Qurxummiileen bishaan karaa afaan isaanii fudhuchuun Asaassii (giilii)isaanii keessatti oksjiinii bishaan keessa jiru kara ujummoo dhiigaa isaaniitti fudhachuun kaarbondaayioksaayidii qaama isaanii keessa jiru immoo bishaan waliin gara alaatti dabarsu. Irra jireessi qurxummiilee hanqaaquu buusuun walhoru. Qurxummiin dhalaa hanqaaquu bishaan keessatti buusti. Hanqaaquun kun immoo sanyii kormaa wajjiin bishaan keessatti walfudhatu. Kun immoo Walfudhaannaa sanyii qaamaan alaa jedhama. Qurxummiileen caasaa kolaa(fiinii)jedhamu qabu. Fiiniin bishaan keessatti kallattii haala salphaatti jijjiruuf, yeroo bishaan daakaan madaala qaama isaanii eeguufi saffisa sochii dabaluu yookiin hir’isuuf isaan garagaara. Hoo'inni qaamaa isaanii dhaabbataa miti. Yommuu Hoo'innin naannoo dabalu Hoo'inni qaama isaanii ni dabala, akkasumas yommuu Hoo'innii naannoo hir’atu Hoo'innii qaama isaaniis waliin ni hir’ata. Kanaafuu, Ektootarmoota (dhig-qorroo) jedhamu. Qurxummiileen onnee gola lamatti qoodame (oorikilii(go'aa) tokkoofi veentirikilii(ruurrii onnee ykn Dhoqonnee laataa) tokko) qabu. Fakkeenya qurxummiilee tilaapiyaa, shaarkiifi kan kana fakkaataniidha

Leedsichthys qurxummii lafee qabu kan bade yoo ta'u bara Jurassic keessa jiraachaa ture, akkasumas gosa qurxummii guddaa seenaa keessatti beekamu yoo ta'u, dheerinni isaa tilmaamaan meetira kudha jaha.