Lafee qabeeyyii

Lafee qabeeyyii ( Afaan ingiliziin:Chordata ) bineensa murna Lafee qabeeyyii jalatti ramadamuu dha. Bineeldonni lafee qabeeyyii bineeldota lafee dugdaa qabaachuun beekamanidha. Bineeldonni lafee qabeyyii iskeleetanii keessoo lafeefi morgaa irraa ijaarame qabu. Sirna narviifi maashaa dagaage, onnee gola adda addaatti qoodameefi qaama hargansuu somba yookiin giilii qabu. Bineeldoonni lafee qabeeyyii gita shanitti qoodamu. Isaanis: Gita Qurxummiilee ,Gita Dagal-haareeyyii ,Gita Munyuuqee ,Gita Allaattiiwaniifi ,Gita Hoosiiftootaa