Kaarboohayidireeti

(Carbohydrate irra kan qajeele)

Cilbishoonnii mirroowwan jirtii kanneen wahiyyoota akka kaarboonii(cilaayyaa), haaydiroojiinii(bishooftoo)fi oksijiinii(hadhituu) of kessaa qabaniidha.Dhangaalee nyaataa kessaa isa tokko yoo ta'u aniisaa maddisiisuuf gargaara. irra caalaa isaa biqiltoota magariisa irraa arganna. biqillotnii kuniinis kaarboohayidireetii bifa istaarchii kuusaanii qabuu. isaatrichiin karboohayidireetiin kuufame kun adeemsaa jaariftinaa ykn footoseenteesiisiitiin uumamuu. gama biraan ammoo kaarboohyidireetii sucrose(sukkaara nyaataa) irraa argachuun ni danda'ama. kaarboohayidireettin aanissaa 16KJ ta'uu maddisisuu danda'a. kaarboohaaydritoonii caasaalee lubbiyyoo hedduu kan hojjetuudha. fakkenyaaf seeluloosiin cicha lubbiyyoo biqiltootaa fi saaphaphuu hojjechhuf, kaayitiiniin cichaa lubbiyyoo faangasii hojjachuun. Monoomariin(qoodtokkeen) kaarboohaayidireetiin sukaarlameefi sukkaaredduu uumuuf hidha gilaayikoosidii uuma.

Faayidaa Kaarboohayidireetii

gulaali

Annisaa keennuuf Qaama ijaaruuf walqunnamtii lubbiyyoo ala ta’e

Gosoota Kaarboohayidireetii

gulaali

Kaarboohayidireetonni polihaayidirooksii aldehaydii, keetoonota, alkoolii, asiidota, babbaafama isaanii salphaa fi poliimaroota(qoodheddoonni) isaanii walitti hidhamiinsa gosa aseetaalii qabani dha. Akka sadarkaa poliimaarizeeshinii isaaniitti ramadamuu danda’u, akkasumas jalqaba irratti gareewwan gurguddoo sadiitti qoodamuu danda’u, isaanis sukkaartokkee, oliigoosaakaayidii fi poolisaakaayidii dha.

Kaarboohayidireetii nyaataa gurguddoo
Gosoota

(gulantaa qoodheddomsuu)

Kutgosa Components
Sukkara (1–2) sukkartokkee Gulkoosii, gaalaaktoosii(sukkaara xannaalee), firuuktoosii(sukkar-muduraa), zaayiloosii(sukkaara folkaa)
Sukkaarlamee sukaroosii(sukkaara nyaataa), laaktoosii(sukkaara aannanii), maltoosii(sukkaara garbuu), isoomaltolosii, tiraheeloosii
pooliiyoolii Sorbitol, mannitol
Sukkaarbicuu (3–9) Malto-oligosaccharides Maltodextrins
Other oligosaccharides Raffinose, stachyose, fructo-oligosaccharides
sukkaarhedduu (>9) dhamsa(Starch) amiloosii, amiloopeektiin, dhamsa fooyya’e
mit-dhamsa Gilaayikoojiinii, Seeluloosii, Heemiiseeloos, Peektiin, Haayidrokolooyidii

Sukkaar-tokkee

gulaali

Sukkaar-tokkee

gulaali

Sukkaar-tokkeewwan bifa kaarboohayidireetii salphaa yoo ta’an, yeroo baay’ee sukkaara tokkicha jedhamuun waamamu. Isaanis ijaarsa kaarboohayidireetii walxaxaa ta’anii waan ta’aniif gara kompaawundoota salphaa ta’anitti daran haayidiroolaayizii ta’uu hin danda’an. Molekuloonni kun foormulaa bu'uuraa (CH2O)n kan qaban yoo ta'u, "n" atoomota kaarboonii sadii hanga torbaa fi isaa ol gidduutti garaagarummaa qabaachuu danda'a.

tiraayoosii garee sukkaara sukkartokkee keessaa kamiyyuu yoo ta’u, molakiyuulonni isaanii atoomota kaarboonii sadii of keessaa qaban.

teetiroosiin garee sukkaara sukkartokkee keessaa kamiyyuu yoo ta’u, molakiyuulonni isaanii atoomota kaarboonii afuur of keessaa qaban.

peetosisiin garee sukkaara sukkartokkee keessaa kamiyyuu yoo ta’u, molakiyuulonni isaanii atoomota kaarboonii shan of keessaa qaban.

heeksoosii garee sukkaara sukkartokkee keessaa kamiyyuu yoo ta’u, molakiyuulonni isaanii atoomota kaarboonii jaha of keessaa qaban. Fknf:- gulukoosii, furuktoosii, galaaktoosii.

unkeen waligalaa sukkartokkee C6H12O6

Gulukoosii:- Madda anniisaa jalqabaa lubbiyyoo. Yeroo baayyee fuduraalee, damma keessatti kan argamu yoo ta'u, bu'aa meetaabolii(nadheefaa) kaarboohayidireetii ti.

Fructose: Fuduraalee, damma, fi mi’eessitoota adda addaa keessatti argama. Sukkaara uumamaan argamu keessaa isa mi'aawaa dha.

Galaktoosii: Yeroo baayyee gilukoosii waliin akka laktoosii aannaniifi oomishaalee aannani keessatti argamu.

Sukkaar-lamee

gulaali

yemmuu sukaar-tokkeen lama waliitti dabalaman kan uumamuu sukkaar-lamee jedhama.

Falchi waligalaa sukkar-lamee C12H22O11

Fknf