Falkaalee watootaa
Qindoominni suudoowwan maatarii faalkaalee maatarichaa nimurteessa. Qindoominniifi sochiin suudoowwanii faalkaalee maatarii adda addaa keessatti garaagarummaa qaba. Qindoomina suudoowwan maatarii irratti hundaa’uun maatariin faalkaalee sadiin argama. Isaanis: jajjaboo, dhangala’oofi gaasota. Maatariin faalkaa tokko irraa gara faalkaa birootti jijjiiramuu nidanda’a. Jijjiiramni qindoomina suudoowwanii jijjiirama faalkaalee maatarii nifida.
Falkaalee 4 Bu'uraa
gulaaliJajaboo
gulaaliJajjaboon faalkaalee maatariin ittiin argamu sadan keessaa isa tokkodha. Wantootni bocaafi qabee mataa isaanii qabaniifi sumuugamuu hindandeenye jajjaboo jedhamu. Suudoowwan jajjaboo haalan walitti dhiyaatanii argamu. Kanaafuu, sochiin suudoowwanii jajjabboo keessatti taasifamu baay’ee daangeffamaadha. Fakkeenya; ashaboo nyaataa, shukkaara, mukaafi kan kana fakkaatanidha. Humni harkisaa ruqoolee jajjaboo gidduu jiru cimaa ta’uun isaa jajjaboon bocaafi qabee mata isaanii akka qabatan isaan godheera. Molakiyulootni isaanii humna cimaan waan wal-harkisaniif, baay’ee walitti dhiyaatanii argamu. Kanaafuu, dhiibbaan yoo dabalames jajjaboowwan sumuugamuu hin danda’an.
Jajjaboo Baalcaawaan(Crysta) keessatti, sudoowwan (atoomota, molakiyuulota, ykn ayoonota) yeroo hunda tartiiba qabuun, akkaataa irra deddeebi’ameen kuufamu. Caasaaleen Baalci(kiristaala) adda addaa adda addaa jiru, wanti walfakkaataan caasaa tokkoo ol (ykn marsaa jabaa) qabaachuu danda'a. Fakkeenyaaf, sibiilli caasaa kiyuubii qaama giddugaleessa godhate ho’a 912 gadi ta’e qaba, fi caasaa kiyuubii fuula giddugaleessa godhate 912 fi 1,394 gidduutti . Bubbeen caasaa Baalci beekamaa kudha shan ykn marsaa jajjaboo kudha shan kan qabu yoo ta’u, isaanis teempireecharaa fi dhiibbaa adda addaa irratti argamu.
Dhangala'oo
gulaaliSuudoowwan dhangala’oo hamma tokko wal irraa fagaatanii argamu. Jajjaboo wajjiin walbira qabamee yommuu ilaalamu rukkinni isaanii gadaanadha. Suudoowwan dhangala’oo jidduu iddoo baay’ee xiqqaa ta’e waan jiruuf dhangala’oon jajjaboon yommuu walbira qabamanii ilaalaman hamma tokko ni sumuugamu. Dhangala’oowwan boca murtaawaa hin qaban. Boca meeshaa keessa jiran qabaatu. Fakkeenya; bishaan, aannaniifi kan kana fakkaatanidha. Fakkii 2.6 suudoowwan dhangala’oo agarsiisu ilaali. Fakkii 2.6 Suudoowwan Dhangala’oo Dhangala’oowwan qabee murtaawaa qabu. Suudoowwan dhangala’oo kan gaasii caalaa walitti siqanii waan argamaniif rukkinni dhangala’oo kan gaasotaa nicaala. Dhangala’oon nitamsa’u. Kana jechuun, suudoowwan dhangala’aa tokkoo dhangala’aa isa ollaa jirutti suuta yaa’u. Kanaafuu, tamsa’inni suudoowwan dhangala’oo kan gaasotaatii gadiidha.
Gaazii
gulaaliJajjaboofi dhangala’oo wajjin walbira qabamanii yommuu ilaalaman gaasonni rukkina baay’ee gadaanaa qabu. Suudoowwan isaan irraa uumaman baay’ee addaan faffagaatanii waan argamaniif; nisumuugamu, bilisaan socho’u, niyaa’uu, nibabal’atu, qabeefi boca murtaa’aa mataa isaanii hin qaban. Fakkeenya; haayidiroojiinii, qilleensa, oksijiniifi kan kana
fakkaatan.suudoowwan gaasotaa baayyee wal-irraa fagaatanii argamu. Gaasotni yoo meeshaa keessa jiraatan meeshicha niguutu, meeshaa keessa yoo hinjiraanne garuu gara qilleensaatti yaa’u. Gaasotni saffisaan tamsa’uun iddoo argatan hunda niqabatu. Afuuffee yommuu afuuftu maaltu uumamaa? Qilleensi gara afuuffee afuuftu kun keessa afuuffee hunda niqabata. Sababni isaas suudoowwan gaasii qindoomina sirnaawaa ta’e waan hinqabaneefi. Fakkii 2.8 gaasiin bakka hundaa qabachuu danda’uu isaa agarsiisa.Humni suudoowwan gaasii walitti hidhee jiru baay’ee dadhabaadha. Suudoowwan isaanii fageenya baay’ee dheeraa ta’e irratti wal-harkisu. Suudoowwan isaanii kan haalan walitti siiqan osoo hintaane gargar kan faca’aniifi sochi sirna dhaabeessa ta’e keessatti argamaniidha. Gaasonni humna laafaan walitti hidhamanii waan argamaniif, sochii daangaa hin qabneen kallattii hundaan nitamsa’u. Amala babal’achuufi sumuugamuu ol’aanaa qabu. Suudoowwan gaasotaa humna laafaan waan walitti hidhamanii argamaniif humni alaa yeroo irratti dalagaa’u nisumuugamu. Amalootni maatarii faalkaalee garaagaraa keessatti walfakkaataa miti.
Pilaazmaa
gulaaliPilaasmaan (Giriikii durii irraa πλάσμα (plásma) ‘wanta bocamuu danda’u’)
keessaa tokko yoo ta’u, walnyaatinsa ayoonota yookiin elektiroonota kamiyyuu keessatti kutaan guddaan sudoo chaarjii qaban jiraachuudhaan kan beekamudha. Innis bifa wanta idilee uumama cufa keessatti baay'inaan argamu yoo ta'u, irra caalaa Aduu dabalatee urjiilee wajjin kan walqabatudha.