Footoseenteesisii ykn Jaarifni adeemsa ofsooroon ykn qopheesitootni ifaa anniisaa ifaa gara anniisaa keemikaalaatti jijjiiran yoo ta’u, boodarra sochii lubbiyyoo boba’aa ta’uuf itti fayyadama. Jaariftini adeemsa  kilooropilaastoota keessatti karaa biflee(pigment) jarifaawoo kanneen akka magariisee(chlorophyll) a, magariisee(chlorophyll) b, micceetiiniin(carotene) fi keellomsoon(xanthophyll) raawwatamuudha. Biqiltoonni magariisaa hundii fi qopheesitootni(autotrophs) muraasni biroo jaariftina fayyadamuun kaarboon daayi’oksaayidii, bishaanii fi ifa aduu irraa soorata oomishu. Bu’aan cinaa adeemsa jaarifinaa oksijiinii dha.jariftini biqiltoota magariisaa malees mijirtiiwwan biroo irrattis ni hojjeta. Isaan keessaa pirookaariyoota hedduu kanneen akka saayinoobaakteeriyaa, baakteeriyaa sidisaa(purple) fi baakteeriyaa waalgaa magariisaa of keessatti qabatu. Orgaanizimoonni kun akkuma biqiltoota magariisaa jariftina gaggeessu.Glukoosiin yeroo jariftina uumamu sana booda sochii lubbiyyoo adda addaaf akka boba’aatti tajaajila. Bu’aan cinaa adeemsa fiiziyoo-keemikaalaa kanaa oksijiinii dha.

Suuraan qophifaa biqiltoota keessatti. Kaarbohaayidiraayitoonni oomishaman biqiltuu keessatti kan kuufaman yookaan kan itti fayyadamanidha.

jariftini saaphaphuu keessattis anniisaa aduu gara anniisaa keemikaalaatti jijjiiruuf itti fayyada. Oksijiiniin akka oomisha cinaa tokkootti kan gadilakkifamu ta’u yoo ta’u, ifni adeemsa jariftina xumuruuf akka waan guddaatti ilaalama.

jariftini kan uumamu biqiltoonni anniisaa ifaatti fayyadamuun kaarboon daayi’oksaayidii fi bishaan gara gilukoosii fi oksijiiniitti yeroo jijjiiran dha. Baaloonni isaanii caamerqoota lubbiyyoo shifargaawoo ta’an kanneen caasmagarroo(chloroplast) jedhamuun beekaman of keessaa qabu.

Tokkoon tokkoon kilooroopilaastii halluu magariisa qabu kan magariisee jedhamu of keessaa qaba. Anniisaa ifa molakiyuulota kiloorofiiliin kan xuuxamu yoo ta’u, kaarboon daayi’oksaayidii fi oksijiiniin ammoo karaa qola xixiqqoo istoomaataa kanneen Iryandii(epidemis) baala keessatti argamaniin seenu.

Bu’aan cinaa jariftina kan biraan sukkaara akka gilukoosii fi firuktoosii ti.

Sukkaaroonni kunniin booda gara jirma, hidda, baala, firii, daraaraa fi sanyiitti ergamu. Kana jechuun sukkaaroonni kun biqiltoonni akka madda anniisaatti kan itti fayyadaman yoo ta’u, kunis akka guddatan isaan gargaara. Sana booda molakiyuulonni sukkaara kun walitti makamuun kaarboohayidireetii walxaxaa ta’e kan akka seeloosaafi istaarjii uumu. Seeluloosiin akka meeshaa caasaa dallaa lubbiyyoo biqiltootaa keessatti fayyadamutti ilaalama.

Wantoota jariftina irratti dhiibbaa geessisan gulaali

Adeemsi jariftina wantoota hedduu barbaada kanneen akka:

Cimina Ifa: Ciminni ifa dabaluudhaan saffisa footosinteesisii ol’aanaa ta’e argamsiisa. Gama biraatiin, ciminni ifa gadi aanaa ta’e saffisa jariftina gadi aanaa ta’e argamsiisa.

Cuqa'insa CO2: cuqooma kaarboon daayi’oksaayidii ol’aanaa ta’e saffisa jariftina guddisuuf gargaara. Yeroo baayyee, kaarboon daayi’oksaayidiin 300 – 400 PPM gidduutti argamu jariftinadhaaf gahaadha.

