Afoola
Afoolli ( Afaan Ingiliish: folklore) jecha dhalootaa dhalootatti afaaniin darbaa dhufeedha. Ummatni duudhaa, aadaa, muuxannoo, mudannoo seenaa fi dhimma hawwaasummaa ogummaa bohaarsuu, dubbachuu fi weeddisuun dhaloota dhufuuf kan ittiin dabarsuudha. [1][2]
Faayidaa AfoolaaEdit
Afoollii seenaa, duudhaa, yaadaa fi beekkumsa hawaasaa dhaloota tokkoo isa birootti dabarsuun alatti tajaajila hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni haala yeroo ibsuu, hir'ina jiru qeequu, honnachiisuu, boharsuu, barsiisuu fi miliqsuu dha.[1][3]
Akaakuu AfoolaaEdit
Gosoota afoolaa ummatni Oromoo bal'inaan fayyadamu kanneen armaan gadiiti.