Safuu

Safuun hariiroo uumaa fi uumama jidduutti gochoota ta'uu qabaniifi kan ta'uu hin qabne seera adda baasuudha. Safuun, kanneen akka quxisuufi hangafa, ilmaani fi warra, ofiifi nama biraa jidduu kabajni jiraachuu itti ibsamudha. Safuun, yeroo akka cidhaa, Gadaa, ayyaana, lola, nyaataa fi gochoota biroo keessatti seera itti raawwatanidha.

Oromo biratti, safuun kan Waaqaati. Namni safuu cabse: dhukkubsachuun, maraachuun, maseenuun, nagaa dhabuun isa mudata jedhamee amanama. Oromoon wanta qaanyi yoo arge ykn waan Waaqni qofa beeku gaafa gaafatame, "Safuu!" jedha.

Waaqeffannaan akka amanutti, safuun kan dhala namaafi uumamaaf kenname jalqabaa kaaseeti. Waaqni uumama yeroo uume, Safuus wajjiin uume. Dhalli namaas Safuu jalqabaa kanaan buluu eegale; ittiin buluun duubattis fakkeeffannaa Safuu kanaan seera tumatee walis ta’ee, uumama qajeelchuu eegale. [1][2]

Safuun namoota gidduuttis bifoota garagaraatiin ni'ibsama, nihubatamasi. Safuun, jechaan, gochaa ykn meeshaaleetiin walqabsiifamee ibsamuu dandaha. Kunis, akkuma keeyyata lammaffaa oliinii keessaatti jechaan, sochii durba heerumuuf geesse irraa eeggaman keessattiifi uleen Siinqee Haadha Siinqeen alatti qabamuu dhabuun kabajaan walqabatee, durduubessaan(respectively) akka fakkeenyaatti ilaalamuu kan dandahudha. Qorannoo gochaatiinis ta'e qorannoo bal'aatiin, Safuun fakkeenyota babal'inaan gabbatee insamuu nidandaha.

Maqaa kabajaaEdit

Kanas ilaali: Maqaa kabajaa Jimmaa

Safuu Oromoo keessaa tokko maqaa kabajaan nama waamuudha. Maqaa Kabajaan hawaasa Oromoo garagaraa biratti haala adda addaan kennama. Baayyinaan ummata Oromoo Shawaa biratti, namoota ilmoo hinqabne yeroo baay’ee maqaa farda inni yeroo heddu yaabbatuun waamu. Akkasuma, gaafa cidhaa, ganama misirroodhaaf, maqaa kabajaa kennuun ummata Oromoo Jjimmaa biratti baayyinaan beekkamaadha. Gaafa ilmoo horan, maqaa ilmoo irratti hundaa'un maqaan kabajaa haadha fi abbaaf kennama. Gaafa nama guddaa waaman, nama hiriyyaa abbaa sii ta'un adeeroo nama hiriyyaa haadhaa sii ta'un haboo ykn immoo isin jedhu.

Akkasumas, Safuun, maqaa waamuu dhabuudhaan/diduudhaan ibsamuu dandaha. Fknf. haati haadha warraa maqaa abbaa warraa hintala ishii kallattiidhaan waamuu dhabuun Safeeffannaan jiraachuu agarsiisuu dandaha. Kunis, abbaan warraa mucaa argatee, maqaan moggaafameefii, maqicha mogaafameetti, "Abbaa ..." jedhamee hamma waamamu dandahutti jechuudha.

Kanas ilaaliEdit

WabiiEdit

  1. "Safuu". etd.aau.edu.et. 
  2. Edesa.pdf "QAACCESSA SIRNA WAAQEFFANNAAFIFAYYADAMA AFAANII WARRA KALLACHAALLEE: GODINA SHAWAALIXAA AANAA DAANNOO". etd.aau.edu.et. [dead link]