Miciree
Micireen micirjirtii seelhedduu keessatti sadarkaa guddinaa isa jalqabaati. Walqunnamtii saalaa bineeldota keessatti
lubbiyyoo hanqaaquu dubartii irraa argamu lubbiyyoo sanyii kormaa dhiira irraa argamuun erga walhormaata booda jalqaba. Seelonni lamaan yeroo walitti makaman lubbiyyoo tokkicha zaayigootii ykn miciraa jedhamu uumu. Sana booda zaayigootiin lubbiyyoo hedduu blaastoomeerii ykn miciree lubbiyyoo duree jedhamanitti qoodama. Bilaastoomeeroonni kun walitti gurmaa’anii kubbaa jabaa morula jedhamu uumu. Morulaan akkuma guddachaa deemuun dhangala’aa fudhatee bakka qaawwa qabu kan blastocoel ykn keessoo curraa jedhamu uuma.
Hoosiftoota keessatti, blaastoosiistiin osoo dhaaba gadameessaatti hin maxxanin dura haguuggii ittisaa isaa keessaa ba’a. Erga maxxanee booda, miciree guddinaa fi dagaagina isaa sadarkaa adda addaatiin, kanneen akka Macalufooma(gastrulation), uumama ujummoo aarsituu (neurulation) fi Uumama qaamaa (Organogenesis ) dabalatee itti fufa. Miciruffeessuu jechuun yeroo micireewwan baqaana sadii uumuun kutaalee qaamaa adda addaa ta’udha. Ujumribeessuun adeemsa sirna narvii uumuu yoo ta’u, Qamijaaruun ammoo guddina tishuuwwanii fi qaamolee adda addaa qaama keessa jiran hunda ti.
Nama keessatti daa'imni guddachaa jiru ulfa erga ulfooftee gara torban sagalffaatti miciree jedhama. Qabxii sana booda hanga dhalatutti Rimaaya ykn gadaacha (Foetus) jedhama. Lubbu qabeeyyii biroo keessatti jechi "miciree" jedhu sadarkaa guddina jalqabaa kamiyyuu osoo hin dhalatin ykn hin kille keessa hin yaa'in ibsuuf bal'inaan itti fayyadamuun ni danda'ama.
Sadarkaa Guddina Miciree
gulaaliMiciree Neefkaa(Bineeldaa)
gulaaliDagaaginni miciree adeemsa hanqaaquun misoome(zaayigootiin) gara bineeldatti guutumaa guututti itti guddatudha. Sadarkaalee guddina lubbiyyoo, addaan baafamuu fi uumamuu qaamolee qindoomina olaanaa qaban of keessatti qabata. Adeemsa guddina miciree bineensota keessatti sadarkaalee ijoo ta’an armaan gaditti ibsamanii jiru:
Misooma hanqaaquu (fertilization)
gulaaliMisooma hanqaaquu ykn rimaaya jechuun sanyiin kormaa fi hanqaaquu walitti makuun miciraa(zygote) uumuudha. Adeemsi kun lakkoofsa shanyiitii baadirlamee (Diploid chromosome) kan deebisuufi hanqaaquu si'aa'uun dagaaginna akka jalqabu taasisa. Yeroo baayyee hoosistoota keessatti keessoodhaanfi sanyii neefkaa bishaan keessa jiraatan kan akka amfibiyaanii fi qurxummii keessatti misooma hanqaaquu aloo ykn rimaaya aloottu mul’ata.
Daabana(Cleavage)
gulaaliErga rimaayni gaggeeffama booda zaayigootiin hirama hirqixoo (maaytootikii) saffisaa walduraa duubaan kan daabana jedhamu keessa darba. Hiramni kun seelii xixiqqoo blaastoomeerii ykn miciree lubbiyyoo duree jedhaman kan uumuu fi caasaan seelii hedduu qabu kan Micirkurkurruu (morula) jedhamu akka uumamu taasisa. Akkinni(pattern) daabana sanyii gidduutti garaagarummaa qaba, garuu akka waliigalaatti guddina waliigalaa miciree hin dabalu.
- Micirxurbee (Blastula) :- Akkuma daabanni ittifufaa deemuun micireen kubbaa seelii qaawwa qabu kan micirxurbee jedhamu kan uumu yoo ta’u, qaawwa dhangala’aan guutame kan keessoo curraa (blastocoel) jedhamu qaba. Sadarkaan kun xumura daabanaafi jalqaba addaan baafamuu adda ta’e agarsiisa.
