Walaloo
Walaloon damee ogbarruu keessaa kan bo’oofi, ceesiisaan tolfamee qooqa miidhaginaaniifi yeedalloodhaan dhiyaatudha. Walaloo keessatti qooqa, suureessuu, malleen dubbii fi jechoota fayyadamuun hiikkaa gabbata dabarsu. Walaloo yeroo baay'ee xiyyeeffannoo gaafachuun jalqabu. Akka fakkeenya arman gadii kanatti jalqaba.
Jijjiirama malee faarsinaan biyyummaa
Dugdatti fe'atu rasaasa hiyyummaa
Abjuudhaan sirbanii falaasama tiksaa
Dirree sammuu goolu gola yaadaa jiksaa
Bara durii
gulaaliSooqiraaxas akka jedhuutti, uunkaa dhugaa waantoota naannoo keenyaafi guutuu adduunyaarratti argaman walaloon akkeessa. Filaaxoos immoo walaloon madaala hamilee biyyaa fi namootaa bakka warraaqsa, kufaatii hamiilee biyyas ta’u namarraan ga’a. Kanaafuu, waloon addunyaa dhugaa keessa seenuu hinqabu jechuun barreessee falmaa ture. Aristootil walaloon suga miira namaatii fayyina fida, soda fi gadda nama keessa jiru daddamaqsuun nama keessaa mancaasee fayyina namaaf kenna jechuun kaa’a.
Amaloota Walaloo
gulaaliWalaloon qabatamaadha. Addunyaa dhugarratti hundaa’ee walaloon ilaalchaafi yaada isaa kan itti ibsatuufi dhimma qabatee ka’e sana dubbisaaf kan dhiyyeessuu wantoota qabatamoo ta’anitti fayyadamuudhani. Walaloon fakkii uumuu yoo jedhamuu jechi ittin dhiyaate sammuu dubbisaa keessaatti fakkii uumuu danda'uu isaa jechuudha. Walaloon filannoo jechaa fi yaadaa gaafata. Jechoota babbareedaafi yaada haala gaariin dabarsuuf jechoota humna qabaniitti tajajlamuu. Qusannoon kan maddu yaadnii iddo tokotti kuufamee dhiyaachuu isaa irra kan ka’e. Walaloon qooqaan kan dhiyaatu waan ta’eef yeedalloo qaba. Miira keenya hunda irraa gurratti dhiiyeenya ta’ee kan yeedalloon dhagahamu kun kan nama gaddisiisuu, gammachiisu, kakaasuu fi dhiphisiisu ta’uu mala.