Xalayaan ergaa barreeffamaan nama tokko irraa kabiraatti dabarsuun karaa itti walquunnamani. Xalayaan kan dubbisaa isaatiif salphaatti hubatamu, ergaa barreessaa qaama barbaadameen kan gahuufi dhimma barreeffameef sana ifa ta’ee kan raawwatu ta’uu qaba. Xalayaa fayyadamuun yaada, ajaja, oduu, fedhii, hawwii, gaddaa fi gammachuu ittiin dabarsu.[1]

Gosoota xalayaa gulaali

Xalayaan kan matayyaafi kan waajjiraa ta'uu danda'a. Xalayaa matayyaa kan firri firaaf, maatiin maatiif, hiriyaan hiriyaaf haala dhuunfaa ofii fageenyaafi dhiyeenya, bakkaafi yeroo irratti hundaa’uun ittiin walquunnamaniidha. Xalayaan waajjiraalee immoo kan dhimma adda addaatiif waajjirri waajjiraaf, waajjirri tokko nama dhuunfaaf yookaan namni dhuunfaan tokko waajjira tokkoof kan barreessuudha.

Kutaalee xalayaa gulaali

Wantootni ijoo xalayaa keessatti argamuu qaban teessoo, nagaa gaaffii, keeyyata seensaa, qaamaa xalayaa fi xummura xalayaati.   

Teessoo gulaali

Teessoon xalayaalee kan barreeffamu gidduu seensaatti. Maqaan namticha ykn dhaabicha ergamuuf barraawa. Yoo namticha barreessituuf hin beekne iddoo ykn argoo isaan qabaniin barreessuu. Fkn. Itti Gaafatamaa Buufata poolisii.

Nagaa gaffii gulaali

Kutaan kun iddoo ittii kabajamaa ykn kabajamtuu ebeluu jenne eegalluudha.

Keeyyata seensaa gulaali

Keeyyataa kana jalatti waan xalayaan barreeffamuuf bakka ittii ibsimuudha ykn dhimma barreessinuuf bakka itti kaafnuudha.

Xalay xalayaa gulaali

Kutaan kun seensa xalayaa irratti hundaa’uudhaan kan bal’achaa dhufuudha.

Xummura xalayaa gulaali

Bakka kanatti waan jechuu barbaaddu mara bakka itti xummurruudha. Fkn. jaalalee to ykn koo, Obboleessa koo ykn Obboleetti to, Harmeeto, Abbaa koo  jette xummuruu niidandessa.

Kanas ilaali gulaali

Wabii gulaali

  1. "QAACCESSA UNKAAFI QABIYYEE XALAYAALEE WAAJJIRAALEE MOOTUMMAA". aau.edu.et.