Humniixuu
Fiiziksii keessatti Humniixuun [1](Afaan Ingiliffaatiin: moment) ibsa herregaa kan baayyata humnaa fi fageenya wiirtuu ykn qabxii sadhataa of keessaa qabuudha. Humniixuun yeroo baay’ee qabxii sadhataa ykn birqaba dhaabbataa wajjin walqabatee kan ibsaman yoo ta’u, safartamoolee ykn qaamoolee fiizikaalaa qabxii birqabaa irraa fageenya irratti argaman agarsiisu. Haala kanaan, Humniixuun iddoo ykn qindaa’ina safartamoo bakka bu’a. Fakkeenyaaf, torkiin ykn humnaanneen yeroo baay’ee humniixuu humnaa jedhamee waamamu, bu’aa humna wanta tokko irratti hojjetamee fi fageenya qabxii birqaba irraa gara wanta sanaatti argamuuti. Akka seeraatti, baay’inni fiizikaalaa kamiyyuu fageenyaan baay’isuun humniixuu tokko oomishuuf ni danda’ama. Hammi yeroo baay’ee itti fayyadamnu humnoota, ulfaatinaa fi raabsa chaarjii elektirikii of keessatti qabata.
Unkee
gulaali