Dirree Incinnii

(Xuqur Incinnii irra kan qajeele)

Aanaan Dirree Incinnii aanaalee godina Shawaa Lixaa keessatti argaman keessaa ishee tokkoodha. Magaalaa guddoon aanaa kanaa Incinnii jedhamti. Aanaa dirree incinnii gandoolee baadiyaa 21 fi bulchinsa magaalaa 1 walitti gandoota 22 qabdi.

Argama Aanaa Dirree Incinnii gulaali

Aanaa dirree incinnii karaa bahaa aanaa tokkee kuttayee ,Karaa lixaa aanaa jibaat, karaa kaabaa aanaa tokkee kuttayee fi karaa kibbaa lixaa (aanaa ammayyaa tiin dangeefamttee argamtti. Aanaan dirree incinnii teessoo mootummaa naannoo oromiyaa finfinnee irraa Km 154 teessoo bulchiinsaa godina shawwaa lixaa kan taate amboo irraa daanddii gara wallaggaa geessu gudar irraa gara kibba lixaatti  KM 40 fagaattee argamtti bal inni lafa aanaa kana 152,628 KM2 akka ta’e ragaan ni ibsa.

Teessuma Lafaa gulaali

Aanaan dirree incinnii teessuma adda addaa qabdi kannen keessaa lafa badhee/diriiraa tulluuwwan fi hallayyaa yookaan irraan gadee of keessaa qabdi irra caalaan lafa aanaa kanaa diriiraadha

Haala Qilleensaa gulaali

Aanaan dirree incinnii haala qilleensa jireenyaa ilmaan namaa fi bineensotaaf mijataa ta’e qabdi. Kanas kan taasise bosona uumamaan badhaate qabaachuu isheeti haaluma kanaan haala qilleensa aanaa kanaa  yoo ilaallu dhiibbenttan (90%) baddaa yoo  ta’u kan hafe dhiibbenttan (10%) badda daree dha.

Qabeenya Uumamaa gulaali

Aanaan kun qabeenya uumamaa gosota adda addaatiin  badhaatudha. Kanaafis sababni haala qilleensa ishee  fi rooba yeroo yeroon argachuu isheeti qabeenya uumamaa aanaan kun qabdus kannen armaan gadiiti

Aanaan dirree incinnii  laggeen bonaa fi gannaa yaa’an  hedduu fi aanitti qaxxaamuranii darban  hedduu qabdi. Laggeen kannen keessaa baldhoo ,jaarraa, hanee,hindhee, iyyaasuu,doongoo fi kkf isaan gurguddoodha.

Biyyeen gosa adda addaa aanichaa ni argamu. Biyyeen kunis oomisha qonnaa fi faayidaalee biroof ooluu kan danda’anidha biyyeen aanaa kana keessaatti argamanis  biyyee suphee kan meeshaalee manaa adda addaa  irraa hojjachuuf tajaajilu, biyyee diimaa oomisha midhaanii fi ijaarsaa manatiif kan oolu  biyyee boora miidhagina manaa ykn mana dibuuf kan ooluu cirracha laggeen keessatti mldhatu maqaa dhahuun ni danda’ama.

Dacheen aanaa kanaa harkii hedduun bosonan kan haguugamedha. Bosona bebekamoo aanaa kanaa keessaa muraasni isaanii bosona roggee qarsaa, bosona dabballee ,  bosona doshee bosona gafaree , bosona roggee hilloo, bosonaa faaxoo fo kk f dha. Biqiltuuwwan muka biyya keessaa gosoota adda addaa  kan akka gaattiraa baddaa, birbirsaa , eebicha, ejersaa, laaftoo, shimalaa/leemmana, abbayyii, heexoo, hoomii, qamaxxee fi k k f baay’inaan keessatti argamu

Aanaa kana keessatti bineensonii bosonaa, bineensonni manaa fi simbirroonni hedduu ni argamu kannen keessaa; bineensota bosonaa kannen akka Qeerransaa, Deeroo, Bosonuu ,waraabbessaa , kuruphee ,awwaal-diigessaa, sooyyambiifaa, qamalee, jaldeessaa, weennii,booyyee, jeedala/sardidaa fi k k f kaasuun ni danda’aa

Simbirrota  akaakuu adda addaa kannen akka

·        Quubsaa/ risaa gugee /Bullallaa , quuroo, aa’ee/haadha galatee, culullee, joobira/ruumicha, simbbirroowwan xixiqqoo fi k k f

Bineensota mana kannen akka

v  Horii gaafaa kannen akka loon, re’ee, hoolaa

v  Horii fe’insa/ kottee duudaa/ kannen akka fardaa, gaangee, harree

v  Lukkuu fi kannen biro hedduminaan kan of keessaatti hammate qabdu dha.

