Abubakar Muussaa (? - 1977) waloo, gaazzexeessaa fi qindeessaa yoo ta'u umuriisaa guutuu mirga ummata Oromoof qabsaawun dabarse. Abubakar Muussaa walaloo sirbaa weellistoota hedduudhaf kenneera.

Seena Duuba

gulaali

Abubakar Muussaa bara 1940n keessa Harargee nannoo Oborraa Leelee Gabaa, ganda Alii Arbatti dhalate.

Abubakar Muussaa artistoota Oromoo walitti qabuun namoota Hawwisoo Afran Qalloo ijaaran keessa isa tokko. Hawwisoon Afran Qalloo akka jajjabaatuf yaalii guddaa godhe. Walaloo babbareedaa ta'an barreessun, miseensota cimsuu fi qindeessun Hawwisoo Afran Qalloo waggaa torbaaf tajaajile.

Abubakar Muussaa walaloo Afaan Oromoo barreessee weellistoota baayyef keennaa ture; kanaanis muuziqaan Oromoo akka dagaagu taasise. Walaloowwan inni barreesse keessa tokko kan yaadannoo Hundeef (Ahimad Taqii) barreeffamee fi kan Alii Birraa sirbe kana kaasun nidanda'ama: 

Yaa Hundee bareedaa 

Yaa fiinxee miidhagaa 
Azaala jannataa 

Mayra bishaan lagaa

Walaloowwan sirbaa Abubakar Muussaa weellistoonni hedduun kan sirban yoo ta'u kana keessaa muraasa kaasuf Alii Birraa fi Abdii Buuh kaasun nidanda'ama. Walaloowwan Alii sirbee fi ummatta biratti baayyee jaalatamaa ta'an keessaa: 

Kobaa koo na dhiiftee ati deemuf kaanan 
Dubbachuun dadhabee ati naan dubbannaan 

Sin barbaada hogguu gadi hinteenye takkaa 
Baallama naa qabi essatin si argaa 

Hinyaadini hinyaadini yaadni namaan badaa 
Maal akkana yaaddaa 

Amma lelee lelee

Walaloosaa kan biraa beekkamaan tokkoo fi kan Wagaayoo Nigaatu sirbe:

Hammaarressi hincabuu numa micciirramaa 
Garaan ilma namaa torba jijjiirramaa 

Erga mootummaan Hawwisoo Afran Qalloo dhorkee booda, Abubakar Muussaa Raadiyoo Hararitti mindeeffamee hojjachuu jalqabe. Raadiyoo Hararitii, namoota akka Shawaaluul Mangistuu, Abdii Qophee (Abdii Muhammad), Muhammad Qophee(Muhammad Ahmad) faa wajjin sagantaa Afaan Oromoorratti mindeeffamee hojjachaa ture.

Adoolessa 12, 1969 (ALH), Abubakar Muussaa yeroo inni oduu dubbisee buufata raadiyootii ba'u, hidhattoonni Dargii karaarratti eeganii itti dhukaasanii ajjeesan. Namoota reeffa isaa kaasuf dhufan akka hinkaafne dhorkanii reeffi isaa ala san bule. Waan nama gaddisiisu, alkan san reeffasaa waraabessi nyaachaa bule. Ganama san lafee miilaa, mataa fi harka qofa arganii awwaalan.

  • Muhaammad Sayid, Seenaa fi Qabsoo Oromootaa, maxxansaaa 3ffaa, 2015