Teempireechara: Raawwii jariftina gahumsaan akka raawwatamuuf, ho’a 25° hanga 35° C gidduutti qabaachuun barbaachisaa dha.

Bishaan: Bishaan jariftina keessatti waan barbaachisaa waan ta’eef, hanqinni isaa kaarboon daayi’oksaayidii fudhachuu irratti rakkoo fiduu danda’a. Hanqinni bishaanii hamma bishaan keessa isaanii kuufaman qabachuuf banama urbeensaawaa akka didan taasisa.

Faalama: Faalama industirii fi xixiqqoo biroo baala irratti qubachuu danda’u. Kunis qaawa urbeensa(istoomaataa) cufuu danda’a kunis kaarboon daayi’oksaayidii fudhachuun rakkisaa ta’a.

Adeemsa jaariftina gulaali

File:Caasmagarroo kilooroopilaastii.png
# sabaga keessoo # iddoo sabagidduu # sabaga alaa # istiroomaa # taalaakooyidii # laameellaa

Sadarkaa lubbiyyoo irratti adeemsi jaariftina caameerqoota lubbiyyoo caasmagarroo jedhaman keessatti raawwatama. caamerqonni kunniin biflee halluu magariisa qabu kan magariisee jedhamu kan qaban yoo ta’u, kunis halluu magariisa amala baalaf itti gaafatamummaa qaba.Adeemsa jaariftina keessatti kaarboon daayi’oksaayidiin karaa istoomaataa seena, bishaan rifeensi hiddaan biyyee irraa xuuxamee karaa ujummoo bishaalbuun gara baalaatti geeffama. Kiloorofiiliin anniisaa ifa aduu irraa dhufu xuuxee molakiyuulota bishaanii gara haayidiroojiinii fi oksijiiniitti qooda.Haayidroojiiniin molakiyuulota bishaanii fi kaarboon daayi’oksaayidii qilleensa irraa xuuxamu oomisha gilukoosii keessatti fayyadamu. Kana malees, oksijiiniin akka  karaa baala gara qilleensaatti gadhlakkifama.Gilukoosiin madda nyaataa biqiltootaaf anniisaa guddinaa fi guddinaaf kan kennu yoo ta’u, kan hafe ammoo hidda, baalaa fi firii keessatti kuufamee, boodaaf kuufama.bilfeen qaamolee lubbiyyoo bu’uuraa biroo jaariftina ti. Isaanis molakiyuulota halluu kennan yoo ta’u, ifa dheerina dalgee murtaa’e tokko tokko irratti xuuxanii ifa hin xuuxamne duubatti calaqqisiisu. Biqiltoonni magariisaa hundinuu irra caalaa magariisee a, magariisee b fi karootinooyidii(micceenooyidii) kan of keessaa qaban yoo ta’u isaanis taayilaakooyidii caasmagarroo keessatti argamu. Adda durummaan anniisaa ifaa qabachuuf kan ooludha. Kiloorofiil-a bilfee isa guddaadha.

Adeemsi jaariftina sadarkaa lamatti raawwatama: gulaali

Walnyaatinsa ifa irratti hirkate ykn walnyaatinsa ifa

Walnyaatinsa ifa irraa of danda’e ykn walnyaatinsa dukkanaa

Walnyaatinsa Ifaa gulaali

Wal nyaatinsi ifaa kan geggeeffamu yeroo aduun jiru qofa. Innis, kan geggeeffamu meembireenii taalaakooyidii keessatti. Jalqaba wal nyaatinsa ifaatti kilooroofiiliin annisaa aduu xuuxa. Annisaan xuuxame kunis wal nyaatinsa dukkanaa keessatti fayyadamu

Wal nyaatinsa Dukkanaa gulaali

Wal nyaatinsi kun geggeeffamuuf ifa aduu hin barbaadu. Kanaaf, walnyaatinsa dukkanaa jedhame waamama. Innis, kan geggeeffamu istiroomaa keessatti. Yeroo wal nyaatinsa dukkanaa anniisaa walnyaatinsa ifaa keessatti uumame gargaaramuun kaarboondaayooksaayidii irraa nyaata(gulukoosii) qopheessu. Wal-qixxaatoo wal-nyaatinsaa keemikaalaa jaariftina: