgaa(cartilage) fi lafee keessatti argama. Fakkeenyonni pirootiinota qaajjisoo kanneen biroon burqat-rifeensa (keratin), burqata meenxoo(elastin) fi liilana(fibrin) dha. Pirootinoonni qaajjisoo pirootiinota kurfoo irraa adda kan ta’an bishaan keessatti bulbulamuu isaanii gadi aanaa ta’een dha. Isaanis dibaalaawwan(filaments) pirootiinii dheeraa kan uumuu yoo ta’u, isaanis boca ulee ykn shiboo kan qaban yoo ta’u, sababa funcaa cinaa haayidiroofobiikii molakiyuulii keessaa ba’een akka walitti qabamaatti uumamu. Pirootinoonni qaajjisoo akka pirootiinota kurfoo salphaatti cabuu  dhiisuu barbaadu.

Garaagarummaa Burqata qaajjisoo fi kurfoo

gulaali
Burqata Qaajjisoo
Burqata Kurfoo
gahee
Caasaa – kana jechuun pirootinoonni kun riqicha kennuudhaan boca lubbiyyoo eeguuf gargaaru Dalagaa – kana jechuun pirootinoonni giloobaarii qaama keessatti dalagaa xiinjiraawaa addaa raawwatu jechuudha
Fakkeenya
Koolajiinii, burqat-rifeensa (keratin), burqata meenxoo(elastin) fi liilana(fibrin) Albuumiin, giloobuliinii, histoonii, pirootiinota fudhataa, Waciboota, Farra qaama alagaa, bureebiluu(heemoogiloobiinii), bureemaashaa, insuliinii fi nam'oota
Boca
Dheeraafi qallaa Boca duqunqula
Walfaantii dhangaaggee(asiidii)
Tartiiba amiinoo asiidii uumamaan irra deddeebi’aa dha Tartiiba amiinoo asiidii qindaa'aa miti
Dandamannaa
Wantoota akka jijjiirama ho’aa fi pH irratti miira xiqqaa kan qaban Ho’aa fi pH irratti caalaatti miira qaba
Bulbulamuummaa
bishaan keessatti kan hin bulbulamne Bishaan keessatti kan bulbulamaniidha

Dalagaalee Burqataa

gulaali
  1. Nam'oota(Enzymes): gosa pirootiinii dalagaa walnyaatinsa keemikaalaa qaama lubbu-qabeeyyii keessatti akkasumas warshaalee akka warshaa gogaa keessatti saffisiisuuf gargaaru.
  2. Waciba(Hormone): keemikaalota xannachoota addaatiin uumamaniifi oomishamanii sochii lubbiyyoofi qaamolee murtaa’oo qindeessuufi to’atuudha. Xannachoonnii addaa kun xannachoota ujummoo maleeyyii jedhamuun beekamu.
  3. Farra qaama alagaa(Antibody): pirootinii seelii dhiigaa keessatti argamu ta'ee kan qaamota alagaa alaa gara qaamaatti seenu loluun qaama irraa ttisu dha.
  4. Burqatoota kuusoo (Storage proteins): akka kuusaa molakiyuulota barbaachisoo fi ayoonota sibiilaa ta’ee tajaajila. ferritin ayirenii marimaan, barxaaxxee fi tiruu keessatti kuufama. zein sanyii boqqolloo keessatti amiinoo asiidota kuufata. Casein dhangaggee amiinoofi  jirtii naayitiroojiinii aannan keessatti kuufata. ovalbumin hanqaaquu keessatti dhangaggee amiinoofi jirtii naayitiroojiinii kuufata. maayoogloobiiniin Oksijiinii qaamolee sirna hargansuu keessatti kuufata
  5. Burqata Geejibaa: irra caalaa pirootiinota caasaa sabaga lubbiyyooti. pirootiinota bo'oo, pirootiinota geejjibaa, pirootiinota ujummoo soodiyeem-pootaasiyeemii, ujummoo pirootoonii fi pirootiinota dhiigaa fi dhuyyaa(lymph) keessa jiran tokko tokko of keessatti qabataFaayidaalee

Faayidaalee

gulaali

Pirootinoonni akka madda Dhangaggeewwan aminoo barbaachisoo ta’anitti sirna nyaataa keessatti faayidaa barbaachisaa qabu. Isaanis akka inzaayimii, walnyaatinsa keemikaalaa qaama keessatti uumamuuf si'eesitoota ta’anii fi tishuuwwaniif deeggarsa caasaa ni kennu. Pirootinoonni geejjibaa, deebii ittisa qaamaa,  lubbiyyoo keessattis gahee kan qaban yoo ta’u, baayooteknooloojii fi adeemsa industirii keessattis hojiirra oolmaa qabu.

References

gulaali