Orgaanizimootni saalaan wal horan, fertilaayizeeshiinii(misooma hanqaaquu) fi meeyoosiisii(Addaan bahiinsa saalaa/Saalirama)dhaan amaleeffaman. Adeemsii lamaanuu marsaa jireenyaa isaanii keessatti iddoo ta’e tokkootti jiraachuu qabu. Fertilaayizeeshiiniin walmakuu hanqaaquu fi sanyii kormaa, jechuun gaametoota haapiloodii wal-qunnamuudhaan, zaayigootii(Maadhee makaa) daayipilooyidii umudhaaniidha. Adeemsa hirmama maayitoosisiitiin zaayigootiin gara micireettii, micireen immoo gara ga’eesaatti guddachaa deema. Walitti dhufeenyii gaameetoota lakkofsa kiromosomoota zaayigootii umaamu keessatti waan ciimdeessuuf (doubles) marsa jireenya iddoo ta’e tokko keessattii adeemsii deebi’ee walakkaatti isaan kutu qabachuun barbaachisaa dha. Adeemsi kun immoo meeyoosiisiidha.

Meeyoosis keessatti, kiroomozoomoonni dachaa (yeroo interphase ) fi kiroomozoomoonni walfakkaatan yeroo qoqqoodinsa jalqabaa odeeffannoo jeneetikii ( chromosomal crossover ) waljijjiiru, meeyoosis I jedhama. Seelonni intalaa ammas meeyoosii II keessatti qoodamuun kiroomaatiidii obboleettii addaan qooduun gaameetii haploid uumu . Gaameetonni lama yeroo walhormaataa walitti makamu, seelii dippilooyidii ( zaayigootii ) tuuta guutuu kiroomozoomii lama lama ta’e uumu.

Meeyoosiisiin jeermii ykn seeloota saalaa gaggeeffamuu fi lakkoofsi kiromosomoota walakkadhaan hir’isuudhaan amaleeffama. Seelootni ilmoo walakkaa lakkoofsa walii gala kiromosomotaa seelii warra keessa jiruu qabatantu omishamuu. Fakkeenya Seelootnii ilmoo meeyootikii haapilooyidii bu’a (firii) warraa daayipilooyiditti

2N ____ N qofa

46 _____ 23 Uumamni daayiplooyidii immoo kan deebi’uu fertilaayizeeshiniidhaan. Sadarkaan hirmama meeyoosisii baayyee wal-xaxaa fi faayidaa adda kan qabuudha. Wal makuun (recombination) odeeffannoo dhaala sanyi orgaaniziimii adda addaa lama gidduutti raawwatuu akka hirmani kun baayee bu’a qabeessaa fi barbaachiisa ta’ee mirkaneessa. Mallii baayee beekamaan dhaallii sanyii ittiin wal-maku yemmuu feertilaayizeeshinii warrootni lamaan kiromosomoota walitti gummachuudhaan (donation) dhalattootaaf wal-makaa odeeffannoo jeenetiksii kennuudhaani dha. Gabaabumatti adeemsi meeyoosisii fi feertilaayizeeshinii lamaanuu amaloota orgaanizimoota saalaan wal-horaani yemmu ta’an akka wal-duraa boodatti lakkofsa kiromosomsii walakkeessu fi cimdeesuudhaaf gargaaru.