Atamii
Atoomii/Suuddoo/Ruqijoo | ||||
---|---|---|---|---|
![]() | ||||
suudoo heeliyeemii
hurrii gurraachaachi duumessa elektiroonii, fi Qamni gurraacha sarara (10−10 m ykn 100 pm) bakka bu’u. | ||||
Hirmaannaa (Dividends) argachuu | ||||
| ||||
Amaloota | ||||
|
Atoomiin ykn Suuddoon bu’uuraa wanti hundi irraa ijaarameedha. suddowwan ulfaatina fi guddina isaanii irratti hundaa’uun maqaa adda addaa qaban baay’eedha. Gosoonni atoomotaa adda addaa kun ruqoo keemikaalaa jedhamu . Fakkeenyaaf , warqeen gosa sibiilaa gatii guddaa qabu keessaa isa tokko.
Atoomonni(suuddowwan) ijaan hin mul’atan, baay’ee xiqqaadha, garuu guddinni isaanii inni qabatamaan cita-suddoorraa garaagarummaa qaba. Walumaagalatti atoomonni daayameetira naannoo meetira 0.1 hanga 0.5 qabaachuu danda’u.
Yeroo baay’ee atoomonni kophaa isaanii hin argamaan. irra caalaa, atoomiin tokko atoomii kan biraa wajjin walitti hidhamuun qaama molakiyuulii(kutaanga) jedhamu uuma. Fakkeenyaaf, atoomonni haayidiroojiinii lamaa fi oksijiinii tokko walitti makamuun molakiyuulii bishaanii uumu.
Atoomonni mataan isaanii ruqoolee xixiqqoo 3 irraa ijaaramaniiru. Isaanis Ruqoolee Cita-suddoo(sub-Atomic Particle) jehamuu cita-suddoo kan jedhuun elektiroonota, pirootonii fi niwutiroonii . Pirootonoonni fi niwutiroonni wiirtuu atoomii tokkoo keessatti yeroo walitti qabaman niwukilasii atoomichaa uumu. Elektiroononni ammoo niwukilasii kana bifa duumessaatiin marsu. Elektiroononni niwukilasii keessa naanna’us, humni elektiromaagneetikii akka isaan niwukilasii keessaa hin miliqneef bakka isaaniitti qabata.
Lakkoofsi pirootonoota, niwutiroonii fi elektiroonota atoomii tokko keessatti argaman hanga atoomii sanaa murteessa. Fakkeenyaaf, atoomiin tokko pirootoonii 1, niwutiroonii 0 fi elektiroonii 1 yoo qabaate haayidiroojiinii ta'a, pirootonii 16, niwutiroonii 16 fi elektiroonii 16 yoo qabaate garuu salfarii(Waalgaa) ta’a.
Atoomonni osoo walitti hin bu’in, addaan fagaatan gaazii ykn qilleensa ta’u . Faallaa kanaatiin bakka tokkotti qabamanii socho’uu yeroo danda’an wantoota jajjaboo ta’u.