Yaaya jechuun qo’annoo sababeeffannaa jechuudha. Yaayan ykn sabababbeffannaan ykn Qabatameeffannan damee beekumsaa hundaaf barbaachisaa ta’us, irra caalaa damee falaasama, herregaa, fi saayinsii kompiitaraa irratti qoratama. Qabatameeffannaa bifa waliigalaa falmii, bifa falmii kamtu sirrii akka ta’ee fi kamtu dogoggora akka ta’e qorata. Dirree falaasama keessatti xiinsammuu qorannoo xinbeekumsa jalatti ramadama . Kunis kutaa "Beekumsa keenya akkamitti beekna?" Gaaffii jedhu deebisuuf yaala. Herrega keessatti "qorannoo walqabsiisaa mirkanaa'e" jedhamuun beekama.

Aristotle
Aristootil (Dh.K.D 384 - Dh.K.D 322)

Yaayaan(logic) dhala namaa wajjin waliin jiraatus, falaasamaan Giriikii Aristootil Yaaya akka barnoota of danda’eetti banuun isaa galata guddaa qaba. Isa booda falaasamaan Morookoo jaarraa 12ffaa Avoroz Amknyo "meeshaa dhugaa fi soba adda baasuu" jedhee hiike (2). Kaan immoo sababaaf hiika adda addaa kennu. Fakkeenyaaf, Riichaard Waatliin Yaaya "aartii fi saayinsii sababeeffannaa" jechuun hiika. Akkasumas, Frege Jarmanii "Yaayan saayinsii qo'annoo seera hunda caalaa waliigalaa ti" jedheera.