Macalufooma(gastrulation)
gulaaliGastrulation adeemsa seelonni blastula irra deebi’anii of qindeessanii baqaanota imii (jarmii) jalqabaa sadii: Coraaloo (ectoderm), Corsontoo (mesoderm) fi Corkeessoo (endoderm) uumuudha. Baqqaannonni kun qaamolee fi tishuuwwan(gummeelee) bineeldichaa hunda ni uumu. Amaloonni ijoo macalufooma kanneen akka:
- Uumama garaacha haadhoo(archenteron).
- Hundeeffama siiqqeewwan qaamaa (fuuldura-duuba, dugda-garaa).
Micireen sadarkaa kanarra jiru macalufee (gastrula) jedhama.
Uumama qaamaa (Organogenesis )
gulaaliUumamni qaamaa sadarkaa baqqaanni imii (germ) gara qaamolee fi tishuu adda ta’anitti adda baafamaniidha. Baqqaannoonii imii sadan arman gadiiti:
- Coraaloo (ectoderm) : Gogaa, sirna aarsituu fi qaamolee miiraa dabalatee baqqaana qaamaa isa alaa uuma.
- Corsontoo (mesoderm) : Gara maashaalee, lafee, sirna marsaa dhiigaa, fi qaamolee keessoo kan akka kaleefi onneetti guddata.
- Corkeessoo (endoderm) : Haguuggii ujummoo bullaa'insa nyaataa, sirna hargansuu, kalee fi xannacha uuma.
Sadarkaa kana keessatti caasaan murteessoo ta’an kan akka ujummoo narvii (kan gara sirna narvii wiirtuutti guddatu) adeemsa niwurooleshinii jedhamutti uuma.
Uumama ujummoo narvii yookan aarsituu (Neurulation)
gulaaliNiwuureeshiniin jalqaba guddina sirna narvii agarsiisa. Gabatee niwuroonii, kan ekstoodaarmii irraa argamu, dacha’ee ujummoo aarsituu uuma. Ujummoon kun dhuma irratti gara sammuu fi duguggurutti guddata. Neurulation adeemsa murteessaa duguggurqabeeyyii hunda keessatti.
Qinnafaawuu(Somitogenesis)
gulaaliQinnafni(somite) kutaa tisuu meesoodarmaalii ykn gummee corsontoo kan ta’an kanneen gama lamaaniinuu Ujummoo narvii irratti uumamanidha. Isaanis caasaa barbaachisoo kanneen akka lafee dugugguru, maashaalee lafee fi gogaa ni uumu. Qoodinsi soomiitii amala ibsituu guddina lafee dugdaati.
Bilchina qaamaa
gulaaliMiciree guddachuu akkuma itti fufeen qaamoleen yeroo uumama qaamaa uumaman bilchaatanii hojii isaanii ni hojjetu. Onneen dha’uu jalqaba, harkaa-milli ni uuma, micireenis bifa nama guddaa qabata. Dhuma sadarkaa kanaatti bineeldichi caasaa isaa gurguddoo guutummaatti guddifateera.
Killee cabsuufi dhalachuu
gulaaliSadarkaan dhumaa guddina micireewwanii yookaan killee cabsuu(sanyii killee buusoo (oviparous) kan akka simbirroota, laflootuu (reptiles), fi jirlamee (amphibians) keessatti) yookaan dhaloota (gosoota dhaloo (viviparous) kan akka hoosistoota keessatti). Yeroo kanatti bineensichi hanqaaquu ykn qaama haadhatiin ala jiraachuu danda’a.
Adeemsoota dabalataa:
gulaaliMuuxa (Apoptosis) :Duuti seelii saganteeffame; miciree bocuu keessatti gahee murteessaa qabu, kan akka seelii quba gidduu jiru dhabamsiisuudhaan dijiitii dhuunfaa uumuu.
Sinina (Induction): Gareen seelotaa tokko hiree seelota dhiyoo jiran irratti dhiibbaa kan geessisu yoo ta’u, tishuuwwan ykn qaamolee adda ta’an akka uumuun isaan qajeelcha.
Akkina (Patterning): Seelonni miciree keessa jiran mallattoo eessa akka jiranii fi gosa tishuu akkamii ta’uu akka qaban isaan qajeelchu argatu.