Tarree Hiibboo Oromoo
hibbo
Tarreen kun hiibboo bebekkamoo ummata Oromoo keessaa muraasa qaba.
Hiibboo | Deebii |
---|---|
Ari’anii hin qaban utaalanii hin dhaaban | Gaadidduu |
Soba dhugaa fakkaatu | Abjuu |
Abbaan bokkuu marmaratee rafe | Boqqoolloo |
Fannisan fannoo hin qabduu teesisan teesson hin qabdu | killee |
Guyyaa bakka feete ooltee galgala hanxaxiin cufatti | ija |
Funyaan qabdii furrii hin baafattu | Baaqelaa |
Hojii waaqaa mukti buuphaa buuse | Jirbii |
Bixxilleen lamaan tabbatti hirkatte | gurra |
Hoolaan gurraachi abbaan koo naaf qale dhiiga hin qabu | mixii |
Ilmoon haadha keessaa baatee haadha dhiitti | kibriitii |
Funyaan qabdii hin haxxifattu | Shumburaa |
Qamadii garaa jalaa bokkaan hin tuqu | Harma sa’aa |
Bakka qottiyyoo diimaan ciise margi hin margu | ibidda |
Osoon kolfuun gubadhe | Akaayii/Akaawwii |
Loon baay’ee keessaa kormaa tokko qofa | Addeessa |
Shaa jettii shanbaa jettii harkaan nan tuqin jettii | Doobbii |
Ilkaan hin qabduu dheedhii nyaachuu hin dadhabdu | Hindaaqqoo |
Osoo boossuu kofaltii osoo haatuu mar’atti | Majii |
Gabaabaa qalbii dheeraa | Hindaaqqoo |
Dheeraa qalbii gabaabaa | Farda |
Mana hin qabduu nyaata hin dhabdu | Tafkii |
Loon hin qabduu ni elmiti | Silmii |
Hamma majii geessii biyya waliin geessi | Aduu |
Bifaan gurraattii amalaan giiftii | Eelee |
Hin dhiqattu hin dibattu ni bareeddi | Hiddii |
Ganama argee guyyaa dhabe | Fiixensa |
Lafarra kaattii saree fakkaatti | Sardiidoo |
Jiraa du’aa baatu du’aa jiraa baatu | Fardaafi kooraa |
Yoo bahu mana ilaalaa yoo galu ala ilaala | Gaafa re’ee |
Ani asin kaa’ee maaltu achirra sikaa’e | dabaaqula |
Ani silaalaa ati waaqa ilaalta | eegee re’ee |
Arraba hin qabuu daaraafi awwaara arraaba | Qilleensa |
Yoo nyaatu ni fayyaa yoo dhugu ni du’a | ibidda |
Balbala cufattee sirbiti | ittoo |
Sangaa gurraachi bosona keessa deema | injiraan |
Baala fakkaataa waaqarra kaata | Billaacha |
Foon diimaa mataatti baata ofii hin nyaatu namaaf hin laatu | Lukkuu kormaa |
Jaarsa gabaabaa bareedaa kan afaan areedaa | Boqqolloo |
Adii dhalaa gurraacha horsiifata diimaa guddifata | Barbaree |
Haati lafa dhiittii ilmoon haadha dhiitti | Mooyyee fi bolotaa |
Ilmoon ni deemna ni deemna jettii haati ni teenya jettii | dhagaa daakuu |
Gabaa hin dhaqxuu dhadhaa hin dhabdu | Boraatii |
Ganama hiyyeessaa galgala dureessa | Mooraa loonii |
Godoo gamaa balballi ishee lama | Funyaan |
Ani lafan si kaa’e maaltu waaqa irra si baase | Bishingaa |
Asuma taa’ee walitti qabe | Yaada |
Abbaas hin fakkaatu haadhas hin fakkaatu | Gaangee |
Akka ayyaana keenyaa halaala irra teenya | Harma |
Yoo ergan ni fagaatti yoo waaman ni dhiyaatti | Bilbila |
Lafee hin qabuu ija hin dhabu | Biddeena |
Karaarra teessee qullubbii qollaati | Gufuu |
Asii fiigee gunbii diige | Hantuuta |
Afur taatee boolla tokkotti fincoofti | Mucha sa’aa |
Abbaa garbee iyyaa darbe | Waraabessa |
Isuma tumuu isumaan qabuu | Sibiila |
Akaayyii ishee hin nyaatanii gaaddisa ishee hin taa’ani | Xaafii |
Bifaan wal fakkaatti hojiidhaan wal caalti | Kanniisa |
Tokko ganama jibba Tokko gagala jibba Tokko ganna jibba | nama liqiin irra jiru, ka niitiin qoccoltu, kan manni dhimmisu |
Fuuldura mootii teessee fincoofti | Jabanaa |
Bisingaa gaara irraa gadi jige | Eegee sa’aa |
Uleen abbaan koo naaf kenne hin cabduus hin dabduus | Maqaa |
Ani ergaan dhaqaa ati eessa dhaqxa | Gaaddidduu |
Luka Afur qaba garuu laga hin cee’u | Siree/teessoo |
Kaballaan dhahee Albaase | Gingilchaa |
Ooyiruu guddaa baaqelaa facaase | Waaqaf urjii |
Bakka saani gurraachi ka’e adiin ciise | Daaraa |
Sabbata aayyoo maree mareen dadhabe | Karaa |
Yoo loo’u akka bofaa, yoo taa’u akka dhagaa | Dabaaqulaa |
Wajjumaan nyaannaa maaf huqqata | Fal’aana |
Abbaan gabaabaan lafa jala fiiga | Maarashaa |
Gamaanis gaara gamanaanis gaara keessi fardaan magaala | Marqaa |
Calaq calaqqisee meetii sodaachise | Bakakkaa |
Muree muree manarra tuule | Citaa |
Jabbii jabbii hootu | Furriifi quba harkaa |
Sangaan gaafa dalgee bookkisaa gadi darbe | Xiyyaara |
Qotiyyoon abbaa kiyyaa eegee qaban malee hin qottu | Maqasii |
Sulula qal’oo araddaa bal’oo | Qoonqoo |
Ejersa jigoo bo’oo kanniisaa | Numa du’e |
Namichi daboo kadhatee warri daboo deebi’ee, inni achumatti hafe | Reeffa |
Ulee awwaalarraa bareeddeef hin muratan | Obboleettii |
Obboleettii gabaabduu qaqqabdee hin dhungattu | irree |
Boollatti galti yaa shurrubbaa ishee | Xaddee |
Mucaan koo shaalee shaalee gara waaqaatti ol erge | Gaagura |
Fayyaan du’aa dhalaa du’aan fayyaa dhala | Lukkuu,buuphaa,cuucii |
Balluxee fi qalluxeen wal qabattee wal huute | Qacceefi muka |
Karaan gibee naannoo naannoo | Gundoo |
Fardeen laga wancii mudhii qaqallatti | Goondoo |
Dukkanni gumbii guute | Nuugii |
Bishaan Buutu xabuluq hin jettuu daggala seentu shokok hin jettu | Lilmoo |
Osoon kaadhuun wanta adii gatee darbe | Hancufa |
Shaa jedhe hin dhangala’u | Eegee fardaa |
Afaan banatee nama ilaala | Hubboo |
Ulee gantuu mataan gadi jedhe | Ookkoo |
Bakkalcha fakkaatti lapheerra kaatti | Amartii |
Ni deemaa ni deemaa hin dhaabbatu | bishaan |
Yoo tuqan ni boo’a | Adaamii |
Hiriyoonni lamaan wal fakkaatuu waliin deemu | kophee |
Kophaa deemtii hin sodaattu | Biiftuu |
Ganama luka afur, guyyaa luka lama, galgala luka sadi | Daa’ima,Dargaggeessa,Jaarsa |
Ija waliin dhalattee osoo hin laalin duute | Biddeena |
Laga bu’een ulee qajeelaa dhabe | Lafee cinaachaa |
Guutan hin ulfaattu | yeroo/sa’aatii |
Hamma fudhattu gadhiisaa deemti | Tarkaanfii miilaa |
Yoo haadduun murtees godaannisa hin qabu | Bishaan |
Kan ol-deemu tasa kan gadi hin deebifamne | umurii |
Gamana taa’ee gamatti waraane | ija |
Aayyoo baruxeen karaatti duute | Qaanqee |
Kittaa buufattee waajjira seentee | Muuzii |
Ani anuma hin nyaadhuu hin dhugu | suuraa |
Hinuman si dhiqa maaf daalachoofta | Qodaa bukoo |
Obboon bulukkoo uffatee rafe | Dibaa abiddaa |
Ejersa dabe falli hin deebisu | Gaafa hoolaa |
Mataa filattee gabaa baate | Suufii |
Lafa keessaa lafa abaaramaa | Boolla |
Re’een maraatte abdola afuufti | Buufaa tumtuu |
Morma qabdi mataa hin qabdu | Buqqee |
Hibakka bookkise dallaatti si rakkise | Bubbee |
Ulee qal’oo qabatee farda sadi yaabbate | Distii/Marqaa |
Haati nama ilaalti ilmoon nama nyaatti | Rasaasa |
Ganama kaatee lafa arraabdi | Hartuu |
Dura Diigamee booda ijaarama | kaarra loonii |
Abbaan eeboo dhibbaa laga keessaa sirba | Meexxii |
Galgala faca’u galgala dhabamu | Urjii |
Gaaraa gugatee daaraa uffate | Qoraan |
Ollaa walii ta’anii wal hin argan | Ija |
Kan bu’ee hin banne kan hattuun hin hanne | Beekumsa |
Fardeen gamaa dhuftu luugamni hin deebisu | Hoqqisaa |
Burqaa gaaraa balballi saddeeti | Mucha/Harma saree |
Muka diimaa diimate jedhanii bira hin darban | Harbuu |
Akka bofaa loo’aa addunyaa hundaa mo’aa | Hirriiba |
Tokko ni deemna jedha, Tokko ni dhaabbanna jedha, Tokko ni teenya jedha | Bishaan, Muka, Dhagaa |
Hiddi isaa lafa lixee ijji isaa nama fixe | Qaaraa |
Ninyaata hin dhugu | Daana’oo |
Gaara guddaa jala re’een adiin cicciiste | ilkaan |
Bixxilleen aayyoo jilbarratti hin cabu | Missira |
Mana ijaaree karaa isaa wallaale | Tuulaa midhaanii |
Maree sirra taa’e | Gogaa |
Damee qabdii hin yaabbatamtu ija qabdii hin nyaatamtu | Hiddii |
Yoo dhalu nama dheessa erga dhale ilma dheessa | Namaa fi Udaan |