Hidhoo ayoonii

Hidhni ayoonii(Ioinic bond) hidhoo atoomota ykn suuddoowwanii elementoota ykn wahiyyoo lamaa gidduutti yeroo kompaawundii ykn simni keemikaalaa uumuun uumamudha . suddoon wahiyyoo tokkoo elektiroonii atoomii elementii biraatiif yeroo arjoomu ykn kennu kompaawundii uumuu sun Hidhoo ayoonii jedhama.

Ionic Bond 1.gif

Fakkeenyaaf, elementoonni soodiyemii (Na) fi kilooriinii (Cl) yeroo walnyaatinsa gaggessan soogidda /Ashaboo Nyaataa uuman, elektirooniin tokko atoomii soodiyemii keessaa gad-dhiifamee/gad-lakkisuun suudichi pozaatiivii ta’ee, kaataayoonii jedhama. Garuu atoomiin kilooriinii elektiroonii waan fudhateef negaatiivii dha. kanaafuu kun immoo anaayoonii jedhama . Amma hidhni ayoonii lamaan gidduu jiru akka maagneetii pozaatiivii fi negaatiivii gidduutti hojjeta; Soogidda dha.