Ameerikaa Kibbaa

Ardii

Ameerikaan Kibbaa ardii addunyaa keessaa tokko yoo ta'u kan argamus wantaa dhihaatti, irra caala mudhii lafaarraa gara kibbaatti. Ameerikana Kibbaa ardii Ameerikaas jedhaman keessaa tokko yoo ta'u, kan guutumaan guutuuti Hemisphere Dhihaatti kan argamu yoo ta'u, kan baayyinaan argamu immo Hemisphere Kibbaatti. Kan dangeffame immo dhihaan Garba Paasifiik, kaaba fi bahaan immo Garba Atilaantiik, kaaba-dhihaan immo Ameerikaa Kaabaa fi Garba Karibiyaanii daangeffamee argama.

Kaartaa addunyaa kan Ameerikaa Kibbaa agarsiisu
Suuraa 3-D Ameerikaa Kibbaa

Maqaan Ameerikaa Kibbaa jedhuu kun kan kennameef bara 1507, kan maqaan kennamef namoota kaartaa kaasan kan ta'an Martin Waldseemüller fi Matthias Ringmann yoo ta'u maqaan kuni immoo kan kennameef maqaa nama Ameeriigoo Vespuuchii jedhamu irraa ka'aniiti, namichi kunis namicha yeroo duraaf lafoonni Ameerikaas kunin Isti Indiis (East Indies) akka hin taane fi addunyaa haaraa namoota Yuurooppiif hin beekkamne akka ta'e namicha ifaa godhedha.

Ameerikaa Kibbaa ballina hanga 17,840,000 isquweer kiilomeetira (6,890,000 isq mi) kan qabdu yoo taatu yookan immo parsenti fuula addunyaa kana 3.5% qabata. Akka bara 2005 baayyinni ummata isaani tilmaaman 371,000,000 caala dha. Ameerikaa Kibbaa ballina lafaan addunyaa keessaa afraffaa irratti kan argamtu yoo taatu kunis Eshiyaa (tokkoffaa), Afrikaa(lammaffaa) fi Ameerikaa Kaabaa (sadaffa) aanteti. Akkasumas bayyina ummattan addunyaa keessaa shanaffa irratti argamti, kunis Eshiyaa (tokkoffa), Afrikaa (lammaffaa), Yuurooppi (sadaffaa) fi Ameerikaa Kaabaa (Afraffaa)tti antetti.


Ardii