Tijjaani Abagojam Abanano Ali Turee, Tijaani Abagojam Abanano jedhaama

Naannoo Bara 1945 keessa dhalatee harmee isaa adde haadha jamal Abdulee fi Abba isaa Abagojam Abanano irraa dhalatee dhiha oromiyaa godiin jimma anaa Gomma Ganda Booreetti dhalatee{{barsiisaa fi leenjisas Saiyaa‎| | Maqaa = Jamal Alii naannoo | File = | Ogummaa = Barsiisaa fi leenjisadiddaa garbummaa ummata Oromoo | Biyya =Itoophiyaa | Guyyaa dhalootaa = 1945 | Bakka dhalootaa = Jimma, Gomma, Itoophiyaa | Guyyaa du'aa = Hagayya, 1971 | Bakka du'aa = [Aana Gomma Ganda Bashaasha] Tijanii Abagojam


(1966-1971) :File:Barsiisaa, Barsiisaa sabbonaa Oromoo fi qabsaawa diddaa garbuumaa fi mirga wolqixxumma lalabuun fincila diddaa garbuumaa gaggeesaa ture. Irra caalaa kabajamuu mirga Oromootif falmaa kan ture yoo ta'u qabsoorratti lubbuunsaa dabarte. Barsiisaa Tijjaaniin Abbaagoojjam Lubbun isaa Diddaa garbuumaa irratti darbite.Goota Beekamaa godiina jimmaa Aanaan Gomma biqlchite, nagaan boqadhu

Seenaa Isaa

gulaali

Tijjaanii Abagoojam Abanano bara 1945 dhiha Oromiyaa godina Jimmaa Aanaa Gomma ganda booree jedhamtu keessatti abbaasaa Abagojam Abanano fi harmee isaa haadha Jamaal irraa jedhaman irraa dhalate.


Tijjaaniin barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa Magaalaa Aggarootti barate sadrkaa 2ffaa ammo magaalaa Jimmaatti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii Barsiisottatti xumure. Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Finfinnee seenudhaan barnoota isaa digirii jalqabaa fudhate. Tijjaaniin yunivarsiitii keessatti barattoota fedhii jijjiirama qabanu wolitti sassabuun ijaaree mormii diddaa garbuumaa irratti sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan sirna mootummaa abbaa irree mormuun qabsoo Diddaa garbuumaatti makamanii saba isaaniitiif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaa isaaniif hojjechuu qabanu ergaa hedduu dabarsuun ijaaruun gurmeessaa ture. Naannoo Bara 1966 keessaa Barsiisaa Fi dura bu'aa mana barnoota Kontaa tahuun kibatti ergan , achii deebi'ee mana barumsaa kohee sejjatti durabu'aa fi qindeessa baruuf barsiisuu ta’uudhaan yaroo hojjetu keessa guyyaa guyyaan barattootni akka fincila kaasanuuf kakkasuu eegalee. Itti aansuun sagantaa barsiisuu oframaduun Baratoota Afaan oromootiin barsiisuu eegale , sanaan shakkuun akka inni dirretti bahee kaayyoo mootummaa barsiisuuf gaggeesaa godhanii bobbasan inni waan jibbaa mootummaa abbaa irree qabuu daran jabeessee mootummaa irratti ummata kakkasuu isaa cimsee itti fufee ture.

Qabsoo Keessa Seenuusaa

gulaali

Baroota kana keessatti baay’inni barattoota AfaanOromoo dubbatanuu haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattootaa mana barumsaa sadrka1ffaa jalqabame kun utuu hinturiin gara university olgudatee ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochoosuu eegaleera

Jimmaa fi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘nijjirama diddaa garbuumaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu sochoosuun Tijjaaniin bittaan mootummaa abbaa irree fi bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Warra akka abbaduula Abbajoobir ,namoota Akka badirii fi abdiifaa ijaaruun duula Diddaa garbuumaa waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti sochii gurguddaa kaasuun fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Bara 1967 irraa eegalee goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf tattaaffi guddaa gaggeesaa ture.


Haalli Baaro ofi garee hojjetootaa kanaa namoonni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Tijjaaniin wallaansoo isaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorratti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef kallatti Biraa kan wolargaa jedhu uume. Mul’anni Tijjaanii keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hin kennineef yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisa mootummaa sanaaf goota hinjilbeenfanne ture. Midaa fi Faayidaawwan yeroo sana qabsoo bilisummaa jecha dhowwatame womaa tokkotti hin lakkoofne.

Barboqonnaa hinargatin saroota mootummaa abbaa irree dargiidhaan Lubbun isaa dabarte.

  • seena gooticha Oromoo Tijjaanii Abagoojam Abanano