Bu'uuraalee Misoomaa gulaali

Aanaan di/ incinnii tajaajila ibsa humna hydro elektrikii sa’aatii 24 tajaajilu kan magaala guddoo aanaa fi gandoota baadiyaa hunda tajaajilu qabdi akkasumas tajaajila bilbila  dijitaalaa fi moobaayilii ni qabdi

Kolleejjii BLTO tokko

Manneen Barnootaa Sadarkaa lammaffaa lamaafi Sadarkaa tokkoffaa 40 ol qabdi

Baay'ina Uummataa gulaali

Baay’inni uummata aanaa di/ incinnii ,akkaataa lakkofsa mana fi namaa bara 1999 E.C (2007 G.C) taasifameen

Kan baadiyaa;- dhi 33,362 dhalaa  33,902 walitti 67,264

Kan magaalaa dhi; 2197 dhalaa 2160    walitti  4357

Waliigalatti; dhi 40559  dhalaa  38062  walitti 78621

Gandoota Aanaa Dirree Incinnii gulaali

Incinnii 01

Arfinjoo Dagaa

Waldoo Hindhee

Hoomii Hanee

Naannoo Jidduu

Roggee Dagaa

Bolaa Garmaamaa

Bolaa Roggee

Bolaa Dammaqaa

Qorroo Qarsaa

Tokkee Lamaan

Tokkee Abuyyee

Gaamoo Gamballaa

Biloo Abbayyii

Muunyoo Basharuu

Buuyyamaa Qochoree

Buyyamaa Mijuu

Buuyyamaa Daalfoo

Buuyyamaa Dabballee

Buuyyamaa Roggee

Ajoo Qarsaa

Ajoo Qarsaa Bilii

Bakkeewwan Hawwata Tuurizimii Aanaa Dirree Incinnii gulaali

ü  Bosona dabballee

ü  Tulluu roggee

ü  Bishaan ho’aa/xabala carrifattuu

ü  Finca’aa carrifatuu

ü  Finca’aa shaboo

ü  Holqa gumbbii

ü  Calalaqa doonjoo

ü  Finca’aa harrii

ü  Finca’aa dammaqaa

Bakkeewwan Ardaa Jilaa Aanaa Dirree Incinnii gulaali

§  Laafttoo sham’aloo/laafttoo yaa’ii

§  Bakka bobbaa jabbii-

§  Fooqa re’ootaa(bakka jaha /6)

§  Fooqa dullachaa fi kormaa(bakka afur/4)

§  Fooqaa diriirii

§  Laaftto faachaa/mirgaa

§  Bakka dagaagaan ittii qalamu

§  Fooqa dhankakaa

§  Bakka marga itti suuqatan

§  Laftoo komisaa

§  Irrenfata/bakka irreechaa

§  Tolcha fardaa

§  Fooqa kormaa

Aadaa Nyaataa Aanaa Dirree Incinnii gulaali

gosoonni nyaata aadaa aanaa kanatti beekamoo ta'an;-caccabsaa ,cuukkoo, marqaa, dhodhooboo/qorii/, hollataa/warqee irra kan hojjatamu,qincee, daabboo, buna qalaa, akaawwii, dinnicha, maxinoo, mulluu/suummoo, caabetaa, fi k k f

Dhugaatiiwwan aadaas kanneen bordee/farsoo  oromoo, buqqurii, booka/daadhii, farsoo fi k k f beekamoodha.

Abo Abebe tiin qindaawee dhiyaate. Gaaffii fi yaada yoo qabaattan (abserdido@gmail.com or abserdido@yahoo.com) fayyadamuun gaafachuu dandeessu.